Ajajootni waraanaa Raashiyaa, Yuukireenitti nuukileera fayyadamuu irratti mari'atan-US

Madda suuraa, Humna Ittisaa Raashiyaa
Hoggantootni waraanaa Raashiyaa ji’a darbe dirree waraanaa Yuukireen irratti yoomii fi akkamiin akka nuukileera fayyadaman mari’ataniiru jechuun qondaalonni US lama CBStti himan.
Vilaadmir Putiin maricha keessatti hin hirmaanne jechuun miidiyaa US BBC waliin hojjetu CBStti himan.
Waayit Haawus ji’oota darban muraasa keessa Raashiyaan nuukileera fayyadamamuu hin ooltu kan jechuun ‘’yaaddoon isaanii akkaan dabalee’’ akka ture himte.
Garuu US mallattoo homaa Raashiyaan nuukilerashee qopheessitu akka hin argine himte.
Kun qorannoo basaasaa biyyoota Lixaa kan Moskoon meeshaalee waraanaa nuukileeraashee hin sochoofne jedhuun wal simata.
Dubbii himaan Kireemliin Dimitirii Peeskoov biyyootni Lixaa ‘’tahe jechuun dhimmicha odeessaa jiru’’ jechuun himatan.
Haa tahu malee, wal gahiin gaggeesitootni human waraanaa raashiyaa walakkaa ji’a Onkoloolessaa keessa gaggeessan hedduu murteessaadha.
Xumura ji’a Fulbaanaa keessa Putin Raashiyaa fi daangaalee Yuukireen gara Raashiyaatti dabalan ittisuuf jecha itti fayyadama meeshaa waraana nukileraa fi filannoo jiru hundaa fayyadamuu dubbatanii ture.
Putiin biyyootni Lixaa waa’ee Nukileeraa osoo adda hin baasiin maqa balleessii irratti bobba’an jedhanii meeshaan waraanaa Raashiyaa kan miseensa NATO kamiyyuu caalaa ammayyaa’aa tahuu himan.
Dubbii himaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Joon Kirbii, ‘’akkaataa ji’a kana keessa haalichi itti deemaa tureen hedduu yaaddoo qabna,’’ jedhan.
Raashiyaan dirree waraanaatti akka injifannoon argataa jirtu waan xiqqaataa dhufeef yaaddoon nukilera fayyadamuu dabaleera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mooskoon ‘’boombii xuraa’aa’’ kan humna jabaa of keessaa qabu fayyadamte jechuun Yuukireeniin himatte.
Yuukireenii fi biyyootni Lixaa ammoo Raashiyaan nukilera fayyadamuuf jecha akka dubbii ka’umsaatti fayyadamuuf beekaa kana jetti jechuun amanu.
Ministerri Ittisaa Raashiyaa Sergee Shooguu gita isaanii US, Tarkii fi Faransaay waliin dhimma kana irratti mari’achuuf turan.
Haa tahu malee yeroo Raashiyaan suuraa boombii xura’aa [dirty bomb] jedhame kana qooddu, mootummaan Islooveeniyaa hatattamaan suuraa kun Ejensii To’annoo Balfa Raadiyoo aktiivii [Radio Active Waste Management] isaanii kan bara 2010 irraa akka ergifatame ibse.
Dhiyeenya kana ejjennoon fayyadama nuukileeraa Raashiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofamaa jiru yoo tahu, addatti nuukilera ‘’taktikaalaa’’ dirree waraanaa yuukireenitti fayyadamuu hin oolle jedhama.
Nuukilerri taaktikaalaa ofirraa ittisuuf malee akka meeshaa waraanaa ‘’istiraateejii’’ taheetti hojiirra hin oolfamu. Sababni isaas meeshaan kun waan guddaa umna barbadeessuu waan qabuufi.
Itti aaanaan hogganaa mana maree Raashiyaa Dimitirii Medveed waraanni Yuukireen daangaa Raashiyaa kana dura jalaa fudhatame hundaa deebisuudhas jedhan.












