Hiriira Musiliimoota Itoophiyaa bara 1966 eenyu fa'itu dhoksaan qindeesse?

Waggaa 50 har’aa maaltu ta’e? Nama gaaffii kana nuuf deebiisu argachuun salphaa hin turre. Sababiinsaa kaan isaanii waan mudate dagataniiru, kaan isaanii ammoo miidiyaatti dubbachuu hin barbaadne.
Kan hafan ammoo lammummaasaanii jijjirataniiru. Yeroos kan Itoophiyaa turan amma Ertiraa jiru muraasni. Ta’us namoonni muraasni yaadannoosaanii bara sanaa BBC'tti dubbachuuf hayyamamoo ta’an.
Namoota hiriira Musliimtootaa bara 1966tti baayyee cimaadha jedhame dhoksaan qindeessaan keessaa Obbo Mahaammad Huseen waggaa 50n har’aa dargaggeessa turan.
Amma maanguddoo biyya Jarmani- Guutanbargiitti miseensa mana maree gorsaa amantaa ta’aniiru.
Abbaa Mohaammad Hasan bara mootiitti miseensa mana maree qajeelcha seeraa (paarlaamaa) turan. Kunis carraa namoonni muraasni qofti argatan ture.
Abbaansaanii walitti dhiheenyi mootii waliin qabaniitti fayyadamuun baayyee akka dubbisaniifi akka sirnaafi hojimaata mootummaa itti dhiheenyaan hubatan isaan dandeessiseera.
Isaanis tibba Warraaqsi dhohetti barnootaaf gara Jarman lixaa imalan. Osoo gara sana hin imaliin dura waan Finfinneetti ta’e, kan taajjabaniifi kan keessatti hirmaatan BBC'tti akkasiin himan.
‘Dur amantaan kan dhuunfaa, biyyi kan waloo hin turre‘
Obbo Mahaammad Hasan ammaan tana biyya Jarman Gutanbargiitti miseensa mana maree amantaati. Akkasiin waan beekan BBC'tti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Maal sitti fakkaate? Waa’ee warraaqsa tokkoo hubachuuf waa’ee yeroo sanaa hubachuu qabda. Ta’uu baannaan dogongorarratti kufta.
Dur amantaan kan dhuunfaati, biyyi kan walooti‘ jedhama ture. Biyyi garuu kan waloo hin turre. Fakkeenyaas abbootii mana lubummaaf gibara akka kanfalan dirqiisiifamu ture.
Kan kanfalanis ‘gaashaadhaaf nuusa, mootootaaf nuusa, kan qaddasuuf nuusa‘‘ herreega jedhuun kanfalama ture. Haalli qabeenyaa lafaa bakkaa bakkaatti garaagara ta’ulleen, naannoo hedduutti adeemsi kana ture.
Fakeenyi gara biraa yoo kaasee ammo, kaabiinee mootii keessa paatiriyaariikichi turan. Walgahu turan.
Bara mootiitti ministeera Guddina Jireenya Ummataa kan jedhuutu ture. Kaayyoo ministeera kanaaf kenname keessa tokko ergama babal’insa amantaa tokko deegaru ture.
Walumaagalattis barri sun kan mootummaa amantaa ture sin jechuun barbaade. Amantaa hundi wal qixa hin turre.
Booddeetti deebiinee seenaa yoo ilaallee ammoo dhugaa faallaa kanaa kaafna. Fakkeenyaaf amantaaleen Abrihaam Ayihudiis ta’e kiristinnaa ykn Islaamummaan amantaa biyya alaatii dhufan ta’uun ni beekkama. Sadanuu jidduugala bahaatii dhufan.
Dhugaansaa kana ta’e osoo jiruu garuu Kiristinaan akka waan biyya keessaa ka’eetti leellisaa, Isilaamummaa akka waan alaa dhufeetti ilaaluuf baayyeetu hojjatame ture.
KanaafUu Musiliimonni akka waan dahannaaf dhufnee jiraannuutti malee akka lammii guutuutti ilaalurratti rakkootu ture.
Garuu dhugaansaa Kiristinaafi Islaamummaan gara Itoophiyaa yoo seenan garaa garummaa waggaa dhibbaa sadii gadi yoo qabaataniidha. Kirisitinnaa jaarraa 4ffaatti yoo seenu, Isilaamummaan jaarraa 7ffaa keessa Itoophiyaa seene.
