'Miidiyaaleen Itoophiyaa dhimma amantaa gabaasuu ni lagatu'- Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasa Itoophiyaa keessatti amantiin jiruufi jireenya hawaasa biyyattii keessatti baka guddaa qaba. Garuu ammoo miidiyaa irratti hagas mara miti jedha qorannoon tibbana ifa ta’e tokko.
Qorannaan miidiyaafi amantaa Itoophiyaarratti hojjetame, biyyattiitti ummanni %98 ta’u amantaa kan qabudha jedhamee akka himamu ibse. Haata’u malee, miidiyaan waa’ee amantaa tuquu akka qaanfatu mul’iseera.
Qorannaan hayyoota lama: Yunivarsiitii Kolleejjii NLA, Kiristiansanditti, pirofeesara gaazexeessummaa, Pirof. Teeree Skjerdal Noorweyiifi achuma Noorweyeetti, Yunivarsiitii Osloo Meetropoolitanitti, gargaaraa olaanaa pirofeesaraa gaazexeessummaa fi kominikeeshinii, Dr. Mulaatuu Alamaayyoon hojjetames kan fuula 60 qabu yoo ta’u, hariiroo miidiyaa fi amantaan seenaa Itoophiyaa keessatti qabanii fi amma irratti argamu sakatta’eera.
Hariiroo Miidiyaafi amantaan kaleessaafi har’a qaban maal fakkaata? Maaltu jijjiirame yookaan fooyya’e? Sababni ammoo maali? Sekkulaarizimiin akkamitti hubatame? Miidiyaan dhimmota amantaa lagachuu qabaa? Dhimmoota kana irratti BBC’n Pirofeesar Teeree Skjerdaa waliin gaaffiifi deebii taasiseera.
Hariiroo miidiyaa fi amantaa: Kaleessaafi har’a
Pirof. Teereen Skjerdaa qorataa gameessa lammii Noorweey qorannoolee 52 maxxansiisaniifi kan waggoota 20 oliif miidiyaafi gaazexeesummaa Itoophiyaarratti qorannoo bal’aa taasisuufi barsiisuun beekamaniidha.
Qorataan kunis bara bulchiinsa impaayera Itoophiyaa hanga 1974’tti amantaan Ortodoksiifi bulchiinsi biyyattii hariiroo cimaa kan qaban ta’uu kan kaasuun, bilisummaan amantaa yeroo jalqabaatiif heera 1955 fooyya’e keessatti akka tumame dubbatu.
Bara 1963’tti ammoo miidiyaan ‘Raadiyoo Sagalee Wangeelaa’ (Radio Voice of the Gospel-RVOG) jedhamu kan afaanota 14’n tamsaasu Waldaa Addunyaa Lutaraaniin Finfinneetti hundaa’e.
Manni amantaa Ortodoksii gaazexaalee sadii qabaattus raadiyoon kun miidiyaa elektirooniksii amantaa biyyattii isa jalqabaa ture jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Dargii ammoo bilisummaa amantaa dhorkuu qofa otoo hin taane abbootii amantaafi amantoota dararaafi ajjeesaa turuu kaasa qoratichi. Haaluma sanaan, bara 1979 Paatraarkiin mana amantaa Ortodoksii yeroo sanii Abuna Tewofiloos dabalatee, namoonni amantaa ijoo ta’an ajjeefamuufi ari’atama hamaa keessa turuu itti dabaluun kaaseera.
Miidiyaan amantaa tokkollee akka hin hayyamamneefi warreen duraan turanillee gariinsaanii cufamuun kaan ammoo mootummaadhaan akka dhuunfataman yaadachiisa qorannoon kun.
Dabalataanis, Raadiyoo Sagalee Wangeelaa kan bara mootii Hayilassillaasee hundeeffame bittimsuun bara 1977tti gara Sagalee Raadiyoo Warraaqsa Itoophiyaa (Radio Voice of Revolutionary Ethiopia)’tti geeddaramuun sagalee hololaa ta’e jedha.
Caamsaa 1991 dhufaatii garee hidhattootaafi kufaatii Dargii hordofee mootummaan EPRDF bilisummaa miidiyaa Itoophiyaatiif faara tole. Haala kana keessattis miidiyaaleen amantaas gara fuulduratti dhufuu eegalan.
Haaluma kanaan, bara 1990 yeroo jalqabaatiif gaazexaafi barruuleen amantaa Islaamaa dubbistoota bira gahaa turan. Bara 2002’tti barruulee dhaabbilee amantaa14 Ministeera Odeeffaannootti galmaa’anii akka turan kaasa qorannichi.
Qorannaan kun ragaa ittiin bulmaataa, bakka bu’ootaafi qabiyyee miidiyaalee mootummaa, dhuunfaafi amantaa irraa argateen kan gaggeeffame yoo ta’u, hiikkoofi hubannoon seekkulaazimii yeroo yerootti hariiroo miidiyaafi amantaarratti dhiibbaa akka uume kaasu hayyun kun.
