Aangoo Pirezidant Tiraamp maaltu daangeessuu danda'a?

Doonaald Tiraamp amma aangootti deebi'eera. Marsaa kana jijjiirama hedduu fiduuf akka deemu guyyaa jalqaba Waayit Haawus seenerraa gochaan mul'isaa jira.

Erga waadaa seenee ajaja hedduu dabarse, sanadoota hedduu mallatteesse.

Daangaa Meeksikoo irratti labsii yeroo hatattamaa labsuu, gartuu qoricha sammuu namaa hadoochu daldalan tarree shororkeessitootaa jalatti ramaduu fi kanneen hookkara Amajjii 6, 2021 irratti hidhamaniif dhiifama gochuudhaan hojiisaa eegale.

Qondaalli Rippaablikaan kun yeroo duula filannoo irraa eegalee ''baqattoota hedduu'' US keessaa akka ari'u dhaadataa ture.

Tajaajila mootummaa saffisaa fi kan iftoomina qabu gochuu, gibira hir'isuu fi meeshaalee alaa galan irratti ammoo gibira dabaluunis kaayyoosaa ture.

Tiraamp galmasaa kana bira ga'uuf Kongiresa olaantummaa miseensota Paartii Rippaablikaan qabu akkasumas abbootii seeraa Mana Murtii Waliigalaa kanneen sirna duriitti cichan akkaan abdateera.

Garuu qaama mootummaa keessa kan hordofuu fi to'atu akkasumas madaalliin akka eegamu hojjetu waan jiruuf kun isaaf qormaata ta'uu danda'a.

Ogeeyyiin wantoota ja'a karoora Tiraamp raawwachiisuuf deemu daangessuu danda'an akkanaan kaa'aniiru.

1. Kongiresii keessatti caalmaa xiqqoo qabu

Rippaablikaanonni manneen maree Kongiresii jala jiran lameen keessattuu olanatummaa qabu, garuu xiqqoodha.

Filannoo Sadaasa darbeen Mana Maree Bakka Bu'ootaa keessaa teessoo 220 argatan, warri Dimokiraatotaa 215.

Ergasiis miseensi Rippaablikaan tokko gadhiiseera, tokkos gadhiisuuf karaarra jira.

Kana jechuun Rippaablikaanonni teessoo lama qofaan dursu jechuudha, teessoon duwwaatti hafan lameen ji'oota dhufan keessa filannoodhaan itti guutamu.

Pirofeesar Mark Petersan Yuniversitii Kaalifoorniyaa, Los Anjalas keessatti argamutti ogeessa imaammataa, seeraa fi saayinsii siyaasaati.

''Dursummaan kun siyaasa ammayyaa keessatti isa akkaan xiqqaadha,'' jedhe.

Rippaablikaanonni ''akka malee tokkummaa qabu,'' kan jedhu ogeessi kun, garuu dhimmoota walxaxoo ta'an irratti jara kana walitti qabuun ni cima jedhe.

Seenetii keessatti Rippaablikaanonni teessoo 53 qabu, Dimokiraatonni 47.

Kun ammoo sagalee gufachiisa galma keessatti mudatu dura dhaabbachuuf ga'aa ta'e miti. Sagaleen kanaaf barbaachisu 60 ture.

Garuu adeemsa walitti araarsuu jedhuun Seenetiin sagalee caalmaa muraasaan (51) labsiiwwan baajataa raggaasisuu danda'a.

Rippaablikaanonni mala kanaan karoorasaanii garii milkeessuu danda'u jedha Pirofeesar Pitarsan.

''Garuu Dimokiraatonni waan kanarraa hafe hunda dhaabsisuu danda'u.''

Pirofeesar Pitarsan akka jedhutti Tiraamp marsaa jalqabaa wayita pirezidantii turetti Kongiresii keessaa teessoo caalmaa qaba ture, garuu seera gibira hir'isuu qofa akka yaadetti milkeeffate.

2. Walabummaa mana murtii

Manni Murtii waliigalaa US keessatti mana murtii isa olaanaa (hundaa ol) ta'edha. Wayita bakki duwwaa ta'utti abbootii murtii kan filatan pirezidantota.