Garuu akka keessummoota dheengadda dhufaniitti ibsamu. Musiliimonni bara sanaa garuu seenaawwan cunqursaafi dararaa Booruu Meedaa abbootii keenya irraa dhaga'aa jiraanne. Kunis keessa keessa komii nutti umee ture.
Akkasumas Makkaatti aanee Musiliimonni amantaa isaaniitiin dhiibbaa malee ifatti kan jiraatan Itoophiyaa keessa. Yeroo Arabooti Itoophiyaa dhufan bilisummaan kennameef, abbootii saaniif biyya saaniitti hin kennamneef ture. Biyyasaaniitti mirgisaanii sarbame ture kan jiraatan.
Waggoota dhibbaaf Musiliimonni akka miirri abbaa biyyummaa itti hin dhagahamne taasifamaniiti jiraatan.
ALI bara 896 asi Adaal, Beenishaanguul, Haadiyaa, Darraa, Baalee, Yiifaati, Dawaaroo, Affaar, Harariitti Musiliimonni sulxaanoota mataasaanii hundeeffachuun bulchaniiru. Kun seenaadhaan baayyee hin himamu.
Gabaabuumatti yeroo mootiifi isaan durattis, amantaan kan dhunfaa, biyyis kan waloo hin turre siin jechuun barbaada.
Akka yaadakootti komii bubbulee sanatu hiriira bara 66 sanaaf isaan kakaase, malee kan taatee kana al tokkoon mudate hin turre,’’ jedhan.

Eeyu fa’ituu hiriiricha qindeesse?
Waraaqsa bara 1966 dura Musiliimonni dhaabbata hin qaban ture. Hiriira qindeessuun hafee dhaabbata isaan bakka bu’ulleen hin qaban ture. Garuu yaaliiwwan taasifamaa turan.
Fakkeenyaaf ‘waldaa nageenyaa’ jedhu hundeessuuf yaalame ture. Isaan duras waldaalee Musiliimotaa hundeessuuf yaaliiwwan turuufi akka fashalaa’an, kan amma Ameerikaa jiraatan Obbo Ahimad Huseen (Riingoo)n ni yaadatu.
‘‘Abbootii irraa akkan dhagaheetti dur Musilima ta’anii sadarkaa kumaalaatiin ol argachuun cimaa ture. Musiliimonni sadarkaa kana gaha hin jiran jechuu miti. Isaan olilleen jiraachuu malu. Garuu salphaa hin turre.
Jalqaba Musiliimota ijaaruuf yaaliin kan eegalame kumalaawwan kenneen keessaa tokko kan turan Kumaalaa Sulxaaniin natti fakkaata. Innis ilma Sheekii Qaaxibaareeti.
Isaaniin bara mootiitti leenjisaa fardaa turan. Jaalleewwan isaanii hedduu waliin ta’un waldaa Musiliimaa ‘Waldaa Nageenyaa’ jedhamu naannoo safara Abbaa korraanitti hundeessan. Garuu caasaan mootummaa irra qaqabuun diige jedhan.
Saawudi Arabiyaa kan jiraatan Obbo Jamaal Alii ammo waldaan Musiliimaa ‘Waldaa Nagaa’’ jedhamu sun kan hundeeffame dallaa nama dhunfaa dhiheenya Masiijiida Aniwaafi fullee mana Haajii Mahaamad Saanii Habiibiitti akka ta’e himu.
Manni sunis kan nama dhunfaa amantaa kirisitaanaa hordofu irraa kan kireeffame ture. Abbaan manichaas isilaamtootaaf nama ilaalcha gaarii qaban turan.
Qee’ee guddaan sunis bara sanatti waggaan kiraa birria 350 itti kanfalama ture jedhan. Ayyaanni Moolidii mataansaa dur dallaa sana keessatti kabajama ture. Booda keessa garuu Masiijiida Anwaariitti dahoon tolfame kabajamu eegalame’’ jedhu Obbo Jamaal.
“Hundeessitoonni waldaa sanaatiis kanneen bara sanatti hojii daldalaarratti bobba’an, kanneen baratanii hojii mootummaa hojjataa turan, kanneen Yunivarsitii Kaayiroo beekamaa Al-Azihaar irraa eebbafaman keessatti akka argaman dhagaheera’’ jedhan.