Dhimmoota waldhabdee amantaatiin walqabatan ilaalchisee miidiyaaleen hawaasaafi dhuunfaa uwwisa kennanis miidiyaaleen mootummaa garuu akka hin arginetti ija irraa qabachuu akka bira tarn kaasa qorannichi.
Miidiyaaleen yoo gabaasanis osoo madda dhibdee sanaa, eenyu waan sana akka raawwateefi waan inni fiduu malu hin tuqiin fuulchaa ykn fireemii ‘waldanda’uutiin’ dhiyeessu ykn ammoo qoqqooddii ‘nuyii’ fi ‘isaan’ jedhuun gamanaaf gamas irraa akka haguuggii kennan eeru.
‘‘Miidiyaaleen carraa bal’aa argatus, dhimmoota sasalphaarratti xiyyeefatu. Bara bulchiinsa EPRDF ukkaamamuu dhimmoota amantaatiifi walitti bu’insa hambisuun akka sababa ijootti ka’us, waggoota 27’f televizyiin mootummaa garaa garummaa amantaalee ija ‘achii as dhufteedhumaan rakkoo-uumuutiin’ gabaasaa turan’’ jedhan.
Adeemsi waltajjiilee hawaasaarratti amantaalee dhiibuu yeroo MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii geeddaramuu kaasuun, weerara koronaatiin walqabatee miidiyaaleen mootummaa kallattiidhaan abbootii amantaa garaagaraa dhiyeessuun kadhannaafi sirna amantaa biroo rawwachaa akka turan yaadatan.
Jijjiiramni kun hundi kan ta’e ammo osoo imaammanni miidiyaafi amantaa gidduu jiran hin geeddaramiin ta’uu kan kaasuun, haalli kunis yeroo muraasaan booda waldhabdeen amantii garaagaraa yeroo uumametti miidiyaaleen mootummaa dhimmicharraa akka ija qabatan taasiseera jechuun ibsa.
Prof. Teereen akkaataa miidiyaaleen Itoophiyaa dhimmoota amantaa itti gabaasan ilaalchisee, waldhabdee amantaa dhiyeenya biyyattiitti umaman addumatti ammoo abbummaa addabaabayii Masqalaafi taateen qoqqooddii mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaatti uumame akka fakkeenyaatti fudhatamuun xiinxalameera.
‘‘Gabaasni miidiyaalees madda ragaa gar-tokkoo (paartii biyyaa bulchuu fi abbootii amantaa) irratti kan hundaa’e, yaada garaagaraa kan hin keessummeessine, gamaaf-gamas kan dhaabate, xiinxala gadi fagoo kan hin qabne, qoqqooddii ‘nuyiifi isaanii’ irratti kan hundaa’e, firoomsuufi diinomsuu, sobaan wal himachuu, maq-balleessiirratti kan bu’uureffate’’ ta’uu qorannichaan adda baasu kaasu.
Mootummaan dhimma amantaa keessa, amantaanis dhimma mootummaa keessa akka hin galle heerri mootummaa bara 1995 tumus, abbootiin siyaasaa Itoophiyaa garuu bifa gara garaatiin dhimmoota keessoo amantaa keessa seenuun yaada sekkulaarizimii akka cabsan haasaa waltajjii adda addaarratti taasifaman xiixaluun kaase qorataan kun.
Ka'umsa qorannichaa
Gaaffii qorannoo kana akka taasistan maaltu akka isaan kakaase ilaalchisuun dhiyaateef, “Gara booddee miidiyaa keessatti amantaan dubbii waldhabdee ta’aa dhufe. Dhufaatii Abiy Ahmadiinis, haala kan duriirraa adda ta’een amantaan gara addabaabayiitti dhufuun, ulaan haaraan amantaaf baname kun hagam miidiyaa keessatti calaqqisa kan jedhu baruutu akka qorannicha taasisnu nu kakaase,” jedhan Pirof. Teereen.
Bu’aalee ijooon qorannoo Kanaan adda baafaman keessaayis, mootummaan haaluma bulchitoonni Itoophiyaa duraanii walfakkaatuun, amantaa miidiyaa keessatti to’achuu itti fufee jiraachu adda baasu ibsan. Mootummaan akkuma waldhabdee birootti, miidiyaa mootummaa irratti waldhabdee amantaatiif bakka kennuu sodaata jedhan Prof. Teeree.
‘‘Aanga’oonni waldhabdeen akka hin hammaanne waan fedhaniif, kun hamma ta’e hubatamaadha. Haata’u malee, dhimmoonni murteessoon miidiyaalee biyyattii gurguddoon dagatamaniiru hiika jedhus ni qabaata. Dhimmoonni akkasii miidiyaalee dhuunfaan ni gabaafamu; miidiyaalee hawaasaa irrattis falmiin ni taasifama.”
Walumaagalattis hariiroon miidiyaafi amantaa Itoophiyaatti “faallaa kan namatti ta’udha. Hawaasni biyyattii kan daran amantaa hordofu yoo ta’u, amantaan garuu daran miidiyaa keessumaa ammoo miidiyaa mootumaa fulduraa garmalee dhokateera. Miidiyaaleen hawaasaas haguuggii kennuufiin irraa eegamu hin calaqqisiisan,” jedhan.
