Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Israa'el-Gaazaa kaan irraa maaliif adda ta'e?
Waraanni Gaazaa kun osoo akka waraana kaanii ta’ee, tarii dhukaasa dhaabuun amma hojiitti hikamuu mala ture.
Namoonni waraana kanaan du’anis awwaalamanii, Israa’el ammoo Gaazaa deebi’isanii ijaaruuf siimintoon hangamii akka barbaachisu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii wajjin falmiti ture.
Garuu waraanni kun kan akkas miti. Sababa ajjeechaa Hamaa jalqaba Onkoloolessa 7 Israa'el keessatti irra caalaa namoota nagaa Israa’el ajjeesuun, itti aansee Israa’el “haaloo ba’insaaf’’ jechuun irra caala Filisxeem lammiilee nagaa ta'an ajjeefteef qofaaf miti.
Waraanni kun waraanoota kaaniin adda kan ta’eef sababii yeroo itti eegale yeroo itti sarariiwwan Baha Giddugaleessaa addaan qoodan itti iyyaa jira ta'usaati.
Yoo xiqqaate waggoota 20'f, Baha Giddugaleessaatti haala jii'oo-politiksii cacabaa keessatti, michootaafi deeggartoota Iraanii fi michootaafi deeggartoota Ameerikaa gidduutti waldhibdee cimaatu ture.
Jidduugalli neetworkii Iraan, kan yeroo tokko tokko ''Gartuu Diddaa'' ykn "axis of resistance" jedhamee waamamudha.
Gartuu kana keessatti hidhattoota Hezbollaa kan Libaanon keessaa, bulchiinsa Bashiir al-Asaad kan Siiriyaa keessaa, Yemanitti kan argaman hidhattoota Huutii fi milishoota Iraaq kan Iraaniin hidhachifamaniifi leenjiifaman fa'itu argama.
Akkasumas Iraanoonni hidhattoota Hamaas fi Islaamik Jihaad Gaazaa keessatti argamanis ni deeggarti.
Kana malees, Iraan Raashiyaa fi Chaayinaattis dhihaachaa jirti. Iraan yaalii waraanaa Raashiyaan Yukireen keessatti banteerrattis qooda guddaa qabdi. Chaayinaan ammoo boba'aa Iraan baay'ee bitataa jirti.
Waraanni Gaazaa keessaa hanguma dheerataa adeemuufi hanguma Israa’el namoota nagaa Filisxeem hedduu ajjeesuu fi manneen kuma kudhaniin lakkaa’aman barbadeessituun, balaa cimaan miseensoonni garteewwan lammaan kanneenii muraasni waraana kanatti hirmaachu jiraachu mala.
Daangaa Israa’elii fi Libaanon irrattis waluma jalaan lolli hammaata jira. Garuu Israa’elis ta’e Hezbollaan humna guutuu qabaniin wal waraanuu hin barbaadan.
Garuu akkuma wal haleeluun humna cimaa walirra buusaa adeemaniin, balaan lolli to'annaan ala ta’uu umamuu itti malu jira.
Akkasumas hidhattoonni Huutii Yaman keessaas misaa'elaa fi diroonii gara Israa'elitti furguggisaa turan.
Haata'u malee, hanga ammaatti misaayilii fi diroonni isaan furguggisan hundi Humna Ittisa Qilleensaa Israa’eliin ykn doonii waraanaa humna galaanaa Ameerikaa kan Galaana Diimaa irraatiin kuffifamaniiru.
Iraaq keessatti, milishoonni Iraaniin deeggaraman buufataalee waraana Ameerikaa haleelan. Ameerikaan maadheewwan waraanasaanii kan Siiriyaa keessa jiran haleeluun haaloo baate.
Ammatti garteewwan hunduu lollichi akka hin hammaanne daangessuuf yaalaa jiru. Garuu ammoo tarkaanfii waraanaa to’achuun yeroo hunda rakkisaadha.
Gartuu Ameerikaa jalatti kan eeraman Israa’el, biyyoota Galoo Galaanaa boba’an badhaadhan, Joordaan fi Masriidha. Pirezidanti Joo Baayidan waa'ee ajjeechaa namoota nagaa Filisxeemotaa Israa'el raawwataa jirtuutti gammadu baatan illeen, Ameerikaan Israa'eliif deeggarsa cimaa gochuu ittuma fufte jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet, Antoonii Bilinkan namoonni nagaa Filisxeem baay’een ajjeefamaa akka jiran ifatti dubbatan.
Biyyoon Arabootaa michuu Ameerikaa ta’an hundisaanii waan Israa’el hojjechaa jirtu balaaleffachuun dhukaasni akka dhaabbatuf gaafatan.
Filisxeemonni kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaanii kaaba Gaazaa keessaa buqqaafamuun daandii guddicharra gara kibbaatti baqachuun arguun, miira waraanaa bilisummaa Israa’el bara 1948 Araboota irratti ittiin injifatteen sana isaan yaadachise.
