'Gaazexeessitoota dubartoota warra jalqabaa keessaa' kan ta’an Aashaa Qallii akkamiin yaadatamu?

Aashaa Qallii

Madda suuraa, HNN, Yonis Abdullahi, Saliha Sami

Afaan Oromoo keessa gaazexeessaa fi bohaarsitoota dubartootaa isaan jalqabaa keessaati kan jedhaman Aaddee Aashaa Ibraahim Usmaan, umriisaanii ganna 81’tti dhiyeenya du’aan boqotan.

Aaddee Aashaa maqaa masoo Aashaa Qallii jedhuun hawaasa birratti kan beekaman ogguu tahu, biyya waggoota dheeraaf keessatti jiraatan Kaanaadaa magaalaa Torontotti owwaalchi isaanii raawwateera.

“Seenaan isii baayyee hin dubbatamne,” kan jedhamtu Aashaa Qallii dubartii gaazexeessituu jalqabaa Somaaliyaa magaalaa Moqadishoorraa Afaan Oromootiin tamsaasaa turuun maqaan isaanii eeramu.

Aashaa Qallii eenyu?

Harargee Bahaa baadiyyaa Aanaa Kombolchatti akka dhalatte kan himamu Aashaa Qallii, harmee fi abbaashee daa’imummaatti dhabde.

Weellistuu Saalihaa Saamii namoota gaazexeessituu kana dhiyeenyaan beekan keessaati.

“Ijoollummaatti rakkoo hamaa dabarsite,” kan jettu artistiin kun, umriinshee gara waggaa 11tti daangaa qaxxaamuruun biyyaa baatee Hargeessaa akka galte nutti himte.

Jiraataa magaalaa Torontoo kan tahaniifi Aaddee Ayishaa ganna 30tti siquuf dhiyeenyaan kan beekan namni ganna 68 Abdurashid Abdurrahmaan, gara caalu Abbaa Urjii jedhamuun beekamu.

Aashaa Qallii “ijoollummaan biyyaa baate,” jechuun Abbaa Urjiin mirkaneessu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Saalihaa gamasheen: “Daldaltoonni Kombolcharraa deemuun Hargeeysaa fidanii, mana namaa wahii geessan,” jechuun akka biyyaa bahan himti.

“Osoo achii teessuu niitiin faranjii takka isii argitee if bira keessee… tora amata 14 isiinuu heerumte.”

Kan heerumtes nama waraana keessa hojjetuu fi lammummaaa Xaaliyaanii tahetti akka tahe himti weellistuun kun.

“Ilmoo dubraa takka argattee, ilmoo sanis Xaaliyaanitti jalaa fuudhani. Achuma wayita jirtutti abbaan manaashee jalaa du’e.”

Kanaan booda Hargeeysaa dhiistee, naannoo 1968 keessa kara Moqadiishoo akka deemte himti Saalihaan.

Erga achi geesse boodas anga’aa mootummaa duraan beektu gaafachuun, fedhiinshee raadiyoo Afaan Oromoo keessa hojjechuu akka ture itti himuun, akkasumas intalashee dhabdes akka walargitu gaafatte.

Haala kanaan qondaalli sun, nama buufata raadiyoo sana keessa hooggansa jiruufi dhalataa Oromoo tahe Obboo Abdoo Muusaa jedhamu wajjin walqunnamsiisuun, hojii gaazexeessummaa eegalte.

“Sagalee isiitiin oduu dabarsiti, oduu bohaartii dabarsiti, nama adda bade walitti fiddi, diraamaa hojjetti, ni weellisti,” jechuun gama kanaan dubartii jalqabaa akka taate kaasti weellistuun kun.

Abbaa Urjiin gamasaaniin Aashaa Qallii raadiyoorra qophiilee muuziqaa dhiyeessituun beekamti jedhu.

“Isin qophii wallee raadiyoon tamsaasu irratti beekamti, walleelee dhaadheessiti,” jechuun isaanillee qophii raadiyoo Somaaliyaarraa dabru biyyatti caqasaa akka turan himu.