Gaaffii ekkulaarizimiin haala qabatamaa hawaasummaafi aadaa Itoophiyaatiin waan wal simatuudhaa? jedhus qorataa kanaf kaafnee turre. Prof. Teeree: “Sekkulaarizimiin karaa hedduu hawaasaafi aadaa Itoophiyaatiin wal faallessa. Jechi ‘Sekkulaarizimii’ jedhu gama danuutiin hubatameera; garuu dimshaashumatti hawaasa itti amantaan bakka jabaa duraan qabu dhabu ykn bakka amantaan kan dhuunfaa akka ta’etti hubatama.
‘‘Haalli kun hawaasa Lixaa birattis bartee haaraa dhufaa jirudha, ibsi isaa haala aadaa amantaa akka Itoophiyaa fa’aatiin wal hin simu’’ jedhan.
Sekkulaarizimiin mala siyaasaa ittiin mootummaafi amantaan dhimmoota walii keessa hin galle akka ta’e heera Itoophiyaa bara 1995 keessatti dhimma itti bahameera. Qajeelfamni isaa bareedaadha, qabatamaadhaan garuu yeroo baay’ee meeshaa ittiin amantaa waltajjii hawaasaa irraa dhiibanidha jedhu.
Itti dabaluudhaanis, ‘‘akka yaada kootti, mootummaafi miidiyaan waltajjii hawaasaarratti amantaadhaaf bakka kennuu qaba. Mirga namootaafi hawaasa amantootaa kabajuun akka isaan sodaafi qoqqoobbii aanga’ootaafi garee biroo malee amantaa isaanii ifatti raawwataniifi ibsataniif mirga kennuu qaba,” jedhan.
Sabummaa ykn amantatu caalaa yaaddeessaadha?
BBC gaaffii qorannoo kanaan dura miidiyaafi sabummaarratti taasistan yaada keessa galchuun, Itoophiyaatti dhimma sabummaa immoo kan amantaatu caala yaaddessaadha? jechuun Pirof. Teereef dhiyeessee ture.
Prof. Teereeis, “dhimmooni sabummaafi amantaa lameenuu dubbii salphaatti nama raasanidha. Haata’u malee garuu akka dhaabbata CARD (Center for Advancement of Rights and Democracy)’tti bara 2023 keessa toora miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaarratti haasaan jibbinsaa sabummaan walqabatu dachaa sadiin kan amantaa caala,’’ jedhan.
Dhimmoonni baay’een lafarratti waan waldhabdee amantaa fidan fakkaatu, kanneen qabatamaadhaan hidda gadi fagoo sabummaatiin wal qabatan qaba jedha qorataan kun.
Akka fakkeenyaatti, ‘‘yaaliin fottoqinsaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bara darbee, bu’uuraan waldhabdee amantaa osoo hin taane kan sabummaa (ethnic) ture. Qabatamaadhaan muddamni sababoota birootiin uumamuuf, yeroo baay’ee amantaan dogongoraan akka waan rakkoo uumuutti fudhatama,” jedhan.
Dhumarrattis Pirof. Teereen yaada akka furmaataatti ka’anis qabu. “Warreen imaammata baasaniif, dambalii raadiyoo FM’s dabalatee, miidiyaaleen amantaa guutummaatti kabajamuu qabu. Hoggantoonni miidiyaa ammoo miidiyaan isaanii amantaadhaaf bakka kennuufi haqa-qabeessummaan dhiyaachuu mirkaneessuu qabu, jedha.
Gaazexeessitoonni ammoo waa’ee amantaa, keessumattuu ilaalcha addunyaa kan isaaniirraa adda ta’e barsiifamuu qabu kan jedhan qorataan kun, akkuma yeroo dhimmoota gaazexeessummaa biro gabaasaniitti qajeeltoo naamuusaa walfakkataadhaan kan amantaas gabaasu qabu jedhan. Kun ammoo ‘‘dhugummaa, madaalawaa ta’uufi haqa qabeessummaa tiksuudhaa dursi kennameera jechuudha.”
Yeroo jalqabaatiif imaammata miidiyaa 1238/2021’tu akka dhaabbileen amantaa hayyama tamsaasaa karaa marsariitiifi saatalaayitiitiin taasisaniif mirga kenne. Kanaanis, Itoophiyaatti miidiyaaleen amantaa 40-50 ta’an seeraan galmaa’aniiru jedha.
Haata’u malee labsiin miidiyaa haaraan kun miidiyaan dhaabbilee amantaa akka dambalii qilleensa biyyaatti fayyadamuun buufata raadiyoonii qabaataniif hin hayyamu. Akka qorannoo kanaan dura Dr Mulaatuu bara 2022 taasise mul’isutti, Itoophiyaatti chaanaaliin televizyiniifi raadiyoo 120 ta’an afaanota biyyattii 70 ta’aniin tamsaasaa jiru.