Abbootii seeraa sagal keessaa ja'a kanneen sirna durii leellisan (conservatives). Sadeen isaanii Tiraamp bara bulchiinsa isaa marsaa jalqabaa kan muudeedha.

Kana jechuun garuu bulchiinsa isaa keessatti murteewwan darban hunduu kan isa deeggaraniidha jechuu miti.

Manni Murtii Waliigalaa bara 2022 mirga ulfa baasuu irratti ture duubatti deebisee ture, kana kan deeggaran namoota Tiraamp muudedha.

Mirga ulfa baasuu akka hambisu duula filannoo bara 2016 irratti waadaa galee ture Tiraamp. Garuu hunduu akka Rippaabilikaanonni abdatan hin taane.

'Affordable Care Act' - yookiin Obamacare jedhamuun kan beekamu mirga ulfa baasuu akkaan deeggare, mirga jaallattoota saala walfakkaataas akkasuma.

Manni murtii waliigalaa kun bu'aa filannoo bara 2020 haqsiisuuf yaalii taasifames kuffiseera.

Mana murtii waliigalaatiin alatti abbootiin seeraa manneen murtii naannolee dhibbeentaa 60 kan ta'an pirezidantota Dimokiraatotaan muudaman, Ribbaalikaanonni kan muudan dhibbeentaa 40 qofa.

Pirofeesar Pitarsan abbootiin seeraa kan isaan ittiin taliigaman seeraa fi qajeeltoo Manni Murtii Waliigalaa diriirsuuni jedha. Kanaafuu manni murtii qaama mootummaa sadaffaa ta'ee walabummaa olaanaadhaan kan hojjetuudha.

3. Naannolee fi bulchiinsota naannolee

Caasaan federaalaa US jijjiiramoota Waayit Haawus irraa gadi darban irratti daangaa ni kaa'a.

Heerri US haareffame 10ffaan mootummoota naannoleef aangoo guddaa kenna.

Dhimmi nageenyaa, fayyaa, barnoota, dantaa hawaasummaa, seera yakkaa, qajeelfamoota hojjettootaa fi seera qabeenyaa durumaanuu aboo naannoleeti.

Magaalonni fi bulchiinsonni (Kaawuntiiwwan) nageenya hawaasaa, pilaanii magaalaa fi itti fayyadama lafaa ofumaaf hojjetu.

Pirofeesar Pitarsan Dimokiraatonni carraa kana fayyadamuun sadarkaa naannolee fi magaalotaatti bulchiinsa Tiraamp qoruu danda'u jedhee amana.

Bakki Tiraamp jiraatu, Kaalifoorniyaan, US keessatti bulchiinsa isa guddicha. Addunyaarraa diinagdeedhaan shanaffaadha jedha ogeessi kun.

Bulchiinsa kana dabalatee bulchiinsonni kaanis akkaataa Tiraamp fedhuun qofa osoo hin taane akkaataa ofii fedhaniin waan barbaadan raawwachuun bulhiinsa Tiraamp qoruu danda'u jedhe.

Akkuma Baayidan fi Obaamaan Teeksas fi bulchiinsota kaan keessatti kanaan dura qoramanitti.

Yeroo ammaa bulchiinsota US 50 keessaa 23 bulchitoota Dimokiraatota ta'an qabu.

Karoora Tiraamp qopheeffate keessaa gariin kanneen akka baqattoota hedduu ari'uu deeggarsa naannolee gaafata.

Kanaafuu diddaan naannolee karoora kana danquu danda'a.

Ammumaanuu bulchiinsonni fi maagalonni hedduun godaantotaaf ''da'oo'' ta'uuf labsaniiru. Gama kanaan hojii federaala waliin qindoominaan hojjetan daangessaa jiru.

4. Tajaajila Siivilii US

Bara bulchiinsa Tiraamp marsaa jalqabaa Rippaablikaanonni sababa diddaamhojjettoota mootummaa (siivil sarvaantotaa) irraa isaan mudateef, ajandaa itti kenname bakkaan ga'uun qormaata akka itti ta'e himachaa turan.

Gara dhumaarra Tiraamp ajaja dabarse. Hojjettoota kumaatama ari'uun deeggartoota isaa qofa qacare.

Pirezidant Baayidan gaafa aangoo qabatu hojimaata kana geeddare, garuu ammas Tiraamp wayita aangootti deebi'u guyyaa jalqabaa irratti karooruma walfakkaataa hojiirra oolchuu eegale.