Abbaa Urjii dabaluun Aaddee Aashaa baqattummaan Somaaliyaa keessaa gara Sa’udii Arabiyaa, achiis gara Xaaliyaanii, achii ammoo 90’oota keessa gara Kaanaadaa akka imalan himaniiru.

“Gara [Toroontoo] erga dhufte 1991 boodas, hawwisoo keessa nu gargaaraa turte,” jechuun, aartii Afaan Oromoo biyya sanatti hundeessuufi dagaagsuu keessatti qooda guddaa akka gumaachan kaasu.

Akkamiin yaadatamu?

Saalihaan hawaasni Oromoo waggoota dheeraaf magaalaa Torontootti akka jiraatan kaasuun, Aashaa Qallii dabalatee weellistoota Oromoo “jalatti guddanne” jetti.

“Weellisaa Oromoo akka Nuhoo Goobanaa, Elemoo Alii, Qamar Yusuf, Alii Birraa… baay’eedha. [Isaan kun hundi] wiirtuun isaanii Torontoodha.

“Ani yeroo sanatti issaan jidduu dhaqee isaan kanarraa ijoollummaatti waa hedduu bare… Magaalaa Torontoo keessatti namoota dhiibbaa nurratti uuman keessaa namni tokko isiidha.”

Aashaa Qallii akka dubartiitti ofitti amanamummaa cimaa nama qabdu akka turte kan kaastu Saalihaan, hirmaannaan siyaasa keessatti qabdus guddoo akka ture kaasti.

“Hiriira qabsoo yeroo sana deemaa turterraa hanga dhiyootti, bikka jiru [hundatti] bahuun Oromoof nama falmaa turtedha. Jaalalli Oromummaaf qabdu hamma umriisee dhumaatti ture.”

Artist Saalihaa Saamii akka jettutti, dubartii seenaa guddaa qabdu kana hawaasni Oromoo hin beekuu dhabuunsaa “wanna nama gaddisiisudha” jetti.

“Dubartii Oromoo akkanaa, Raadiyoo Moqadiishoo bakka jiran barbaaddee deemtee, naannoo 1968 achi seente. Nama waan kana godhaa ture namni keenya hinbeeku.”

Saalihaan dabaluun gameeyyii Raadiyoo Moqadiishoo keessa hedduu kan beekaman warra dhiiraa malee, qooda dubartoonni qaban guddoo hin himamu jetti.

Raadiyoon Moqadiishoo 1960’oota keessa Somaaliyaatti hundaa’eefi guddina Afaan Oromoof gumacheera jedhamu ogguu ka’u maqaan Sheek Mohammad Rashaad Abdullee, Yonis Abdullaahii, Ayyuub Abuubakar, Alii Gaa’ii, Shantam Shubbisaa fi kaanis wajjin ka’a.

Saalihaan dabaluun: “Isiinis achi turte, hedduu dinqisiifamaa turte… iftee bahuun irraa haasawamuu osoo qabuu, kan dhiiraa qofatu dubbatama,” jechuun haala hawaasicha keessa jiruufi gama miidiyaan waan jiru qeeqxi.

“Qabsoo Oromoon gaggeessa ture keessatti, wanti dubartiin isiin goote: qabsoo hidhannoo haatahuu, waraana hoogganuun,... kan harkaafi milli cite jiru namni beeku hinjiru.

Gaafa du’an garuu xiqqoo xiqqoo irratti dubbatama.”

Waggoota hedduuf Kaaba Ameerikaa kan jiraataniifi Aashaa Qallii akka beekan kan himan Abbaa Urjii gamasaaniin, Aashaa Qallii gaazexeessummaan qofa odoo hin taane, baqattoota Oromoo tumsuu keessattis hedduu beekamu jedhu.

“Hawaasni keenya gaafa achi dhaqu, bakka namni itti qubatuufi tajaajila itti argatu manuma ishiiti. Gargaarsi ishiin hawaasaaf goote hedduu guddaadha, keessaawuu baqattota keenya Moqadiishoo dhaqan.

“Hanga Yaman deddeemuunis warra Qeerroo, kanneen akka Elemoo Qiilxuufaa gargaaraa turte.

“Warra jalqbarra dammaqee, hawaasa keessatti dirqamasaa bahaa ture keessaati,” jechuun yaadatu.