Waa'ee seenaa Raadiyoo Harar kan dhiheenya deebi'ee baname duubaa hangam beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Raadiyoon Harar kan bulchiinsa mootii Haayilasillaasee jalatti bara 1973 keessa baname, cufamee erga turee booda tibbana deebi'ee banameera.
Raadiyoo Harar keessatti qophiilee bashannansiisoo hojjechuun kan beekamuu fi amma OBN keessa kan hojjatu Jaafar Alii, raadiyoon kun Itoophiyaa keessatti raadiyoo seena qabeessa Afaan Oromoon tamsaasuun isa duraa ta'eedha jedha.
Dagaagina Afaan Oromoo fi hawaasi odeeffannoon akka gabbatu gochuu keessatti qooda guddaa gumaache kan jedhe Jaafar keessattuu wayita ''Afaan Oromoo raadiyoo cabsa'' jedhametti, Afaan Oromoo afaan odeeffannoo, afaan beekumsaa, afaan hojii bal'aa ta'uu akka danda'u kan mirkaneessedha jechuun ga'ee Raadiyoo Harar ibse.
Raadiyoon Harar qormaata isa mudatu jalatti karaa dheeraa kan deemaa ture ta'us waggaa kudhan dura garuu guutummaatti cufame.
''Raadiyoon kun seenaa hojjechaa amna dheeraa deeme, guyyuma Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawii du'u ajajaan cufame. Wayita sana akka nama achi keessa hojjechaa tureetti qofa osoo hin taane akka nama itti dhimmamuu fi dhimmichi isa galchuu tokkootti ibsa kenneen ture.
Ergan biyyatti deebi'eef Raadiyoon kun akka jiraachuu qabuuf tattaafataan ture,'' jedha Jaafar.
Raadiyoon kun jalqaba kan baname Raadiyoo Itoophiyaa jalatti waan ta'eef deebisanii haaressuufis dhimmichi Dhaabbata Birodkaastii Korporeshinii Itoophiyaa ilaallata ture jedhu.
Jaafar Alii akka jedhutti raadiyoon kun deebi'ee of danda'ee akka banamuuf bulchiisaa fi boordii dhaabbatichaa (EBC) irratti dhiibbaa guddaan uumameera.
''Miidiyaan dorgommii keessa galuu fi afaan saboota hedduun tamsaasuun heddummaachaa dhufuun EBC'n gaaffii kana fudhatee akka Raadiyoo Harar deebisee haaressee hojiitti galchu kakaaseera.
''Amma raadiyoo qofa osoo hin taane TV'nis dabalamee haaromfamee hojii eegalee jira,'' jedhe Jaafar.
Raadiyoo Moqadishoo achirraa Raadiyoo Harar
Bara 1965 sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishootti baname gama tokkoon yookiin gama kaaniin banamuu Raadiyoo Harariif sababa ta'eera.
Banamuu sagantaa raadiyoo Moqadishoo keessatti gameessi aartii Oromoo Shek Mohammad Rashaad Abdullee ga'ee olaanaa gumaachaniiru.
Bara sana namni utubaa Afaan Oromooti jedhamuun seenaansaa ka'u Ayyuub Abuubakar yeroo qilleensaa daqiiqaa 15 argatee Afaan Oromoon sagantaa dabarsaa turuu namni aartii gameessi Oromoo Yonis Abdullaahii BBCtti himaniiru.
Sheek Mohaammad Rashaad Abdullees wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan.
Sagantaa Ayyuub Abuubakarfaa Afaan Oromoon Moqadishooraa dabarsaa turan uummanni Oromoo akka mirgasaaf falmatu, akka of baru akkasumas bulchiinsa Haayilasillaasee qeequun beekama.
Raadiyoon Moqadishoo bara artist Yonis Abdullaahiifaa seenuun sirba dhiyeessaa turan daqiiqaa 15 irraa gara 30tti guddate, yeroo kana afaan Oromoos akka tuffatame ta'uun hafee daranuu jaallatamummaa argate.
Haalli kun daranuu kan isa mufachiise mootummaan Haayilasillaasee mala ittiin raadiyoo kana dhabamsiisu dhawuu eegale.
Boodarra mootummaan Hayilasillaasee ALA 1968 qondaaltota nageenyaa gara Somaaliyaatti erguun Ayyub ajjeesan jedhu artist Yonis.
