Guyyaa Raadiyoo Addunyaa: 'Raadiyoon anaaf akka haadhaa fi abbaa kiyyaati'-Alii Baay Yaaqoob Calanqoorraa

Madda suuraa, EBS
Har'a Guyyaa Raadiyoo Addunyaati. Ga'ee Raadiyoon jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti gumaache lammiilee addunyaa biratti kan itti yaadatamuu fi kabajamee ooludha.
Interneetii fi TV akkasumas meeshaalee ektirooniksii oduu dabarsan gara addunyaa kanaa dhufuudhaan dura kan ture ta'uusaatiin dhala namaa waliin michummaa cimaa qaba Raadiyoon.
Guyyaan Raadiyoo Addunyaa kan bara 2022 mata duree: Raadiyoo fi Amanamummaa jedhuun akka kabajamu jaarmiyaan guyyaan kun akka kabajamuu eegalu murteesse-UNESCOn ibseera.
UNESCOn yaa'ii waliigalaa 36ffaa isaarratti Guraandhala 13 Guyyaa Raadiyoo Addunyaa ta'ee akka yaadatamu kan murteesse Sadaasa 3, 2011 ture.
Guyyaan kun jalqaba kan kabajame Guraandhala 2012 yoo ta'u barana yeroo 11ffaaf kabajama.
Raadiyoon namoota hedduu biratti jaallatamus, namoonni jaalalaa fi hirmaannaa addaa raadiyoorratti qaban muraasni wayita maqaansaanii ka'u dhageenya.
Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti Abdiisaa Nagaroo Amboorraa, Abbee-Kabbee Asallaarraa, Alii Baay Yaaqoob Calanqoorraa namoota kaanirra raadiyoorratti hirmaachuun maqaansaanii ka'a.
Yeroo waggaa 30tti siquuf raadiyoorratti hirmaachaa, badhaasa hedduus kan qooddatan manguddoon magaalaa Calanqoo Alii Baay Yaaqoob, seenaasaanii akkanaan nuuf qoodaniiru.
''Raadiyoorraa baradheen raadiyoodhaanis barame''
Ijoollummaasaaniirraa jaalala raadiyoo akka qaban kan himan Aab Alibaay Yaaqoob(Haji Mohammad Yaa'iqoob), mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa wayita turanitti odeeffannoo raadiyoorraa dhagahan dareetti barattootaaf dhiyeessaa turuu himan.
''Wayitan ijoollee ture colleen ture, odeeffannoo kennuu fi fudhachuurratti nan saffisa. Kutaa 5 fi 6 wayitan baradhu gaazexeessaan Shaambal Afaworqi Yohaannis jedhamutu waa'ee saayinsii irratti hojjeta ture. Anis baayyeen isa jaal'adha, nan hordofa. Waan inni dabarsu barreeffadheen Wiixata daree seenee barattootaaf dhiyeessa,'' jechuun eessaa akka hirmaannaa eegalan himan.
Haala kanaan osoo jiranii taateen magaalaa Cirootti isaan mudate ammoo daranuu hojiisaanii har'aaf bu'uura akka kaa'e himu.
''Wayitan kutaa sagal magaalaa Cirootti baradhu baalabbaati lafa sanaa Dajjaazmaach Ahmad Alii Xasee namni jedhaman abbaa kiyya waliin michuu turan. Afaan Oromoo malee afaan Amaaraa hin beekan. Waan biyyi itti oolte baruu fedhu, garuu raadiyoon afaan Amaaraan dabarsa,'' jedhan.
Yeroo sana raadiyoorratti hirmaannaa waan qabaniif akka oduu hiikanii itti himaniif filatamuu kan himan Haji Mohaammd Yaa'iquub (Alii Baay Yaaqoob), kana gochuusaanin akka badhaafamanis himan.
Kunimmoo raadiyoo duukaa akka bu'aniif bu'uura cimaa ta'uufii himan.
Akkasiin jaalalli raadiyoof qaban daran cimee, wayita bilbilli automaatikii eegalu ammoo bilbilanii hirmaachuu eegalan.
''Gaaffilee gaafataman irrattin hirmaachuu eegale. Raadiyoo biyyattii keessa jiran hundarratti nan hirmaadha. Raadiyoo Itoophiyaa, Faanaa, kanneen kaaba biyyattii jiran hundarratti hirmaachaan ture,'' jedhan.
Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Hararii fi Afaan Tigireen hirmaachaa turuu fi yeroo jalqabaaf bara 1994 Faanaarraa badhaasa argachuu himan.
''Bara 1994 Faanaan teeppii gurguddaa sadi na badhaase. Ergasiis Raadiyoo, teeppii, sa'atii, TV, mobaayila, maallaqa yeroo hedduu badhaafameera.
Haji Mohammad Yaa'iquub (Alii Baay Yaaqoob) raadiyoon bakka deeman hundatti michuu ta'uufii himan.
''Bakka kamittuu, haalaa fi yeroo kamittuu raadiyoon narraa adda ba'ee hin beeku. Raadiyoon anaaf fira kooti, haadha abbaa fi obbolaa kooti. Isarraan waa bare, isaanin barames,'' jechuun faayidaa raadiyoo ibsan.
Sababaan raadiyoorratti beekameefin karaa Televizhiiniillee beekame jedhan.
''Waanin dhagahee fi arge hunda katabeen kaa'a''
Haji Mohammad Yaa'iquub akkaataa itti odeeffannoo argatanii fi qindeeffatan wayita ibsan, ''Waraqaa kamuu dubbiseen, yoo na fayyade odeeffannoo irraa katabadha. Waanin dhagahe hunda gurra qofatti osoo hin taane waraqaarran kaa'a,'' jedhan.
