'Maaloo na dhiisaa': yaaddoo lammiilee odeeffannoo kennuufi qormaata miidiyaalee

Madda suuraa, Getty Images
“Ijoollee koon guddisa, maaloo na dhiisaa!” “Isin warra tikaati. Bilbilli keenya butameera.“
“Bilbilakoo eessaa argattan? Lamuu natti hin bilbilinaa!“…
Deebiin akkasii lola Naannoo Amaaraatti adeemaa jirurratti gaazexeessitoonni wayita jiraattota dubbisuuf yaalanitti deebii argatanidha.
Lolli hamaa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo jiduutti adeemaa jiru ji’oota jaha kan lakkoofsise ogguu tahu, miidhamaa fi sarbamni mirgoota namoomaa akka akkaa raawwatamaa jiraachuun gabaafama.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa taatee kanaan “lola hidhannoo“ jechuun kann ibse ogguu tahu, ibsasaa keessattis, lolli kun meeshaalee gurguddoo fi qilleensaanis kan deeggaramedha jedheera.
Miidiyaalee biyya keessaa fi alaa haala naannicha keessa jiruufi rakkoolee lola kanaan walqabatee mudatan gabaasuuf yaaliin taasisan, akkaan rakkisaa tahuu himu.
Naannichatti waraanni dhalachuu hordofee iddoowwan gariitti tajaajilli intarneetaa guutummaatti, tajaajilli bilbilaa ammoo gariin adda cituusaaniin, odeeffannoo qabatamaa argachuun rakkisaa taheera.
Kana malees qondaalonni mootummaa fi jiraattonni naannichaa odeeffannoo argachuuf gaafataman, sababoota garagaraan waan argan dubbachuurraa of qusatu. Kanaanis gaazexeessitoonni qondaalota mootummaa dubbisuuf yaaliin godhan milkaa’uu dhabuusaa irra deddeebiin himu.
Iddoowwan rakkoon nageenyaa jirutti kanneen jiraatan yaaddoo qabanirraa kann kahe odeeffannoo hin kennan, kanneen fedhii qaban ammoo eenyummaansaanii akka dshokatuuf gaafatu.
Kanaanis sarbamni mirgaa haala barbaadamuun otoo hin gabaafamin kka hafan sababa tahaa jira. Kun ammoo kanneen dhimmichi ilaallatu tarkaanfii sirreeffamaa akka hin fudhannee fi kanneen balleessanis akka hin gaafatamne taasisa.
Qorumsa odeeffannoo argachuu gaazexeessaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lola Itoophiyaatti gaggeeffaman gabaasuuf miidiyaaleen odeeffannoo argachuuf kan rakkatan ogguu tahu, gabaasaaleen hojjetamanis madden eenyummaan isaanii hin himamnedha.
Kun ammoo amanamummaa miidiyaalee gaaffii keessa galcha.
Lola naannoo Amaaraatti dhalate hordofee gaazexeessitoonni odeeffannoo argachuuf daran akka rakkatan dubbatu.
Haala Naannoo Amaaraa keessa jiru irratti hojjettoonni miidiyaa gar asana deemuun gabaasuuf yaaliin taasisan, yaaddoo jirurraa kan ka’e salphaa miti.
Gama mootummaanis odeeffannoon idilee hin kennamu; taateewwan irrattis mirkaneessuufis tahe haaluuf fedhiin hin jiru.
Solomoon [maqaansaa yaaddoo qabuun kan jijjiirame] gaazexeessaa miidiyaa dhuunfaa tokko keessa hojjetudha. Waraanni Naannoo Amaaraa uwwisa barbaachisu hin arganne jedhee yaada.
Odeeffannoo argachuuf “nama beekaniin ykn firaan” itti deemna kan jedhu gaazexeessaan inni biraa Giruum jedhamudha.
Maddeen isaanii rakkoon nageenyaa akka hin isaan mudanne yaaddoo qabanirraa ka’uun, odeeffannoo argachuuf gama nama beekaniifi amananiin itti dhiyaachuun dirqama akka tahe kaasa. Kanaan alatti “ani gaazexeessaadha” jedhanii qofa amansiisuun daran ulfaata jedha.
