Itoophiyaan bilisummaa pireesiin sadarkaanshee gad-bu'ee Ertiraan dhumarra jirti

Maayikii gosa garagaraa

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan bilisummaa pireesiin sadarkaa bara darbe irra turte irraa gulantaa afuriin gadi bu'uun 145ffaa irra kan jirtu tahuu Gareen Gaazexeessitoota Daangaa-Maleeyyii ibseera.

Waggootaaf bilisummaa pireesii hacuucuun kan beekamtu biyyi ollaa Ertiraan addunyaa irratti sadarakaa dhumaa irratti teessee jirti.

Caamsaa 3, guyyaa kabaja bilisummaa pireesii ilaalchisuun ibsa gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu kuni baaseen gulantaa madaala pireesii kana keessatti biyooti 180 kan hammataman yoo tahu, akka addunyaatti bilisummaan pireesii isa durii wajjin birqabaan yoo ilaalamu sadarkaa gadaanaarra akka jiru ibseera.

Qabinsa gaazexeessitootaafi bilisummaa pireesiin waggootaan dura fooyya'insa olaanaa agarsiistee kan turte Itoophiyaan yeroo dhihoo as gulantaan irra jirtu gad bu'eera.

Itoophiyaan sadarkaa bara darbee 141 irraa gad bu'uun 145 irra taa'uu gabaasni garee kanaa agarsiisa.

Waggootaaf safartuu bilisummaa pireesii kanaan sadarkaa dhumaarra kan argamtu Ertiraanis akka bara darbee ammas sadarkaa180ffaa irra teesseetti.

Akka gabaasni kuni agarsiisutti biyyooti Afrikaa torba akeektuu bilisummaa pireesiin sadarkaan isaanii gad kan bu'e yoo tahu keesumaa sadarkaa 143ffaarra kan jirtu Yugaandaan, 145ffaa irra kan jirtu Itoophiyaan akkasumas sadarkaa 146ffaarra kan jirtu Ruwaandaan ramaddii ''akkaan yaaddessu'' jala kan galan tahuu gabaasni kuni ibseera.

Ertiraan sadarkaa dhumaarratti kan itti fufte yoo tahu miidiyaan bilisaa gonkumaa jiraachuu dhabuun dabalataan gaazexeessaan Daawit Yisaaq jedhamu waggootii dheeraaf hidhuun rekardii qabatteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Noorweey, Istooniyaa, Neezarlaandis, Siwiidiin,Fiinlaand, Deenmaark,Ayarlaand, Poorchugaal, Siwiizarlaand fi Cheek Rippaabliik biyyoota bilisummaan pireesii itti kabajamu gulantaa 1-10 keessa jirani dha.

Gabatee gulantaa bilisummaa pireesii irratti kan bara darbe irraa sadarkaa lamaan gad bu'uun 57ffaa irra kan jirtu Ameerikaan, Donaald Tiraamp gara aangootti deebi'uu isaaniin wal-qabatee sadarkaan kuni gad bu'uu gabaasichi ibseera.

Gabaasichi dabaluunis bulchiinsi Donaaldi Tiraamp dhaabbilee mootummaa akka meeshaatti fayyadamuun miidiyaalee bilisaaf deeggarsi taasifamu akka addaan citu gochuufi gaazexeessitoota irratti tarkaanfii loogii fudhateera jedha.

Gareen Gaazexeessitoota Daangaa-Maleeyyii gabaasa bara kana irratti qabiinsi bilisummaa pireesii amma irra jiru ''yeroo kamiyyuu caala gad bu'eera'' jechuun haalli rakkisaa mudachuufi bilisummaa pireesii hordofuu erga jalqabee waggaa 23 as qabxiin bara kanaa akkaan gad-aanaa tahuu ibseera.

Gareen teessoon isaa Faransaayi tahe kuni ibsa guyyaa pireesii sababa gochuun baaseen ''uummati addunyaa walakkaa ol biyyoota qabiinsi bilisummaa pireesii isaanii yaaddessaa jedhamu keessa jiraata,'' jedha.

Sadarkaan bilisummaa pireesii biyyootaa kan bahu ogeessoti gaazexeessitoota biyyoota garagaraa keessa jiran irratti waan mudate akkasumas haalota siyaasaa, seera, diinagdee, hawaasuummaa akkasumas aadaafi haala nageenyaa gamaaggamuun kan bahu dha.