Isaan keessaayis Abdurhimaan Shariif (kan bulchaan Masijiida Aniwaar turan), Haajii Bashir Daawuud (kan yunivarsitii Al-Aziihaar irraa eebbiifamaniifi booda qopheessaa olaanaa Gaazeexaa Al-Alam kan turan), Ustaaz Abdulkariim (qopheessaa ittaanaa Gaazeexaa Al-Alaamaa kan turan), Umar Imaam( abbaa qabeenyaa gamoo Madiinaa) Fitiaawuraarii Amadee Lammaa ( miseensa paarlaamaa kan turan), Obbo Yuusuuf Alii (daldalaa), Koloneel Ahimad Amiinoo, Mahaammad Sabiirii, Sa’iid Kaasaayee (daldalaa), Kadiir Ibaa (daldalaaa), Shaamiil Nursboo (abbaa qabeenyaa bisikutii idigat) keessatti argamu.
Dargaggoota irraa ammoo Mahaammad Yuusuuf fi dargaggoo miiliyoona hirmaannaa akka qaban dhagaheera,’’ jechuun kan abbaasaanii irraa dhagahan BBCtti himan.
Haata’u malee, yeroo sanatti sochii siyaasaa kaaba biyyattii tureen wal qabate tajaajiltoota mootii biratti dhimmi waldichaa yaaddoo umee ture jedhu.
“Akkan dhagahaeetti, hundeessitoonni waldichaa seera qabeessummaa argachuuf mootii bira dhaqanii ture. Mootiin ammo deemaa bulchaa biyyaa dubbisaa jedheen. Bulchaan biyyaa ammo na bira darbuun mootii bira dhaqxan jechuun fuula dhowwate.’’
‘‘Waldaa Islaamoota walitti qabamuun yaaddoo kan itti umee keessattuu ammoo dursaa dhumaa kan turan Alii Burhaan gara Ertiraa deemuunsaaniitiin waliirra ooluun namoota nageenyaa biratti shakkii uume.
"Kanaafu nama Sa’iid Kaasee jedhamu bira meeshaan waldichaa adaraadhaan erga olkaa’ameen booda waldichi diigame’’ jedhu Obbo Jamaal.
Waldaan kun erga diigameen booda ammoo ‚kibabiin dargaggoota isilaamaa’ barattootaa sadarkaa lammaffaatiin hundeeffame.

Kibabii [Gumii] Islaamaa barattootaan hundeeffame
Warraaqsaan wagga lamaan dura bara 1964tti ture kibabii barattootaa kun kan barattoota sadarkaa lammaffatiin hundeeffame.
Kibabiin [Gumii] kunis attamiin hiriiricha qindeessuuf akka gargaaree biyya jarmanii kan jiraatan Mahaammad Haasan BBCtti himan.
‘‘Yeroo sanatti masjiidaan alatti dhaabbanni Islaamaaf dhaabbate homtuu hin turre. Koreen Haajii jedhamu tokko ture. Hojiin koree kanaas imala afuuraa Haajii waggaatti ala tokkoo qindeessudha. Isa malee dhaabbanni Islaama hogganu omtu hin turre.
Bara 1964tti barataa sadarkaa lammaaffa mana barnootaa Madaanalam wayitan tureetti, mucaan Abduu Masi’uud jedhamuufi na waliin barataa ture tokko ture.
Kibabii islaamaa maaliif hin eegallu jedheen. Innis ni gammade. Hiriyyoonni keenya kaaniis nutti makaman. Abdoo Bashir Kolfeerraa, Abagaaz Tagibara Idirraa, Mahaammad Yuusuuf mana barnootaa Tafarii Makoonnii irraa shan taanee walitti dhufnee dursaa filanne.
Achiin kibabii afuuraa dargaggoota Islaama Itoophiyaa hundeessine. Kibabiin kunis booda hiriirichaaf gahee olaanaa bahe. Ta’us bakka itti wal agarru dhabnee wal arguuf rakkanne.
Dursaa Masijiida Aniwaar bira dhaqbee itti himnaan, dallaadhuma masijiidiichaa keessatti kutaa dhiphoo tokkootti akka walitti qabamnuuf nuuf hayyaman. Garuu tajaajila afuraatiin alatti waan gara biraaf akka hin fayyadamane nu hakeekkachiisan.
Nutis mana ktaabaa bannaan dargaggoonni hedduun dhufuu eegalan. Yeroo mana kitaabaa argachuun rakkisaa ture. Yoon dogongoruu baadhe, Piyaasaa diigamee keessaa gamoo Iyyarusaalem irra mana kitaabaa tokkootu ture. Gamoon liiftii qabus qofaa ture.
Siiniimaa Adawaa bira ammoo mana kitaabaa Raashiyaatu ture. Isaaniitti iyyannee kitaaba nuuf kennanii kibabii keenyaas cimsine.
