Geezexeessituu Somaalee: ‘Magaalaa keenya keessatti rippoortarri dubartiin ana qofaadha’

Maryaan walga'ii Somaalee keessaa kallattiin gabaastu

Madda suuraa, Maryan Seylac

Ibsa waa'ee suuraa, Maryaan walga'ii Somaalee keessaa kallattiin gabaastu

Maariyaan Seylaak gaazexeessituu Somaaleedha. Magaalaa Baa'idawaa keessa rippoortaroota jiran keessaa dubartiin ishee qofaadha.

Yeroo ammaa gaazexeessituun kun biyyattii keessatti dubartoota gaazexeessitoota ta'an jajjabeessuufi deggaruuf dhaabbata tokko hundeessiteetti.

Biyya akka Somaalee kana baayyee hamaafi rakkisaa ta'e kana keessatti dubartiin gaazexeessituu taatee hojjechuun haalaan rakkisaa akka ta'e dubbatti.

Haleellaa garee milishaa al-Shabaab isheerra ga'e jalaallee ajjeeffamtee kan ooltu xiqqoof akka jalaa oolte BBC'tti seenaa ishee himteetti.

Yeroo hunda gaazexeessummatti hedduun gammadan ture. Ijoollummaakoorraa jalqabee, 'BBC Somali Service' abbaakoo waliin dhaggeeffachaan guddadhe. Dhaggeeffannee kaanees isa waliin haasofna ture. Kanarraan kan ka'een siyaasa keessatti fedhii kanan horadhe.

Somaaleen dhimmoota siyaasaan guutuu waan taateef erga mootummaan abbaa hirree bara 1991 aangoorraa kaafamee gareewwan gara garaa walwaraanaa turaniiru.

Yeroo sana ani umuriin koo ganna afur ture. Bara 2012 irraa kaasee suuta suutaan tasgabbaa'aa dhufeera garuu Somaaleen ammallee biyya keessatti gaazexeessaa ta'anii hojjetan miti, keessumaa yoo dubartii taate.

Mana barumsaa keessatti, ani baayyee nan dubbadhan ture. Yeroo barattoonni barumsaaf daree seenuun dura hiriiran ergaa dabarsaan ture. Somaalee keessatti gara fuula duraatti maal akka ati ta'uu barbaaddu maatiin si hin gaafatan.

Sababiin isaas akka dubartiitti ga'een kan kee mana keessadha, bilcheessuufi qulqulleessuudha. Haata'u malee ani dursee hojii qabaachuu akkan qabu nan beeka, innis gaazexeessummaa ta'a jedheen yaadaa ture.

'Ani kutaa oduu keessatti addadha'

Abbaan koo barsiisaa ture. Kanarraan kan ka'e miseensota maatii keessaa namni tokko akka bakka bu'uun barsiisaa ta'u barbaada ture. Obboleen koo dhiiraafi dubaraa ana angafan garuu barsiisoo ta'uu waan hin dandeenyeef kan bakka isaa bu'ee barsiisummaan tajaajilu ana ta'a jedhees yaadaa ture.

Anis yeroo gababaadhaaf barsiistuu ta'ee tajaajileera. Akkuman barumsa sadarkaa olaanaa xumuraan gara magaalaa Baa'idawaatti deebiyee waggaa tokkoof barsiiseen ture. Garuu inni hojii ani barbaadu hin turre.

Abbaan manaa hiriyyaa kootii buufata raadiyoo naannootti argamu tokko keessa hojjeta ture. Anis dabaree alkaniillee hojjechuun muuxannoo argachuu danda'aa jedheen isa gaafadhe. Miidiyaaleen hedduun Somaalee keessaa namoota dhuunfaan kan banama waan ta'eef gabaasa dhiyeessan irratti madaalawaa ta'uun wallaansoodha. Ta'us garuu raadiyoon madda oduu ijoo waan ta'eef baayyee barbaachisadha.

Dubartiin ana qofaa waan ta'eef, kutaa oduu keessatti ani addan ture. Isaanis leenjii naaf kennuudhaaf tole jedhan. Keessumoota dhufan simachuufi oduu dubbisuudhaan tajaajilaan ture.

Adeemsa keessa, barsiisummaa dhiisuudhaan buufata raadiyoo sanatti hojjettuu dhaabbattuu ta'een itti fufe. Maatiin koo itti hin gammadne ture. Itti milkooftu jedhee abbaan koo yaadda'ee ture. Hojii sana addaan kutaa hojii maleen hafa itti fakkaatee dhiphachaa ture.

