Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teessoo Pireezidantummaa abbaansaanii itti hin milkaa'in darban dharra'aa kan jiran-Raayilaa Odingaa
Filannoo Hagayya dhufu gaggeeffamu irratti dorgomuun aangoo pireezidaantummaa qabachuuf kan hojjetaa jiran Raayilaa Odingaa Keeniyaa keessatti maatii akkaan beekaman keessaa dhalatan.
Waggoota dheeraaf hojii aangootti isaan baasuu danda’u hojjetanis garuu masaraa mootummaa seenuu hin dandeenye.
Wayita Keeniyaan waanjoo kolonii Ingiliiz jalaa bilisoomtu Pireezidantii Itti Aanaa ta’uun kan tajaajilan abbaansaaniis aangoo fiixee argachuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa maanguddoo umrii wagga 77 kan ta’an Raayilaa Odingaa Kanaan dura yeroo afur pireezidantummaaf dorgomaniiru, amma carraa shanaffaa yaalaa jiru.
Raayilaa Odingaa teessoo mootummaa olaanaatti siqaniiru kan jedhamu wayita bara 2008 Ministira Muummee biyyattii ta’an qofadha.
Ergasii isaanii fi aangoon dugda walitti galanii turaniiru.
Odingaan deeggartoota hedduu qabu, deeggartoonni isaanii jaalalarraa kan ka’e maqaa mason waamu.
Fakkeenyaaf ‘’Baabaa’’ (Abbaa), ‘’Agwaamboo’’ (Hojii waaqaa), fi ‘’Tiingaa’’ (Tiraaktara) jechaa maqaa mason waamu.
Maqaawwan masoo kunneen filannoo bara 1997 irratti mallattoowwan paartiin isaanii fayyadamerraa fudhataman. Raayilaa Odingaa qondaala siyaasaa umriin jaaran ta’anillee wayita deegartoota isaanii duratti waltajjiirratti ba’an walleewwan reegeen ni ragadu.
Kanarraa ka’uunis namoonni maqaa ‘’ragada Raayilaa’’ jedhuun ragaduun baratameera.
Jaalalli isaan kubbaa miilaaf qaban baayyee nama ajaayiba, kilaba Arsenaal guddoo jaal’atu.
Raayilaa Odingaa wayita filannoon ga’u hunda qindoomina paartilee uumuun beekamu.
Filannoo bara kanaarratti dhaadannoo ‘’Aziimiiyoo laa uumijaa’’ jedhu afaan Kiswaahiliin qabatanii dhiyaataniiru- Waadaa Tokkummaa jechuudha.
Filannoo bara kanaarrattimmoo deeggartoota Pireezidanti Uhuruu Keeniyaataa gara ofiitti deebisuu hawwaniiru, Raayilaa Odingaa.
Raayilaa Odingaa fi Uhuruu Keeniyaataa qondaaltota gameeyyii paartilee biyyattii bebbeekamoo dursaniidha.
Qondaaltonni kunneen filannoo bara 2017 irratti akkaan walmorkataniiru, isa alanaaf ammoo akkaatuma waliigaltee ‘’The Hand Shake’’ jedhamuun beekamuutti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Raayilaa Odingaa Pireezidantii ta’uu yoo filataman karoora misoomaa Pireezidanti Uhuruu Keeniyaa akka itti fufsiisan himaniiru.
Lammiilee Keeniyaa harka qalleeyyii ta’an maallaqaan deeggaruufis waadaa seenaniiru.
Ji’aan Shiliingii Keeniyaa 6000 (Doolaara 50) kaffaluuf waadaa seenan, maallaqi kunis Fandii Eegumsa Hawaasummaa jedhamuun sagantaa haaraa eegalamaa jiru irraa kan argamuudha.
Maallaqi kun akkamiin argama kan jedhu irratti wayita yaada kennan malaammaltummaa caasaa bal’ifate hto’achuudhaan akka ta’e irra deddeebiin himu.
Odingaan sagantaa ‘’Baabaa keer’’ jedhu eegaluuf yaada dhiyeessaniiru.
Sagantaan kun tajaajila wal’aansa fayyaa gatii madaalawaan kennuu kan kaayyeffateedha.
Biyya uummata miiliyoona 56 ol qabdu kana keessatti miira abbummaa agarsiisuuf of beeksisaa jiru.
Dubartii P/I/Aantuu gochuun kaadhimuu
Qondaalli siyaasaa gameessi umrii wagga 77 kun dorgommii isaanii marsaa kanarratti dhaabumoo itti fufu kan jedhu ifatti hin beekamne.
Kanaan dura filannoon bara 2017 kan xumuraa isaanii ta’uu ibsanii turan.
Bitootessa darbe wayita gaaffii fi deebii sagantaa BBC Focus on Africa waliin taaisan garuu yaadasaanii akka jijjiiran ibsan.
Lammiileen Keeniyaa ‘’amanummaa isaanirraa qabanirraa kan ka’e,’’ ammas pireezidantummaaf akka dorgoman gaafatamuu kan ibsan Raayilaa Odingaa, gaaffii lammiilee kana deebisuuf akka itti seenan ibsan.
Raayilaa Odingaa Ministira Haqaa duraanii biyyattii Maartaa Kaaru’aa akka waahila isaanii ta’anii dorgomuun, Itti Aantuu Pireezidantii ta’aniif filataniiru.
Dubartii Pireezidantii Itti Aantuu gochuun filachuun isaanii seenaa biyyattii keessatti waan haaraadha.
Qondaalli kun sagalee dhibbeentaa 50 ol argachuuf karoorfatanii iddoowwan ijoo ta’an irratti hojjechaa jiru.
Raayilaa Odingaa akka nama aangoo siyaasaa abbaasaanii, Jaaraamoogii Odingaa, dhaaleetti ilaalamu.
Jaaraamoogii Odingaa erga Keeniyaan walabummaashee gonfattee booda Pireezidantii Itti Aanaa ta’uun lammii Keeniyaa jalqabaa turan.
Yeroo sana pireezidantii kan turan Joomoo Keeniyaataa waliin waldhabuun bara 1966 aangoo gadhiisan.
Jaaraamoogii Odingaa Gamtaa Sooviyeetii fi Chaayinaa waliin michoomuu filatan.
Joomoo Keeniyaataa ammoo Ameerikaa fi biyyoota lixaa kaan waliin michummaasaanii cimsan.
Waldhibdeen isaanii akkaan hammaataa deeme, Jaaraamoogii Odingaa ji’a 18 erga hidhamanii booda bara 1971 hidhaatii gadhiifaman.
Raayilaa Odingaas akkasuma hidhamaa siyaasaa turan.
Keeniyaatti hidhamaa siyaasaa yeroo dheeraa mana hidhaatti dabarse jedhamuun beekamu.
Qabsoo olaantummaa bulchiinsa paartii abbaa irree waliin taasisaniin yeroo lama (bara 1982 hanga 1988 fi 1989 hanga 1991) hidhamaniiru.
Kan hidhamanis Pireezidanti Joomoo Keeniyaataa kan bakka bu’an bara bulchiinsa Daani’eel Arap Mooy keessa.
Bara 1982 fonqolcha mootummaa yaalaniiru jedhamuun hidhaman, hidhaan kun ammoo maqaansaanii addunyaarratti akka beekamu taasiseera.