'Ani badhaasaaf utuu hin taane dhugaafin hojjadha' - Gaazexeessaa Cimaa Bara Kanaa Anuwaar

Gaazexeessaa Anuwaar Jamaal sagalee ummataan kennameeni Badhaasa Miidiyaa yeroo jalqabaaf qophaa'en 'Gaazexeessaa Cimaa Bara Kanaa' jedhamuun badhaafame

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaa Anuwaar Jamaal sagalee ummataan kennameeni Badhaasa Miidiyaa yeroo jalqabaaf qophaa'en 'Gaazexeessaa Cimaa Bara Kanaa' jedhamuun badhaafame

Badhaasa Miidiyaa isa jalqabaa ogeeyyii miidiyaa damee adda addaan badhaaserratti Gaazexessaa Cimaa Bara 2016 (ALI) kan jedhame Anuwaar Jamaal dhugaafin hojjedhaa jedhe.

Itoophiyaatti sagantaan gaazexessitoota badhaasuu yeroo duraaf eegale Media Award kaadhimamtoota damee adda addaa 16 dorgomsiisaa ture Roobii Hagayya 28/2024 Finfinneetti badhaaseera.

Dameewwan kunniin qopheessitoota sagantaa raadiyoo fi Televeshinii, Oduufi bashannanaa, dokumentarii, ispoortii, suuraa fi kaanis kan of keessatti qabatee ture.

Gaazexeessaan Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwork(OBN) sagantaa Caayaa jedhuun yeroo dhiyoo as beekamtii guddaa argate Anuwaar Jamaal sagalee ummatarraa sassaabamu qofaan Gaazexeessaa Cimaa Bara Kanaa jedhamuun filatameera.

Anuwaar BBC waliin gaaffii fi deebii taasiseen, namni hojii gaarii hojjate sadarkaa kamittuu beekamtiin kennamuufiin, keessumaa ammo uummatni hojii isaa jaalatee isa filachuun hiikkaaan isaa guddaa akka ta’e dubbate.

“Sadarkaa kanatti [sadarkaa biyyaattii] beekamee badhaasa ittin argadha jedhee yaadee hin beeku” jedhe.

Hojii isaa kana badhaasa itti argadha jedhee utuu hin taane, waan itti amanee fi hojjachuu qabu akkasumallee akka dhaabbataattis waan itti amaname hojjataa jiraachuu hime.

Badhaasni kun fuula duraaf hojii manee guddaa akka ta'e kan dubbatu Anuwaar, Abbaan isaa kaka'umsaa fi hamilee milkaahinasaa ta'uu dubbate.

Hojii Gaazexeessummaa fi Anuwaar

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Arsii aanaa Asakootti dhalatee guddachuu kan himu Anuwar, maatiin isaa miidiyaa jaalachuu irraa kan ka’e qalbiin isaa gara gaazexeessummaatti harkifame.

Abbaan isaa nama miidiyaaa haalaan hordofan akka ta'aniifi wayita inni ijoollee ilmisaanii akka gaazexeessaa ta'u hawwii qaban namatti himaa akka turan yaada.

Kanumaanis Yuunivarsiitii Finfinneetti muummee gazexeessuummaan eebbifamuun miidiyaa mootummaa OBN keessatti waggootaaf hojjataa jira.

Keessumaa qophii Caayaa jedhamuun jaalatamummaa guddaa argatee sadarkaa badhaasaa kanaaf ga’e.

Qophiin Caayaa waggoota sadan darban keessa bifa hin baratamneen qondaaltonni mootummaa hojii isaaniif gaafatama akka qabaataniifi sagaleen ummata qaama dhimmi ilaalu bira akka ga’uuf kallattiin darbaa ture.

Hojiin qorannoo akkasii miidiyaalee biyyatti biratti hammana baratamaa miti. Yeroo adda addaatti garuu kan eegalanii adda citan jiru.

Miidiyaa akka OBN keessatti hojii akkasiif xiyyeeffannoo kennuun sagaleen ummataa akka dhaga’amuu fi deebii argatuuf jalqabbiin jiru miidiyaalee Afaan Oromoon dalagan keessatti jijjiramni dhufaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu eere.

“Hojii kana wayita hojjannu qorattee, ragaa funaannattee, ragaa adda baafattee ququlleeffattee, qaama hoogganu gaafattee komii fi gaaffiin ummataa akka deebi’uuf hojjanna.”