Ani garuu akka jedheen itti hime: "Ani barsiistuu ta'uutti hin gammadu. Kun wanta ani yeroo hunda hojjechuudhaaf barbaadudha."

Maryaan Somaalee keessatti

Madda suuraa, Maryan Seylac

Turtiin booda, hangam akkan hojii kootti akka ani gammadduu ta'e arganii maatiin koo murtee koo fudhatan.

Ummata kootiif baayyee rakkisaadha. Isaan ana tuffatanii, ogummaa koo busheessu ture. Kun ammoo akkan adda ba'eetti qofummaan natti dhaga'ama/ Akka aadaa Somaaleetti dubartiin haadha warraa dhirsa isaanii ta'uuti irraa eegama.

Akka carraa ta'ee, ani geezexeessaa jaallee hojii kootii ta'ettan heerume. Kanaaf, inni nama hojii koo beekuufi ana hubatudha. Calliseedhuma nama ta'etti heerumee manatti hafuun akka na rakkisu nan beekan ture.

Gaggeessaa dhiiraa rippoortara dubartii taateef

Ani buufataalee raadiyoo gara garaa akka Baa'idaawaa, Moqaadishuufi Bosaasoo keessa hojjedheera. Garuu akka rippoorteraatti deemanii oduu gabaasuun jaalladha.

Guyyaa tokko, haala rakkisaa ta'e tokko keessatti, oduu ammeen gabaasu tokkon argadhe. Magaalattii keessatti dho'insi waan tureef akka ani deemee bakka sanarraa gabaasuuf na ergan. Guyyaan sun yeroo ani itti akka rippoortaraatti hojii jalqabe ture.

Maryaan yeroo walga'iirratti dubachaa jirtu

Madda suuraa, Maryan Seylac

Ibsa waa'ee suuraa, Maryaan yeroo walga'iirratti dubbachaa jirtu

Yeroon industirri dhiironni dhuunfatan kana jalqabu, ani magaalaa keenya keessaa dubartii tokkittiin ture. Akkan caalametti natti dhaga'ama ture, dhiironnis akka addaa tokkotti ana ilaalu turan.

Ni dandeessi jedhanii ana hin ilaalan ture; kun ammoo akkan ofitti hin amanne na taasisaa ture. Ani qophaa koon ture. Abdiis kutadheen ture.

Garuu waanta tokko gochuufan murteeffadhe. Gaazexeessitoota dubartootaa caalmaatti bobbaasuun nu barbaachise. Oduuwwan hedduun dubartoota ilaallatan sirriitti gabaafamaa hin turre.

Bara 2006 Waldaa Gaazexeessitoota Dubartoota Somaaleen (SOMWA) hundeesseen gaazexeessitoota dubartoota ta'an biroo qacaruun eegale.

Erga ani kana jalqabee booda, lakkoofsi gaazexeessitoota dubartootaa magaalaa keenya keessa jiranii shanirraa gara 20'tti guddate.

Maryaan yeroo TV irratti oduu dhiyeessitu

Madda suuraa, Royal TV

Ibsa waa'ee suuraa, Maryaan yeroo TV irratti oduu dhiyeessitu

Akka dhaabbataatti, mirgoota dubartootaa akka barmaatilee miidhaa geesisanii kittaanaafi miidhaa saalarratti hundaa'een dubartootarra ga'u ni morminallee.

Daandiin sun kan ittiin akka sagaleen keenya dhaga'amuu danda'u gochuun jijiirama fiduu dandeenyuudha.

Ilaalchi dubartoota miidiyaa keessa hojjetan Somaalee keessatti jijjiiramaaa jira. Ta'us garuu amallee rakkoo guddaatu jira: Sodaachifamaan jira; al-shabaab waajira kee cufna jedhanii natti himaniiru. Dubartoonni gaazexeessitoota ta'an akka bakka gaggeessummaa irra hin hojjenne ni dhorkamu.

Ani dubartii tokko akka raadiyoorra rippoortara taatee hojjettu akka maatiin ishee hin barre gochuudhaaf kan maqaa jijjiirratte nan beeka.

Maatiin ishee kun yeroo bira ga'anitti akka isheen hojii dhaabdu gochuuf yaalanii turan, garuu ishee hojiishee dhaabuu didde. Kanarraa kan ka'een ammoo maatiin ishee akka ilmi isheetiif dhala obbolaan lamaaniitti oolu yeroo ishee gabaasuuf bobbaatu akka geessu ramaduuf. Ani kana hin amanu.

