Somaaliyaatti gareen miidiyaa miseensi hunduu dubartoota ta'an hojii eegale

Madda suuraa, UNDP
Somaaliyaatti gartuun miidiyaa walabaa miseensotni hunduu dubartoota ta'aniif yaada dogoggoraa koorniyaan walqabatu cabsu hojii eegale.
Gartuun miidiyaa hunduu dubartoota ta'an kun danqaalee gaazexessitoonni Somaaliyaa hojii miidiyaa keessatti isaan mudataa ture qolachuufi ilaalcha dongongoraa koorniyaan walqabatu irratti xiyyeefata jedhameera.
Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gartuun miidiyaa kun ''dubartootni ogeeyyii miidiyaa ta'an bakka itti aangoo murtee dabarsuu dhugaa ta'een, qoccollaa irraa bilisa ta'anii itti hojjatan uumaaf'' jedheera.
Gartuun amma miseensota dubaraa jaha of keessatti hammachuun hojii eegale, moggaasa 'Bilan' jedhu kan qabu yeroo ta'u hiikni isaa, Ifaafi qulqulluu akka jechuuti.
'Bilan' piroojektii fedha isaa ta'e filachuun kan hojjetu yeroo ta'u, sagantaan isaan TV, raadiyoo, gaazexaa fi online gubbaatti miidiyaalee Somaaliyaa gurguddoo akka 'Dalsan Media Group' fi miidiyaalee idila addunyaa gubbaa baha.

Madda suuraa, UNDP
Yeroo dheeraaf gaazexessitootni dubaraa Somaaliyaa akka lammii lammaffaatti ilaalamaafi odeessaaleen miidiyaas odeessa fi sagalee lammiilee biyyattii harka walakkaa cinaatti qabee ture, amma kutaa hooggansaafi dubbii himamu ni to'anna'' jedhan gulaaltuu olaantuun Bilan Nasriin Mohaammed.
Qorannoon dhiyoo gaggeefame akka agarsiisutti gaazexessitootni dubaraa Somaaliyaa keessa jiran hojiif gara dirree yeroo bahan qofa osoo hin taane waajiree isaanii keessattis waahillan isaanii warra dhiiraan qoccillaan irra gaha.
Dabalataaniis carraa leenjiifi guddinaa akka dhorkamaniifi sadarkaa hooggansaarra yeroo gahanillee akka xiqqeeffaman gabaafameera.

Madda suuraa, UNDP
Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti(UNDP)bakka buutuu Somaaliyaa ta'uun Moqaadishoo kan jiran Joosiliyiin Maasoon gartuun miidiyaa kun ''dirree miidiyaa Somaaliyaa ni jijjiira'' jedhan.
''Kun dirree miidiyaa Somaaliyaa ni jijjiira abdii jehdun qaba, gaazexessitoota dubaraaf carraa haaraa bana, dhimmoota boodatti qabaman ifa baasa keessumaa kan dubartootaaf barbaachisaa ta'an'' jedhan.
UNDP'n sagantaan haaraan kun ilaalcha gaazexessitootni dhiiraa qoccollaa waahillan isaanii warra dubaraa irra gahu ilaalchisee qaban akka jijjiiramu ni carraaqa jedheera.