Barri sanattis Filisxeemonni 700,000 ol ta’an Israa’eliin humnaan ykn qawweedhaan dorsiifamuun qe’ee isaanii irraa dirqiin bara itti buqqifaman ture.
Taatee sana Filisxeemotaan balaa hamtuu ykn al-Nakba jedhamuun waamam. Ummata Gaazaa Istiriippi keessa jiraatan keessaa harki caalu dhaloota buqqatoota bara 1948 qe’erraa baqataniiti.
Haasaan balaafamaan finxaaleyyiin Yihudootaa muraasni kanneen mootummaan Beenjamin Netaaniyaahuu deeggaran taasisan, Filisxeemoonni bifa haaraan qe’eesaanirraa akka buqqisuu dubbachuun biyyoota Arabaa Ameerikaa deeggaran, keessattuu Joordaan fi Masrii rifaasiseera.
Bulchiinsa mootummaa Netaaniyaahuu keessaa ministirri tokko sirumayyuu waraana Hamaas waliin gaggeeffamurratti Israa’el boombii niwukilaraa Gaazaarratti akka darbattu yaada dhiyeesse. Namtichi yaada kana dhiyeesse sun ni qeeqame malee hojiirraa hin ari'atamne.
Sun hundi akka yaada namoota muraasa ta’etti ilaalamu danda'a, garuu Yordaanosii fi Masriin dhimma kana akka laayyootti hin ilaalle. Filsxeemoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman daangaa biyyoota kanarra jiru.
Dippilomaatonni gameeyyiin biyyoota Lixaa kanneen biyyoota michoota Israa'el akka himanitti, waraana goolabuun, taatee sana booda dhufu to’achuun ''rakkisaa fi cimaadha'' jechuun BBCtti himan.
Kaan isaanii waraana booda "dirreen siyaasa Filisxeem deebi‘ee ijaaramuu qaba" jedhu.
Kun ammoo Israa’el cinatti Filisxeem biyya walabaa taate akka hundooftu gaafatu. Kana jechuun ammoo furmaata gar-biyyoota lamanii ykn 'two-state solution' jedhamee beekamudha. Kun yaada milkii dhabee fi dhaadannoo qofa ta’ee hafedha.
Isa deebisuun, tarii Israa’elii fi Araboota gidduutti, karoora guddaa hawwamu mala. Garuu haala amma muddama, sodaa fi jibbaa jiru kana keessatti galmaan gahuun baayyee rakkisaa ta'a.
Kun ammoo hoggansa Filisxeem fi Israa'el amma jiru jalatti milkaa’u.
MM Israa’el Beenjamin Netaaniyaahuun lolli Gaazaa erga xumuramee booda guyyoota muraasaaf karoora isaanii hin ibsine. Garuu yaada Ameerikaan mootummaa Abbaa Taayitaa Filisxeem, kan Mahaammud Abbaasiin durfamu aangoo qabsiisu fudhachuu didan.
Karoora Ameerikaa inni lammaffaan ammoo furmaata biyyoota lamaa ykn 'two-state solution' jedhamu irratti mari’achuudha. Kunis waan Beenjamin Netaaniyaahuun bara siyaasaa keessa turan guutuu mormaa turaniidha.
Netaaniyaahuun bara aangoo saaniitti walabummaa Filisxeem mormuu isaanii qofaa miti.
Muummicha Ministiraa ta’anii itti fufuuf deeggarsa finxaaleeyyii Yihudootaa, kanneen naannoo guutammaan lafa laga Yordaanosii fi Meditiraaniyaanii gidduu jiru Waaqayyootu ummata Yihudootaaf kenne jedhanii fi hundisaa daangaa Israa’el keessa ta’uu qaba jedhanii isaan barbaachisa.
Lammiileen Israa’el hedduun rakkoo nageenyaa fi dadhabbiina basaasaa haleellaan Onkoloolessa 7 bara 2023 akka mudateef madda ta'eef Netaaniyaahuu komachuudhaan aangoo akka gadhiisan barbaadu.
Pirezidantiin Filisxeem Abbaas bara 2005 irraa kaasee saanduuqa sagalee filannootti of dhiyyeessuu baatan illeen ammatti nama dhuma waggaa 80 irratti argamaniifi ilaalcha filattootaanis kan fudhatama hin qabneedha.
Abbaan Taayitaa Filisxeem nageenya Weesti Baank keessaa irratti Israa'el waliin kan wal ta'u yoo ta'u, garuu ammoo ummataasaa qubattoota Jawuush hidhatan irraa dhorkuu hin dandeenye.
Dhumarratti oggansi ni jijjirama. Waraanni hamaan amma Gaazaa keessatti deemaa jiru kunis Israa'eloota, Filisxeemootaafi waahillan isaanii jajaboon irra deebiin nagaan akka bu'uu akka yaalan isaan kan dirqisiifne yoo ta'e, yeroo dhufaan kan waraanni caalaa itti gaggeeffamu qofa ta'a.