Somaalee keessatti, gaazexeessitoonni dhiiras ta'an dubartoota yeroo hedduu miidhaafi doorsisuun irra ni ga'a. Baayyeen isaanii sababii hojii isaanii ajjeefamaniiru.

Garri caalaa isaanii ammoo al-Shabaabiin ajjeefaman. Somaalee keessatti warri gaazexeessitoota ajjeesan osoo hin adabamiin hafu.

Adoolessa keessa, gaazexeessituun dubartii taate Hodaan Nalayeh jedhamtu ajjeefamteetti. Akka gazexeessituutti, ergamni ishee bifa biyyattii kan biraa-kan akka miidhagina isheefi namoota ishee agarsiisuu ture. Isheen nama ajaa'ibaa turte, akka hin taane ta'ee garuu ishee dhabneerra.

Kun wanta Somaalee keessatti ta'udha. Nuti hundi keenyayyu nurratti xiyyeeffatamaadha.

'Ani boombi warri balleessanii badan dhoosan jalaa ooleera'

Yeroon ani itti du'eera jedhee dhiiseeru ture. Fulbaana 2006 ture. Yeroo pirezedaantiin paarlaamaa irratti dhiyaatanii haasawaa taasisa jiran kallattiidhaan gabaasaan ture.

Yeroo haasawaan isaanii xumuramee pirezedaantichiifi eegdonni isaa gara mana jireenyaa isaaniitti deebi'an dhukaasni guddaan batalumatti lafa raase.

Ani naannoo koo yeroon ilaalu namoonni naannoo koo jiran hunduu lafarra cicciisaniiru. Ani garuu yeroo sana kallattiidhaan gabaasaaf qilleensumarran jira. Namni yeroo sana istuudiyoodhaa oduu dubbisu maalidha sagaleen guddaan nama jeequ si biraa dhaga'amu jedhee na gaafate. Ani yeroo sanatti boombii warri balleessanii badan dhoosan ta'uu hin barre.

Odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf yeroo fiigee gadi ba'utti konkolaataawwan gubachaa jiraniinan marfame. Humnoonni hidhatanii turan dhukaasa anarratti banan. Iyyaan deebiyee gara paarlaamaatti qaama koorra dhiiga ilaalaan seene.

Maatiin koo waa'ee koo hedduu yaadda'an-nan du'eefi nan hafee koo hin beekne ture. Akka carraa ta'ee nan ofkale, garuu wanti guyyaa sana ta'e waan sammuu koo keessaa hin badne na keessatti uumee darbe.

Ergasii sagalee guddaa yeroon dhaga'u mara akka isan bakka sana jiruuttin yaada.

Kun hunduu osoo akkas ta'uu, ergamni koo akka gara fuula duraatti deemu taasisaan jira. Ani nama dhaloonni haaraan dinqisiifatan ta'uu danda'eera.

Osoon yeroo sana kana hojjechuu dhaabeera ta'ee lakkoofsa gaazexeessitoota dubartootaa yeroo ammaa hojiitti bobbaafnee qabnu qabaachuu hin dandeenyu ture. Ani kanan hojjedhe faayidaa mataa kootiif miti, faayidaa warra kaaniitiif malee.

Maryaaniifi dubartoota geezexeessitoota biroo miseensa Waldaashee

Madda suuraa, Maryan Seylac

Ibsa waa'ee suuraa, Maryaaniifi dubartoota geezexeessitoota biroo miseensa Waldaashee

Haalli biyyattii keessa jiru amma gaazexeessitoota dubartootaadhaaf foyyaa'aa dhufeera, garuu ammallee waan hedduu hojjetamuu malu jira. Baayyeen isaanii akka gara hojii miidiyaa dhufaniifi gara sadarkaa gaggeessumaarrallee gahan nan barbaada.

Dhaabbileen miidiyaa osoo yeroo hojjetoota qacaran dubartootaaf qootaa qabaataniin na fedha. Sagaleen isaanii akka dhaga'amu nan barbaada. Akka isaan warra murtee kennan ta'an nan barbaa

Dubartoota ol adeemoo gaazexeessitoota ta'uu barbaadanii, industiriin kun isin barbaada jechuun fedha.

Waan tokkollee hin sodaatiinaa, akka namaa gadi taatanittis isinitti hin dhaga'amiin, akka waan tokkollee hojjechuu hin dandeenyeettis of hin yaadiina. Sababiin isaas hojjechuu ni dandeessu.da.