Waa'ee gaazexeessaa waggaa sadi keessatti yeroo sadaffaaf hidhamee maatiin maal jedhu?

Madda suuraa, Maatii Muhiddiin
Ejensii sabqunnamtii naannoo Harariitti gaazexeessummaan Tajaajilaa kan ture Muhaddiin Abdullaahii erga poolisii naannoo Harariitiin too'atamee hidhaa seenee torbee lama caaluu maatiin BBCtti himan.
Minseensi maatii Gaazexeessichaa nageenya isaaniif yaadda'uun ''maqaa kiyya hin ibsinaa'' jedhan akka dubbatanitti gaazexeessaan kuni poolisii naannichaatiin yoo hidhamu waggaa sadii keessatti kan miilanaa kuni marsaa sadaffaadha.
"Shororkeessummaadhaan shakkame jedhanii Poolisiin ganama paatroolii afuriin mana jireenyaa dhufee qabanii deeman. Egasiis mana sakatta'aniiru. Homaa wanti argame hin jiru," jedhan.
Gaazexeessaan kuni yerooo ammaa naannoo Hararii waajjira Poolisii Shankooraa jedhamutti hidhamee akka jiruu fi akkaataan qabiinsa isaa yaaddessaa akka ta'es himu miseensi maatii kun.
"Qofaa isaatti kutaa dukkanaa keessatti hidhamee jira. Kitaabumallee kennuufiin hin danda'amu, mana dukkana keessa waan jiruuf. Maatiinis abukaatoon isaas dubbisuuf baayyee rakkoodha," jedhan.
Gaazexeessaan kuni ammaan duras sababuma miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaarratti barreessuun hidhaaf akka saaxilamee fi mana hojii isaatiis gulantaa irra turerraa kaafamuun ramaddiin dhorkatamee akka tures himu.
Erga poolisiidhaan too'atamee mana murtii dhihaatee akka turee fi poolisiin guyyoota yeroo qorannoo dabalataa itti gaafatee jiraachuus himan.
Dhimma hidhamuu gaazexeessaa mana hojii isaanii irratti kan gaafanne Hoji gaggeessaan Ejensii sabqunnamtii naannoo Hararii Obbo Eeliyaas Abdurahmaan, waa'ee hidhamuu isaa irratti odeeffannoo akka hin qabne himan.
Gaazexeessaan kuni hojjetaa mana hojii isaanii ta'ulleen sababa waajjiricha keessatti caasaan ramaddii hin kennaminiif hojii hojjechaa akka hin turres eeran.
"Hojjetaa waajjira keenyaati. Garuu hojiirra hin turre. Ramaddiin kennameefii waan hin turreef waajjira keessatti durumaa hojii hojjechaa hin turre," jedhan.
Gaazexeessaan kuni Ejensii sabqunnamtii naannoo Hararii keessatti ramaddii waan hin arganneef hojii hojjechaa akka hin jirre himanis hojjetaa kanaaf garuu dhaabbatichi mindaa kanfalaafii akka ture hin haalle.
Waa'ee Too'atamuufi qabiinsa mirgaa mana hidhaa keessattii kan maatiin Gaazexeessichaa himatu irratti Komishinara Komishinii Poolisii Naannoo Hararii Komishinar Ramzii Sulxaan nutti dubbachuuf beellamanii boodarra sababa bilbila hin kaasneef argachuu hin dandeenye.