Hojjettoonni federaalaa fageenyarraa hojjetan akka biirootti deebi'anis ajajeera.

Gareen sirna durii leellisan (conservatives) kanneen Tiraampiif michuu ta'an hojjettootaa fi aanga'oota kanneen amma jiran bakka bu'uu danda'an adda baasanii qixeessaniiru.

Jaarmiyaan tokko, National Treasury Employees Union, hojimaata haaraa kana ilaalchisuun himannaa seeraa eegaleera.

Diddaan akkasii manneen hojii hedduu kanneen akka kutaa seeraa, siyaasaa fi daldalaa irraa bal'inaan Tiraamp mudachuu danda'u jedha Pirofeesar Pitarsan.

5. Jaarmiyaalee siivilii fi miidiyaa

Aab Tiraamp miidiyaalee liberaal ta'an akkasumas jaarmiyaalee siivil kanneen akka American Civil Liberties Union (ACLU) irraa diddaan isa mudachuu danda'a.

Miseensota miiliyoona 1.7 kan qabu ACLU, wixineewwan Tiraamp garii mormuuf akka jiru ibseera.

Labsiin Tiraamp godaantota irratti baase maatii kan gargar baasu, fayyummaa walhormaataa kan miidhu fi boodarra mormitoota humnaan cabsuutti kan geessuudha jedha jaarmiyaan kun.

ACLU fi gareen biroon Wiixata darbe (guyyaa jalqabaa Tiraamp hojii eegale) lammummaan dhalootaan argamu akka dhaabbatu ajajmuu dura dhaabbachuun himannaa seeraa jalqabaniiru.

Mormitoonni Tiraamp gariin waa'ee walabummaa miidiyaarratti yaaddoo qabu, keessattuu erga Washington Post fi LA Times filannoo dura pirezidantii beeksisuu (aadaa duraanuu ture), akka hin dabarsine dhorkamanii yaaddoo hamaatu jira.

Miidiyaan lameenuu Kaamaalaa Haariis kaadhimamtuu pirezidantii ta'uusee beeksisuuf turan.

Abbaan qabeenyaa Washington Post, hundeessaa Amazoon fi biiliyeenara Jeff Bezos, tarkaanfiin kun kan fudhatameef miidiyaan kunneen loogii hojjetu ilaalcha jedhu hambisuuf ta'uu ibse.

Muddee darbe sagantaa waadaa seenuu Tiraampiif tumsa maallaqaa akka godhu ibsee ture tujaarri kun.

Abbaan qabeenyaa LA Times Patrik Soon-Shiong (innis biiliyeenara) kaadhimamtoota dhiheessuun biyyattii keessatti qoqqoodiinsa uuma sodaa jedhuun gabaasi akka hafe ibse.

6. Deeggarsa uummataa

Sagaleen uummataa xiyyeeffannaan Pirezidant Tiraamp isa olaanaa ta'a.

Sagalee uummataa dhibbeentaa 49.9 argate, kun filattoota keessaa walakkaa gadidha. 1.5 qofaan Kaamaalaa Haariis caale.

''Sagalee pirezidantii nama taasisu kan akkaan walitti dhihaatedha,'' jedhe Pirofeesar Pitarsan.

Ammoo kan Tiraamp filate hundi imaammatasaarratti waliigala jechuu miti.

Hedduun Rippaablikaanota Tiraampiin hin jaallanne, garuu gibirri akka hir'atu fi biirokiraasiin akka salphatu barbaadaniidha.

Kaan ammoo qaala'iinsa jireenyaa qolachuu irratti filannoon jiru Tiraamp qofa ta'uu amananii filatan.

Kun hunduu walitti ida'amee fudhatamummaa pirezidantichaa akkasumas filannoo gidduutti bara 2026 gaggeeffamurratti akkanni deebi'ee hin filatamne danqaa ta'uu danda'a.

Ogeeyyiin gariin ammoo waadaan Tiraamp diinagdee guddisuu fi qaala'iinsa xiqqeessuuf seene karoorasaa kaan kanneen akka gibiraa fi godaantota ari'uu fa'iin walfaallessa waan ta'eef qormaata keessa galuu danda'a.