Bara 1994 irraa eegalanii hanga ammaatti ragaalee walitti qabanii barreeffamaan olkaa'atanii qabu, odeeffannoon isaan harkaa qaban raadiyoorratti gaaffilee deebisanii badhaafamuun alatti namootaaf madda odeeffannoo ta'eera.
Kanarraa ka'uun namoonni Google Itoophiyaa jechaanii akka turan himu maanguddoon kun.
''Waanan katabu yeroo fi tartiibasaa eegeen kataba. Fakkeenyaaf kan bara kanaa Ji'a Fulbaanaarraa eegalee waan jirun ji'aan qoodee kaa'a. Waanin katabe sanaaf ibsa ga'aa kenneen olkaa'a, yoom, eessatti, maal akka ta'en ibsa. Waanni kun maal akka ta'e barreesseen itti maxxansa.''
Afaan Amaaraa, Ingilizii fi qubeedhaan barreessuu kan himan Haji Mohaammad Yaa'iquub, ragaaleen kuusan kunneen akka kompiyuutaraan barreeffamanii taa'aniif ijoollee isaaniitti dhaamuu himan.
Mohammad Yaa'iquub (Alii Baay Yaaqoob) eenyu?

Madda suuraa, EBS
Maqaa masoo-Alii Baay Yaaqoob jedhamuun kan beekaman Haji Mohaammad Yaa'iquub, wayita maqaa masoo kana ibsan, ''Aliin maqaadha, Baay jechuun obboleessa jechuudha, Alii Baay jechuun Alii obboleessakoo jechuudha,'' jedhan.
Yeroo jalqabaaf maatii isaaanii keessaa kan Itoophiyaa dhufe akaakoo isaanii ta'uu kan himan Haji Mohaammad Yaa'iquub, ALI bara 1945 magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatanii Calanqootti akka guddatan himan.
Haji Mohaammad Yaa'iquub lammii Paakistaan turan, maatiin isaanii duraan turan Itoophiyaa jiraatanis lammummaa Itoophiyaa hin arganne.
Isaan garuu sababa dubartii Itoophiyaa fuudhaniif lammummaa Itoophiyaa argachuu himan.
Mana barumsaa kutaa 1-6 magaalaa Calanqootti, 8 fi 7 Dadar, isa booda 9-12 ammoo magaalaa Cirootti baratan.
Wayita barnoota xumuran qabxii yuuniversitii isaan seensisu argatanis garuu sababa lammii Itoophiyaa hin turreef carraa yuuniversitii seenuu hin arganne.
Kanaafuu dorgomanii Kolleejjii Qonnaa Jimmaa seenuun waggaa lama baratanii ba'an.
Haadha manaas achuma Jimmaadhaa fuuchuu kan himan maanguddoon ganna 69 kun, waggaa 46 fi walakkaa haadha warraasaanii waliin turan keessatti ijoollee sagal waliin horuu himan.
''Kan jaartiin kiyya naaf deesse sagal, tokko kan obboleessa kiyyaa, tokko ammoo kan ilma kiyyaa, walumaagalatti ijoollee 11 guddiseera. Ijoollee abbaa kiyyaa keessaa ana qofatu Itoophiyaatti hafe, kaan Paakistaan jiru. Ilmaan kiyyammoo faffaca'anii biyyoota akka Paakistaan, Sa'uudii, Firaansi, Siwizarlaand, Yaman jiran,'' jedhan.
Ijoolleensaanii hunduu Itoophiyaatti barnootasaanii hordofan, kan yuuniversitiirraa eebbifamanis jiru akka Haji Mohaammad jedhanitti.
Haji Mohaammad barnoota qonnaa baratanis, erga eebbifamanii ba'anii hojii mootummaa hin hojjenne.
''Ergan ba'ee dukkaana/suuqii abbaa kiyyaa dhaaleen hojjechuu eegale. Suuqii nan babal'ise. Horsiisa lukkuu, loon, akkasumas mana suuraa fi farmaasiiwwan banadheen hojjechuu eegale,'' jedhan.
Yeroo ammaa ijoolleensaanii warri Itoophiyaa jiran Dukkaana qorichaa/faarmaasii fi suuqii akkasumas hojiiwwan horsiisa beelladaa isaan eegalan keessa seenuun hojjechaa jiraachuu himan.
Haji Mohaammad Yaa'iquub afaan torba bareechanii dubbatu, ''Calanqootti guddachuun akkan Afaan Oromoo akka afaan dhalootaa kootti baradhu na godhe'' jedhan.
Afaan Oromoorratti dabalataan Afaan Amaaraa, Afaan Arabaa, Afaan Ingilizii, Afaan Hararii, Afaan Tigiree fi Afaan Hindii ni dubbatu.
Haji Mohaammad itoophiyaa keessatti akka lammii Itoophiyaatti beekamanis, biyyoota alaatti garuu qormaati isaan mudachuu himan.
''Fakkeenyaaf wayitan hajjiif Sa'uudii Arabiyaa deemee ture garee Itoophiyaatti akkan hin makamne eegdonni na ittisan. Isa booda paaspoortii kiyyan itti agarsiise. Ergasii alaabaa Itoophiyaa qabadheen imala,'' jedhan.
Haji Mohaammad dhibee onneen qabamanii erga Hospitaala Onnee Addis jedhamu kan magaalaa Finfinneetti argamutti yaalamuu eegalanii waggaa 12 caaleera.
Paakistaan yeroo tokko dhaquu kan himan Haji Mohaammad, ergasii ammoo maatiisaanii bilbilaan quunnamaa jiraachuu himan.


















