Gaazexeessaa Muhyaddiin Abdullaahii 'hokkora kakaasuun' himatame

Gaazexeessaa Muhyaddiin Abdullaahii

Madda suuraa, Muhyaddiin Abdullaahii

Gaazexeessaan dhaabbata Sab-qunnamtii Harar Muhyaddiin Abdullaahii iddoo hojiitii qabamee hidhamuu Maatiin BBC'tti himan.

Dhaabbata Sab-qunnamtii Naannoo Hararii, TV naannichaa irratti gulaalaa sagantaalee ta'uun hojjechaa kan ture gaazexeessaa Muhyaddiin Abdullaahii poolisii naannoo Harariitiin hidhame.

Haati warraa gaazexeessichaa aadde Heelen Jamaal BBC'tti akka himanitti, Gaazexeessaan kuni Kibxata darbe osoo hojiirra jiruu poolisiidhaan to'atame jedhan.

"Kibxata poolisoonni mana dhufanii isa barbaanna naan jedhan. Lafa hojii akka deemen itti hime. Achumaan bilbilaniifii gaaffiidhaaf akka barbaadan itti himan. San booda qabanii mana hidhaa geessan," jedhu.

Erga to'atamee lama bulee guyyaa kamisaa mana murti akka dhihaatee fi himanni ''karaa miidiyaa Hawaasummaatiin sabaa fi saba akkasumas amantii fi amantii gidduutti waan lola kakaasu maaxxansuudhaan'' himatame jedhan.

Komishinii Poolisii Naannoo Harariitti Daayirektarri Qorannoo Yakkaa Komaandar Itti aanaa Umar Ammee, gaazexeessaan kuni rakkoo amantiidhaan walqabaatee Gondaritti mudate booda karaa miidiyaa hawaasummaatiin jeequmsa waan kakaasu maxxansaa waan tureef to'anne'' jedhan.

To'ataamuun gaazexeessichaa ''gocha ogummaa isaarraa hin eegamneen waldhibdee kakaasuu irratti waan fuulleffatee fi karaa miidiyaaa haawaasaa ergaawwan jeequmsa kakaasan maxxanseef to'atame malee waan ogummaa isaa wajjin walqabatu mitis'' jedhan.

Gaazexeessaan kuni erga too'atameen booda akkaataa seerri ajajuun mana murti dhihaachuun galmeen banamee poolisiin guyyaa qorannoo dabalataa waan itti gaafateef dhimmichi adeemsa seeraarra jiraachuus himan.