''Hojii kana keessammoo bu’aa ba’ii hedduutu jira, namni odeeffannoo kennuu diduun jira, nama beellamtee lafa fagoo deemtee dhabde harka duwwaa deebi’uun jira.

''Hooggansi illee si beellamee hafee haalli istuudiyoo duwwaa fa'i agarsiifne jira, doorsiisnis kallatti gara garaa irraa dhufuu mala'' jedhe.

Sagantaan Anuwaar ittii beekamtii argate kun qondaaltota mootummaa gaafatamtoota gochuu kan ilaallatu waan ta'eef namootni ragaa bahuuf tole jedhan booda sodaatanii dheessuun danqaalee isa mudatan keessaa muraasa akka ta'e dubbate.

''Sadarkaa biyyaattuu miidiyaan hojii qorannoo fi sakkatta’iinsaa akkasii hojjachuun waan hin baratamne ta’uu isaa irra kan ka’e doorsifnee qaamolee hin beekamne irraa na bira gaha'' kan jedhu Anuwaar, ''maatii fi hiriyoota keessatti yaaddoo nageenya uumuu danda’a'' jedhe.

Inni garuu ogummaa isaa bu’uura godhatee waan hojjatuuf yaaddoo akka hin qabne eera.

''Gaazexeessumman akka adda waraanaati'' kan jedhu Anuwaar, ''miidhaanis sirra gahuu akka malu beektee of qopheessitee kaayyoo keetiif deemta'' jedha.

Qophiiwwaan akkasii jireenya hawaasaa keessatti bu’aa fidanii fi yoomillee ittin yaadatamu hojjachuu isaaf gammaduu fi waan baay’ees irraa barachuu hime.

Kaayyoon isaa duraa ''saba Oromoo biratti gaazexessaan Anuwaar Jamaal jedhamu tokko ture'' jedhamee yaadatamuu akka ta'es dubbate.

'Hoji manee guddaatu nutti kenname'

Jalqaba miidiyaan wayita namootaaf beekamtiin kennamu gabaasuu irraan kan hafe badhaasni akkanaa qophaa’uufin kan jalqabati.

Kaka’umsi jiru gaarii ta’ullee badhaasni tibbanaa miidiyaalee sadarkaa federaalaarratti hojjetan qofa hammata jedhamuun komii kaasee ture.

“Aniyyuu sababa hojiin koo uummata keessa jiruuf, dhibbadheetuma seene, badhaasni kun namoota muraasa qofa qabatee ture kan eegalee, gaafa beeksifamuu eegalu garuu ummatni dhiibbaa gochuu eegale” jechuun Anuwaar akkamiin gara dorgommii kanaa akka gale hima.

Anuwaar duula guddaa miidiyaa hawaasaarratti godhameen alatti ofii namni akka isa filatu waamicha godhee akka in beekne dubbate.

Qophiilee badhaasaa akka biyyaatti gaggeeffaman keessatti qaamni qopheessu 'hojiilee Afaan Oromoon hojjetaman moggaatti qabuun' akka jiru, namoota hojiilee Afaan Oromoo hojjetan biras 'dorgommirraa moggaatti of qabuun' akka jiru hima.

Badhaasni Miidiyaa kun ''reefu jalqabiirra waan jiruuf qeequu caalaa kanneen biroos carraa hirmaannaa akka argatan tumsuu fi kakaasuutu barbaachisa'' jedha.

''Miidiyaaleen Afaan Oromoon hojjatanis wanti akkasii nu hin illaallatan jennee keessa of baasuurra'' carraa argame kamiinuu dorgomaa ta’uuf of qopheessuu qabu jedhe.

Namoota sagalee kennuufiin akka filamu gahee bahan Anuwaar galateeffateera.

''Utuu na filaa hin jedhin siif mala jechuun deeggarsa naaf godhaa turan. Kun faayidaa kamuu argattu irraa yoo of kennite ummataaf hojjatte akka kabajamtu, akka badhaafamtu irraa baradhe.''

Badhaasichis ta’ee deeggarsi ummatni taasiseef kun ogummaa kamuu keessatti ummataaf of kennannii hojjachuu fi ammalle hoji manee guddaan kan isa eeggatu ta’uu dubate.

''Gaazexeessummaan ogummaa of kennanii hojjatanii fi jijjiirama ittiin fidan ta’uu waan amanuuf ummataaf hanga danda’u hojjadhee darbuuf kutannoo qaba'' jechuun BBC ‘tti hime.