“Erga odeeffannoo nuu kennanii booda nahuun kanneen deebisanii nu gaafatan jiru. ‘Isin eenyu? Dhuguma gaazexeessitootaa? Eessarraa?’ jedhanii nu gaafatu.
“Odooma beekanii kanneen nu hin dubbisne danuudha. Natti hin bilbilinaa kann jedhan, akkasumas miidiyaarratti ennaa jettu naasuun simuu kann cufan hedduutu jira.“
‘Dirqama waan taheef callisuu feena’
BBCn dhimma kanarratti sababni maali kan jedhu baruuf gabaasuma kana wayita hojjetu, jiraattota naannichaa fedhii hin qabaanne hedduun nu mudateera.
Tahus kanneen fedhii qabna jedhan afur, miidiyaaleef odeeffannoo kennuuf mootummaarraa rakkoon nutti dhufa soda jedhu akka qaban himu.
Naanichatti jiraataa godina Walloo Kibbaa kan tahe dargaggoon tokko, dhimmuma kamirattuu miidiyaaf dubbachuus ta’ee, marsaalee hawaasaarratti maxxansuurraa of qusachuu hima. “Balaa dhufu sodaachuun dubbachuu dhiisuun filadha… sodaan koos sirriidha,” jedha.
“Sodaan qaburraa kan ka’e waan hedduu keessa kootti ukkaamsee taa’eera. Miidhama, haleellaa fi waantotan argu dubbachuu hin dandeenye. Yaaddoon koos sirriidha.
“Sababnisaa dubbachuun koo ana, maatiikoo fi hojiikoo gatii na baasisa taanaan, callisuun filatamaadha.”
Jiraataan dubbisne biraa sodaan “bilbilli keenya hordofama, butameera” jedhu namoota hedduu bira waan jiruuf, isaanis miidiyaaleef karaa kamiinuu odeeffannoo akka hin kennine himu.

Madda suuraa, Getty Images
Barataan Yunivarsiitii dubbifne ammoo sodaa qabu akkanaan hima.
“Nami haala adeemaa jiru wajjin hidhata hinqabne baay’een wayita to’annoo jala oolan, bilbillisaanii akka sakatta’amu [beekna]. Yeroo garii ammoo odeeffannoo bilbilaan walharkaa fuudhan dhaggeeffachuun, humnoonni mootummaa tarkaanfii ennaa fudhatan waan argineef soda nageenyaa qabna.
“Yeroo kanatti gaazexeessitootaaf odeeffannoo kennuun, rakkoof of saaxiluudha…”
Jiraataan dubbisne biraan Aanaa Saayint jedhamturraa ennaa tahan, “dirqama waan taheef callisuu feena,” jedhu.
Hawaasicharra “dhimmoota sasalphaa” tahaniin miidhaan gahuurraa kan ka’e “sodaan uumameera” jedhu.
Gaazexeessaa Giruum gamasaatiin jiraattonni inni dubbise “miidiyaaf odeeffannoo hin kenninaa jedhamuun ifatti kanneen dhorkaman jiraachuu nutti himu,” jechuun yaaddoo naannicha keessa jiru hima.
Jiraataan Laalibalaa fi dhaabbata mit-mootummaa keessa hojjetan tokko gamasaaniin, qaamoleen nageenyaa mootummaa ija shakkiin nu ilaalu jedhu.
Qunnamtii bilbilaan taasisan sakatta’uu kaasee bilbilli isaanii ni butama jedhanii akka amanan himu. Waan hiriyyaa isaaniirratti raawwates, “galgala manasaa dhufuun butanii fudhatan” himuun, sababni to’atamuusaas qunnamtii inni bilbilaan taasiseen akka tahe himu.
“… namni dubbachuu kan hin barbaanneef waan hin miidhamiin ykn cunqurfamin hafeef miti,” jechuun, wayita BBC hasoofsiisan kanattillee “yaaddoo cimaa” keessa galanii ta’uu dubbatu.
