Naannoon Somaalii BBC dabalatee ogeeyyii miidiyaa idila addunyaa 15'irra dhorkaa kaahe

Asxaa tajaajila Afaan Somaalii BBC fi VOA

Madda suuraa, BBC, VOA

Mootummaan naannoo Somaalee BBC fi Sagalee Ameerikaa(VOA) dabalatee ogeeyyii miidiyaalee idila addunyaa15'f gabaasan hojii dhaabsise.

Mootummaan naannichaa xalayaa qaama federaalaa miidiyaalee biyyattii keessa socho'an bulchu irraa itti ergameen tarkaanficha fudhate.

Abbaan Taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa xalayaa mootummaa naannichaaf ergeen miidiyaaleen naannicha keessa socho'an gariin hayyama hojii sirrii qabatanii akka hin jirre irra gahuu ibse.

Dhaabbilee ''hayyama sirrii hin qaban'' jechuun akka hin dalagne dhorkaman keessa gaazexessitootni BBC Somaaleefi Sagalee Ameerikaa ni argamu.

Mootummaan ogeeyyiin hojii dhaabsifaman sababa hayyama sirrii hin qabneeefi jedhus, waldaa ogeeyyii gaazexessitootaa naannichaa garuu sababni inni dhugaan isa mitii jedha.

Hogganaan Waldichaa Abdurazaaq Hasan sababni inni dhugaan malaammaltummaafi dhiibbaa hamaa hongeen Baha biyyattiirraan gahu miidiyaaleen kunniin gabaasuu isaaniiti jedha.

Abdulrazaaq waldaan isaanii hayyamni hojii ji'a jaha jahatti haaromuu qabu akka haaromfamu gaafachaa akka turan dabalanii dubbatan.

BBC'n dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf waajira kominikeeshinii naannichaa dubbisuuf yaaliin irra deddeebiin taasise hin milkoofne.

Bara 2020 waraanni Kaaba Itophiyaa eegaluu booda walabbaan pireesii Itoophiyaa akka malee rakkoo keessa galeera.

Jaarmiyaan mirga gaazexessitootaaf falmuu fi teessoon isaa Niiw Yoork ta'e Committee to Protect Journalists jedhutti Sadaasa 2020 irraa kaasee hanga Hagayya 2022'tti yoo xiqqaate gaazexessitootniifi ogeeyyiin miidiyaa 63 ta'an hidhamaniiru.