Haaluma sanaan barattoota amantaa kutaa biyyaarraa dhufan barsiisuu eegalle. Isaanis hayyoota garaa garaa affeeruudhaan waa’ee mirgarratti hubannoo kennuuf eegalle.

Akkasumas bara 1964-66 jidduutti barattoota yunivasitii waliin walitti dhufeenya uummanne. Tiyaatira qopheessine. Shamarran isilaamaas si’omiinaan hirmaatu turan.
Yeroo sanatti siyaasni kan baayyee itti ho’e ture. Ajjeechaa Xilaahuun Gizaawu hordofees sochiin barattootaa si’omaa ture. Kibabiiwwan barattootaa bakka hundatti banamanii ture.
Nutis dhimma mirga isilaamaa irratti marii gaggeessaa turre. Miseensoonni kibabiichaa booda hidhamanis, kan ajjeeffamanis turan.
Kibabiichi Finfinneen alattis Adaamaa, Dirre Dawaa, Daseetti babalate. Yeroo sana miidiyaan hawaasaa hin turre. Kanaaf hiriira waraaqsa 66’f kibabiin gahee olaanaa kan bahe jedhuuf.’’
Baqannaa tika Jaannoohi jalaa
Biyya Jarmanii wagga 52’f kan jiraatan Mahaamad hasan, ‘‘Cunqursaa yeroos biyya guutuu ture. Kan Isilaamaa garuu dachaadha. Yoo gaaffii mirgaa kaasan battalumatti foxoqtootatti farajamu ture,’’ jechuun yaadatu.
Kanaaf aariin cimee natti fakkaata jedhan. Koreen dhimmicha qindeessuu tokkoo hundeeffame. Dhoksaadhaanis galgala galgala bakka garaa garaatti wal gahuu eegalle. Haaluma kanaanis yeroo 10 ol walgeenye.
Jalqabas gaaffii isilaamaa qindeessuun mootummaaf dhiyeessuuf sanadni haa qophaa’u jedhame. Kanaafis koree miseensa torba qabu hundeessine.
1- Mahaammad Awal (telekomunikeshiniirraa)
2- Ahimad Qalloo (Awuraa Godaanaarra)
3- Abduu Adam (abbaa qabeenyaa kubaaniyaa)
4- Yusuuf Ahimad Alii Hojii gageessaa kaampaanii Uccuu Indoo)
5- Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiir (Hayyuu seeraafi abookaatoo)
6- Kaliil Abdoo fi ani (kibabii dargaggoorraa) turre.
Gaaffiin islaamaa 13s abbootii filatamaniin MM yeroo sanaa Indaalkaachoof dhiyaatan. Indaalkaachoon maal jedhan?

Walgahii ‘oolmaa daa’immanii’ keessaa
Abbootiin filataman sunis erga gaaffii Musiliimotaa Ministira muummee biyyattii yeroo sanaatti dhiyeessuun deebii qabatanii deebii’anii booda, oolmaa daa’immanii keessatti wal gahiin taa’ame.
Jarri gaaffii qabatanii MM Indaalkaachoo duratti dhiyaatanis ummata eeggataa tureen, ‘‘dhimmi keessan ni ilaalama’’ jedhamne jedhan. Yeroos dargaggoonni aariidhaan ka’anii ‘‘hanga yoomiitti kan Ministirri muummee nu soban? Jechuun sagalee dhageessisan.
Mahaammad Qaloos harka baasuun, deebiin Ministirri muummee kennani kan haala yeroo hubannoo keessa hin galchiineedha jechuun haasaa taasise.
Itti dabalunis ‘‘xalayaa tokkichaan jijjirami kan dhufu yoo itti fakkaate dogongoraniiru’’ jechuun waamicha qabsoo haaraa taasise. Hirmaattoonni walgahiichas battalumatti deeggarsa kenneef.
Walgahii lammataarratti Amadee Lammaa fa’is argaman. Ministirri muummee yeroo haa kenniinu immoo hiriiraaf waamicha haa goonu kan jedhurratti falmiin ka’e.
Ahimad Qalloo ammas harka baasuun, ‘‘hanga yoomiitti sodaannaa? Maaliif asitti walgeenya? Ifatti Masjiida keessatti maaliif wal hingeenyee?’’ jechuun ibidda qabsoo gara biraa qabsiise. Hirmaattoonnis deeggarsa sagalee tokkoon agariisan.