Miidiyaaleef odeeffannoo akka hin laanne dhiibbaan isaanirra gahaa jiraachuu BBCn kan gaafate jiraataan kun, “namoonni dhiyoo jiran ‘bilbila keessan eeggadhaa. Nama hin beekneef odeeffannoo akkanaa akka hin kennine’ nuun jedhu,” jechuun mootummaarraa kallattiin akeekkachiisni akkasii akka isaan hin qaqqabne himan.
Yaaddoon nageenyaa jiraattotaa, qopheessaa odeessa kanaa dabalatee hojjettoota miidiyaa muddama keessa kan galchedha.
Gam tokkoon lolli ji’ootaaf adeemaa jiru gabaafamuu qaba kan jedhu ogguu tahu, gama biraan ammoo gabaasa hojjechuuf jireenya namaa balaarra buusuu kan jedhu rakkisaa taasisa.
'Odeeffannoo ukkaamsuu?'
Itoophiyaatti mirgi bilisummaan odeeffannoo argachuu waraqaa irratti fi hojiin gargar tahuutu himama.
Jaarmiyaaleen mootummaa odeeffannoo kennuuf hundaa'nillee itti gaafatamummaa isaanii dagataniiru jedhamanii komatamu.
Yunivarsiitii Injibaaraatti barsiisaa kan ta'aniifi ogeessi miidiyaa Ayyala Addis (PhD), waliigalatti aadaan "odeeffannoo dhoksuu" jira jedhu. Caasaa mootummaa hanga hawaasaatti "mootummaa sodaachuun" odeeffannoon ni danqama jedhu.
Kunis odeeffannoon wayitaawaa fi sirriin akka hin daddarbine godha jedhu. Kanarra darbees tatamsa'inni odeeffannoo faalamaniifi dogongora tahanii akka dabalu taasisa jedhu.
"Odeeffannoon agarsiiftuu sirna demokraasiiti," kan jedhan Dr Ayyala, "odeeffannoon qabeenya dhorkamuu hinqabnedha," jedhu.
"Waraana Naannoo Amaaraatti adeemaa jiruun odeeffannoo ukkaamsuun cimee gaggeeffamaa jira."
Dabaluunis heera mootummaa biyyattii dabalatee seerota mirgoota namoomaa addunyaa akkasumas labsii mirga bilisummaa fi odeeffannoo argachuu miidiyaalee kan sarbe tahuu ogeessi kun himu.
Miidhamaa fi sarbamni mirgaa gabaafamuu dhabuun, seenaan himamuu qabu akka dhokatan taasisa kan jedhan Dr. Ayyala, dhiibbaansaas "sarbamni mirga namoomaa akka babal'atu taasisa" jechuun yaaddoo qaban ibsu.
"Maddeen oddeeffannoo ennaa dhoksan, miidhaa fi sarbamni akka babal'atuuf karra saaqu kan jedhudha. Garuu ammoo sodaan kana gochuuf isaan dirqamsiise naa gala - gaaffii hinqabu. Mobaayilaan waraabuu, sagalee waraabuun yeroo itti rakkoo guddaa itti tahedha."
Barsiisaan kun odeeffannoo dhoksuun sagalee miidhamtootaa ukkaamsa jechuun, waraanichi fi miidhaan isaa sirnaan miidiyaaleen gabaafamuu dhabuun isaa, qorannoofis tahe seenaaf olkaa'uufis carraa dhabsiisa jedhu.
Dabaluunis ukkaamsuun odeeffannoo jiraattootaanis tahe qondaalota mootummaan raawwatamu, gahee "walitti fiduu" miidiyaaleen bahachuu qaban ni danqa jedhu.
"Dhumarra rakkoon kun kan miidhu uummatuma. Rakkoo kana walitti dhufanii mari'achuun gahee eeyyentaa bahachuu qaban, odeeffannoon dhibuusaatiin ittigaafatamummaa isaanii akka hin bahanne godheera," jedhu barsiisaan kun.












