Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barraaqoo Muudaa: 'Ani jaalala malee rikardii cabsuu hin yaanne ture'
Barraaqoo Muudaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti dhalatee guddate. Akkuma ijoollee baadiyyaa kaan yeroo ijoollummaatti jabbii tiksaa maatiidhaaf ergamaa guddate.
Umamaan gabaabaa ojjaan isaa seentimeetira 89 qofa dheeratu ta’ulleen, dhaabbiin isaa kun galma namni kaan gahu kamirraayyuu akka isa hin daangessines hima.
Yunivarsiitii Dirree Dhawaa irraa gosa barnoota akkaawuntiingiin Digirii jalqabaatiin erga eebbifamee booda, yeroo ammaa Waajjira Faayinaansii Aanaa Yaaballoo keessatti ogummaa barateen mindeeffamee hojjachuu irratti argama.
Barraaqoon sababa gabaabina isaatiin namni hedduun Yaaballootti kan beeku ta’ulleen, guutuu Oromiyaa fi biyyaatti akka beekamu kan isa taasise garuu bultii inni bara kana hundeeffateedha.
ALI Muddee 2, bara 2015 guyyaa cidha Barraaqoo fi Leensaa Culii ture. Misirroon lamaan dheerinni isaanii walirraa fagoo tahan kun suurri isaan sirna cidhaaf ka’anis miidiyaa hawaasummaa irra qoodamuun guddoo leellifame.
Dheerinni Barraaqoo seentimeetira 89 yoo ta’u, kan Leensaa ammoo meetira tokkoo fi Seenti meetira 65.
“Ani durumaa waa’ee bulti yeroon yaadutti dubartii dheertuu fuudhuufin yaadaa ture. Waaqni ammoo nama akkuma ani barbaaduu naaf kenne” jedha Barraaqoon.
Galmee Dinqisiisoo Afrikaa
Barraaqoo fi Lensaan tibbana erga gaa’ila jalqabanii ji’oota kan lakkoofsisan yoo ta’u, waan isaan hin yaanne dhagahan. Isaanis rikardii abbaa manaa gabaabaa fi haadha manaa dheertuu akka cabsan itti himame.
Torbee darbe kanas dhaabbata Itoophiyaatti teessoo isaa godhate, Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irraa waraqaa beekamtii abbaa rikardummaa isaanii fudhataniiru.
“Dhugaa dubbachuudhaaf nuti jaalaluma keenya malee waa’ee rikardii cabsuu keenyaa yaannee hin beeknu. Ammoo nu waamanii isin abbaa rikardiiti jedhanii beekamtii nuuf kennan. Nutis baayyee gammadne,” jedha Barraaqoon.
Rikardii kana qabachuu isaaniitiin erga miidiyaa irratti dhihaatanii booda gara naannoo isaaniitti yeroo deebi’an, hawaasa naannoo irraa dinqisiifannaa argachuu isaaniis hima.
Hundeessaa fi hojii gaggeessaa olaanaa Galmee Dinqisiisoo Afrikaa Obbo Ashannaafii Alamuu cimdiiwwan kunneen rikardii Afrikaa qofa osoo hin taane, gama kanaan rikardii akka addunyaatti jirus cabsaniiru jedhu.
“Akka addunyaatti karaa kanaan rikardii kan qabanii fi galmee dinqisiisoo Addunyaa irratti kan galmaa’an lammiilee Biriiteen. Isaan abbaan manaa dheerina meetira tokkoo fi seentimeetira sagal yoo ta’u, haati warraa ammoo meetira tokkoo fi seentimeetira 66.”
“Dheerinni Barraaqoo ammoo seentimeetira 89 yoo ta’u, kan haadha warraasaa kan Leensaa ammoo meetira tokkoo fi seentimeetira 65. Garaagarummaan gidduu cimdiiwwanii jiru kan warra Biriiteen kanaa seentimeetira 56 yoo ta’u, kan Barraaqoo fi Leensa gidduu jiru ammoo Seentimeetira 76. Kanaaf warri kan keenya rikardii addunyaati,” jedhan Obbo Ashannaafiin.
BBC’n cimdiiwwan lamaan Barraaqoo fi Leensaan rikardii addunyaa karaa abbaa manaa gabaabaa fi haadha manaa dheertuu cabsuu isaanii ofii hin mirkaneeffanne.
Obbo Ashannaafiin garuu cimdiiwwan kunneen rikardii Addunyaa cabsaniiru, gaheen keenya sadarkaa Afrikaatti beeksisuudha malee, dhaabbata galmee dinqisiisoo addunyaa akka nuuf galmeessaniif gaafachuu miti jedhan.
Galmee Dinqisiisoo Addunyaa dabalatee dhaabbilee idil-addunyaa beekamtii kennan biroo garuu rikardiiwwan haaraa biyya keenyatti galmaa’an karaa iimeeliin ni beeksifna jedhan.
Barraaqoon gama isaatiin beekamtii galmee dinqisiisoo Afrikaa irraa argatetti akka gammadee fi galmee dinqisiisoo addunyaa irratti galmaa’uufis dhuunfaan yaalii akka godhu hime.
Barraaqoon barri 2015 kun bara hanga ammaa jiraadhe hundarra bara gammachuu naaf ta’eera jedha.
“Bara kana bultiin ijaaradhe. Amma ammoo haati warraakoo ulfa. Daa’ima hawwiin eegaa jirra. Beekamtii sadarkaa Afrikaa kanas arganneerra. Kanaaf barri kun nuuf adda," jedha.
Muuxannoo biyyoota alaa jiruun namoonni uumama addaa qabanii fi beekamtii argatan carraatu umamaaf. Dhaabbileen adda addaa hojiilee beeksisaa, fiilmii fi akkaataan jireenya isaaniis akka madda tuuriistii ta’ee galii irraa argatu. Haalli kun garuu Itoophiyaatti waan baratame miti.
Barraaqoonis kennaa uumama addaa qabu kanaan dhaabbilee isa waliin hojjechuuf fedhii qaban yoo jiraatan, hojiilee beeksisaa fi kanneen biroo hojjechuuf hawwii akka qabu hima.