Bormutaasaa guyyaa Dilabataa masjiidatti walgahiin taasifame. Kun yeroos kan yaadamu hin turre. Koreen Islaama qindeessu kan miseensa 30 qabu hundeeffame.
Torbaniin booda Mooliid waan qaqabeef isarratti Masjiida Anawaariitti walgahuun yeroo jalqabaatiif yaadni hiriira bahuu kaafame. Isaan boodas qophiin eegalame.

Abbootii qabeenyaa mamii malee cheekii mallatteessan
Qophii hiriiraa sana dhoksaadhaan itti fufe. Namni Haajii Abduul Adam jedhamanis baasii hiriira sanaan wal qabate maallaqaan kann deeggara jechuun deeggarsa olaanaa akka taasisan himama.
Abbaan qabeenyaa sunis namoota MM Indaalkaachoo bira seenuun iyyata galchan keessaa tokko ta’u Ahimad Qalloon gaaffiif deebii barruu tokko waliin taasisan irratti himanii ture.
“Iyyatichi jijjirama omaatu waan hin fudneefu, na waamuun deeggarsa maallaqaa yoo barbaaddee eessayyuu hin deemiin naan jedhan. Hamma maallaqa barbaadduu qofa natti himi ani cheekiin siif kuta naan jedhan…Sirumaayyuu cheekii mallatteessuun hanagan barbaadu akkan irratti barreessuuf duwwaa godhanii naaf kennuuf qophii turan,'' jechuun himan.

'Maaloo yeroo nuuf kennaa'- MM Indaalkaachoo
“Yeroos qaamoolee hawaasaa bira gaaffiileen mirgaa turan. Nutis gaaffii keenyaaf deebiin waan dhibeef hiriira bahuun dirqama ta’e.
MM yeroos Indaalkaachoon TV gubbaatti dhiyaachuun, “maaloo yeroo nuuf kennaa‘‘ jechuun gaafataa turan.
Aariin ummataa cimee waan turef kann isaan dhagahe hin turre. Warra kiristaanattis waraqaan raabsame. Jilli Abbaa Biiyaan durfamu ammoo mana lubummaa ortodoksiitti ergaman akka hiriiricha deegaraniif gaafachuuf.
Ahan yeroos sochiicha keessatti kan hirmaataniifi amma Saawudi Arabiyaa kan jiraatan Jamaalii Aliin, ''MM yeroos Haajii Abdurhimaan Shariif bilbilaan maaloo nuuf obsaa jechuun dubbiisanii ture'' jedhu.
Jala butii guyyaa hiriiraa
Amma Ameerikaa kan jiraatan Obbo Ahimad Huseen galagala jala bultii guyyaa hiriiraa sana akkasiin yaadatu.
“Imaamni Masjiida Aniiwaar Haajii Mahaammad Saanii Habiib nuuf yaadda’un “maaloo ijoolleekoo dhiisaa‘‘ nuun jechaa turan. Sodaatu ture.
Erga Haajii Saaniin gara manaa deemanii booda masijiida keessatti dhaadannoo barreessaa bulle. Ganama solaataaf deebii’an yoo dhufan ni nahan.
Haajiin hiriiricha deeggaru baatanis ilmisaanii Shaalaqaa Bashiir qindeessaa hiriirichaa cimaa ture. Omaa gochuu waan hin deneenyeef, 'egaan Waaqni kann nagaa isiniif haa godhu' jechuun nu gaggeessan.''

“Mallas Zeenaawii halakan dhaaddanii nu waliin barreessaa bule''
Hiriirri isilaamtootaa jijjirama biyyattiitti barbaadamu fiduuf ni deeggara amantaan jedhu waan turef kanneen isilaama hin turre irraas deeggarsa cimaatu ture.
Keessattuu sochiin barattootaa olaanaa waan turef barattoota yunivarsitii irraa deeggarsa tarsimootu taasifamaa ture.
Obbo Mahaamad Hasan Jarman irraa kana yaadachuun, “Abbaa Joobiir Abbaa Biyyaa ganaa Kaanaadaadhaa barnootasaa xumuree dhufusaa ture. Innis gahee olaanaa bahe ture. Yaaqoob Haayilamaaiyaa waliin ta’un Takilaayimaanootiitti biiroo abookaatoo tokko bananii ture. Hiriirichaaf deegarsa kennanii ture.
“Barattoonni Yunvarsitii Finfinnee dhaadannoo akka qopheessaniif itti himamee ture. Mallas Zeenaawii fa’is alkanasaa dhaaddannoo barreessaa akka turan nan yaadadha.
