Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa yeroo jalqabaaf daangaa bishaanii isaaniitti misaa'ela walitti dhukaasan

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela daangaa bishaanii Kooriyaa Kibbaa ce'e dhukaaste

Madda suuraa, Yonap/Reuters

Kooriyaan Kaabaa fi Kooriyaan Kibbaa yeroo jalqabaaf misaa'ela walitti dhukaasan.

Jalqaba Kooriyaan Kaabaa misaa'ela daangaa bishaanii Kooriyaa Kibbaa seene dhukaaste.

Misaa’elli fageenya gabaabaa imalu fageenya km60 irratti yoo qubatu, magaalaa Kooriyaa Kibbaa Sookoo. Odola Ullenggdo keessatti alaarmii [akeekkachiisa] qilleensarraa fideera.

Kana hordofuun Kooriyaan Kibbaa misaa’eloota sadii gara Kooriyaa Kaabaatti furguggiste.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa, Yoon Suuk Ye’ol tarkaanfii Kooriyaa kaabaa kana '‘weerara daangaa sirrii’’ nurratti gaggeeffamedha jedhan.

Piyoongiyaangi gaafa Roobii ganama yoo xiqqaate misaa’eloota 10 ‘’Bahaa fi Lixatti’’ furguggisteetti, jedhe humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa.

Booda gaafuma Roobii humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa misaa’eloota qilleensarraa fi lafarraa daangaa bishaan biyyoota lameenii irraan gara Kooriyaa Kaabaatti dhukaasuu ibse.

Kunis Kooriyaa Kaabaaf deebii kennuuf akka tahe ibse.

Kana dura humni waraanaa Kooriyaa kibbaa ‘’gochaa Kooriyaa Kaabaa akkanaa kana caalaa hin obsu’’ jedhee deeggarsa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaan cimsee tarkaanfii deebii tahu akka fudhatu hoggantootni waraanaa biyyoota lameenii ibsa waloo kennaniin beeksisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabaluun pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa ‘’deebii ariifataa’’ tahe gochaa Kooriyaa Kaabaa kanaaf akka fudhatan ajajaniiru.

Dhukaasa misaa’elaa Kooriyaa Kaabaa kana hordofee Kooriyaa Kibbaa fi jaappaan wal gahii dhimma nageenyaa waamaniiru.

Biyyootni lameen dhukaasa misaa’elaa kana Roobii har’aa ganama sa’a 9:00[ 00:00GMT] irratti galmeessaniiru.

Lamaan isaaniiyyuu misaa’ela daangaa bishaanii Kooriyaa Kaabaa keessaa bahuun kan Kooriyaa Kibbaa gales galmeessaniiru.

Misaa’elli kun daangaa bishaanii sararanii qaban irraa km 26 kutee darbuun Baha magaalaa Kooriyaa Kibbaa Sookoo bu’e, jedhan Hoggansa waraanaa waliinii US-Kooriyaa Kibbaatti daariktera oppireeshinii kan tahan Kaangi Shiin Shuul. 

Dhukaasni misaa’elaa kun erga Kooriyaan Kaabaa biyyootni lameen jechuun US fi Kooriyaan Kibbaa shaakala waraanaa waloo dhaabuu qabu jettee akeekkachiiftee turban booda raawwatame.

Kibxata kaleessaa, biyyoonni lamaan kunneen shaakala kana hin dhaaban yoo tahe tarkaanfii ‘’jabaa’’ fudhadha jettee ture.

Ji’a darbes Kooriyaa Kibbaa, Jaappaanii fi US shaakala waraanaa waloo gochuu hordoftee misaa’ela dhukaastee ture.