Erga Ayyuub du'e booda, Abubakar Muusaatu iddoosaa bakka bu'e jedhu.

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us
Raadiyoon Harar jalqaba akkamiin baname?
Mootummaan Haayilasillaasee raadiyoo Moqadishoo cufsiisuuf malli fayyadame, hojjettoota achi turan hiraarsuu qofa miti, sagantaa raadiyoo gabaabduu Hararitti banuun mala malatee tokko ture.
''Raadiyoon Harar jalqaba bara 1973 wayita banamu dhugaatti Oromoof yaadamee miti. Isa dura Moqadishoorratti raadiyoon dhimma Oromoo dubbatu banamee ture. Garuu maqaan isaan yeroo sana ittiin Oromoo waaman kan biraa ture,'' jedha Jaafar.
Yeroo sana yaadaa-qalbiin uummataa guutummaatti Moqadishoo ture kan jedhu Jaafar, kun moootummaa Hayilasillaaseef sodaa guddaa ture jedha.
''Kana cabsuu ni barbaadu, ammoo Finfinneerratti bannaan uummanni Oromoo achirratti tokkooma jedhanii sodaatu. Yoo itti dhiisan ammoo uumanni gara bahaa (Harargee) kan Moqadishoo waliin walta'a. Kanaaf 'Qophii Afaan Oromoo' sagantaa jedhu banan.''
Garuu haa banamuyyuu malee dhiibbaa guddaa jala ture. Hanga dhufee mootummaa TPLF ga'utti qormaata guddaatu isa mudataa ture.
''Raadiyoon kun maqaa Oromoo jedhu qabatee lafaa ka'ee waan gabbiseef kun akka itti fufu hin jaal'atan turan,'' jedha Jaafar.
Gaazexeessitoonni gameeyiinillee sababa dhiibbaa garaagaraan kan lubbuunsaanii aarsaa ta'e akkasumas kanneen hidhaman turan.
Kanneen keessaa gameessi baandii Afran Qalloo bu'uuressee, booda Raadiyoo Hararitti lubbuu hore Abuubakar Muusaa nama adda durummaan eeramuudha.
Dararaan bara bulchiinsa Haayilasillaasee Afran Qalloo keessatti isa mudachuu eegale, bara bulchiinsa Dargii ammoo fuuldura istuudiyoo Raadiyoo Hararitti lubbuusaa gaaga'e.
Namni raadiyoo kana bu'uuresse kan qophii raadiyoorratti dhiyeessuun maqaa masoo argate Abdii Qophee (Mohaammad), gootaraan aartii Oromoo ga'ee bakka bu'aa hin qabne gumaacheera.
Ijoollummaarraa raadiyoo Harar caqasaa guddachuu kan himu Jaafar Alii, ''warra akka Abdii Mohammad - Qopheefaa dhagahaan guddadhe, kunimmoo gara kanatti akkan xiyyeeffadhu na kakaase,'' jedhe.
''An kanumarraa ka'uun barnoota Educational Mass media baradheen gara Raadiyoo kanaa seene.''
Aab Jaafar Raadiyoo Harar keessatti diraamaa, asoosama, sheekkoo fi qoosaawwan nama bashannansiisan fi barsiisan, walumaagalatti sagantaa bohaartii qopheessaan ture.
''Bashannansiisuu qofa osoo hin taane qaawwa arganne hundaan uummata qabsoofillee qopheessaa turre. Saamicha, hidhaa fi dararaa Oromoorratti raawwaturratti xiyyeeffata qabiyyeen keenya.''
Raadiyoon kun yeroo dhiyoo as akka qaama Raadiyoo OBN ta'eetti akka sagantaa tokkootti Adaamaarraa darbaa ture.
Kun kan sobaati yookiin fakkeessaaf godhame malee isa dhugaa miti kan jedhu Aab Jaafar Alii ''Amma Raadiyochi of danda'ee istudiyoo mataasaa qabaatee waan deebi'ee hundaa'eef inni kun ni hafa,'' jedhe.
''Fudhatama raadiyoon kun qabutti fayyadamuun qalbii uummataa hatuuf yookaan ammoo gaaffii uummataa ittiin gadi qabanii bira darbuuf waan ta'edha.''

