Erga inni MM ta’een booda wayitan Itoophiyaa dhaqatiee daqiiqaa 30’f waliin haasa’een ture.
Nitu Madaanalamiitti yoo barannu Mallas fa’i Wiingeetitti barataa turan. Niyi barattoota Madaanalamiituu dhaqee isaan kakaasa ture, isaan waan sodaataniif.
Mallas qofaas osoo hin taane hangafoonni isaa kanneen dhageettii qaban deeggarsa taasisuu kaasuu Mahaammad hasan.
Ameerikaa kan jiraatan Mahaammad Riingootis hirmaannaa Mallas kana hiriyoota isaa irraa dhagahu dubbatu.
“Abuubakariifi Birhaanee Gaataahun lubbuun jiru. Isaanitu natti hime. Mallas Zeenaawiin hiriira islaamaa keessatti hirmaataa si’omaa akka ture dhagaheera'' jedhan.
Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiir (booda amabaasadara kann turan) gaaffiifi deebii barruu Badiir waliin taasisaniin, “… Sochii barattootaa Geetaachoo Bagaashaaw fa’itu dursa ture. Mallas Taklee fi Laggasaa (booda Mallas Zeenaawii) walgahii isilaamaarratti nu waliin dhufu turan.
“Yohaaniis Bantii (Galaasaa Dilboo), Roobeertoo Jazaanoo,… Isheetuu Coollee (yeroo barsiisaa kan turan), Fiqiree Mariid (ilma janaraala fonqolcha bara 81 kann dursanii), Yoonaas Adimaasuu fa’i haala gaariin maddii sochii isilaamtootaa dhaabbatanii ture.
“Kanan hin dagannee ammoo yaadawwan Mallas Zeenaawii dhaaddannoof maddisiisuufi halakan barreessaa buleedha'' jedhan.
Bu’aalee hiriira isilaamtootaa bara 1966
Yeroo sanatti gaaffiiwwan 13 turan kan Ministira Mummee Indaalkaachoof dhiyaatee ture.
Barichi bara waraaqsaa waan tureef gaaffiileen ka’an kallattiin deebii argachu baatan illeen, adeemsaan erga Dargiin aangootti dhufeen booda gaaffiileen tokko tokko deebii argatan.
Dr Ahimad Qalloon bu’aan hiriira yeroo sanaa guddaan hawaasa isilaamaa sodaa keessaa qonnee baasuudha jedhanii amanu.
“Miidhaan yeroosiifi isaan dura ture dhaloota ammaarra hin geenye. Sochiin sunis ilaalcha kiristaanoonni nuuf qaban illeen jijjireera. ..Dhaloonni nu booda dhufe sodaan hin jiraanne. Kan naam gaddisiisu dhaloonni haaraan haala yeroos ture hin beeku. Qabsoo kanaan isaan gahe hin beekan.''
'Imaamichi miilaan deemu turan'
Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiir gamasaanitiin, Dargiin yoo dhufu gaaffii isilaamaa haalan hubateeti dhufe. Akka isaan jedhaniitti sababii hiriira sanaatiin haalaan hubatan.
“Kaayyicha keessaa tokkoo walqixummaa amantaa ture. Ayyaanooti Isilaamaa beekkamtii argatan. Fakkeenyaaf duraan kann maddii biyya bulchaa taa’aan Phaaphaasoota qofaa turan. Booda garuu bakka bu’oonni isilaamaa akka itti makaman ta’e.
“Phaa[haasoonni yoo marsadiisiin deeman, Haajii Mahaammad Saanii garuu miilasaanitiin deemu turan. Booda keessa isaaniifis konkolaataan ramadame. Jireenyi isilaamaa sadarkaa mootummaafi jireenya hawaasaatinis ol ka’e,‘‘ jedhan.
Hayyuun seeraa Abbaa Biyyaa Abbaa Joobiir bu’aa hiriirichaa jecha tokkoon yoo ibsan, “Isilaamni mirgasaa gaafachuuf mirga akka qabu hubate'' jedhan.
Jiraataan jarman, Mahaammad Hasan ammoo gaaffiileen 13 dhiyaatan yoo cunfaman, “gaaffii tokkichatu baha. Innis ‘amantaaleen mootummaa hin jiraatiin‘ kann jedhuudha. Jecha gara biraatiin, gaaffii ‘seekulaariziiti‘ kann kaase. Kann milikeessinees kanuma,'' jedhan.












