Putin 'niwukileera fayyadamna kan jedhe doorsisaaf miti'-Gamtaa Awurooppaa

Putin waraana Yuukiren irratti niwukilera fayyadamuu dandeenya jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Gamtaan Awurooppaa doorsisa Putin niwukilera waraana Yuukireen keessatti fayyadamuu danda’a jedhu cimsee ilaaluu qaba jedhan gamtichatti hogganaan imaammata alaa.

Joosef Boorel gabaastuu BBC Liisee Duuketitti akka himanitti waraanichi ‘’yeroo hamaa’’ irra gaheera jedhan.

Dubbiin isaanii kunis tarkaanfii Raashiyaan gariin loltoota bobbaasuu fi naannolee Yuukireen afur ofitti dabaluuf jalqabde hordofee dhagahme.

Waraanni Putiin dirree waraanaa irratti mo’amaa jira. Humni waraanaa Yuukireen deebisee ofirraa qolachuun lafa isaa duraan dhabe deebisee qabachaa jira.

‘’Dhugumatti yeroo baay’ee hamaa taherra gaheera, sababni isaa humnootni waraanaa raashiyaa fiixeetti dhiibamaniiru. Doorsifni Putin niwukilera fayyadamuu danda’a jedhus baayee gadheedha,’’ jedhan.

Waraanni Yuukireen kun erga jalqabee ji’ootni torba darbaniiru. Loltootni Raashiyaas of duuba deebi’uu jalqabaniiru.

Jooseef Boorel ‘’furmaatni dippilomasii’’ dhufuu qaba jedhu. Garuu karaa ‘’walabummaa fi ol aantummaa daangaa Yuukireen kabajeen’’ tahuu qaba jedhan.

‘’Yoo akkas hin taane waraanicha ni xumurra, garuu nagaa hin qabaannu, waraana biraatti galla,’’ jedhan.

Ibsa miidiyaaf kennaniin Putin biyyi isaanii ‘’meeshaa waraanaa hamaa tahe qabdi, waan qabnu hunda fayyadamuu dandeenya,’’ jedhan.

‘’Yeroo namoonni sobeeti jedhanitti, cimsitee fudhachuu qabda,’’ jedhan Joosef Boorel.

Putin lammiileen Raashiyaa tajaajila waraanaa kennan 300,000 tahan waraanatti akka makamaniif waamichas taasisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Loltoonni Raashiyaa mana manarra deemuun filannoo riifarandamii jechuun ofumaaf labsaniif sagalee walitti qabaa jiru jedhan lammiileen Yukireen.

Raashiyaan Yukireen keessaa iddoowwan to'attetti filannoo uummataa-rifarandamii gaggeessaa jirti.

''Ati afaaniin yaada kee itti himta, loltoonni ammoo waraqaarratti barreessanii qabatanii deemu,'' jette dubartiin Enerhodar keessa jiraattu.

Bulchiinsa Kherson gara kibbaatti hidhattoonni Raashiyaa saanduqa waraqaa filannoo baatanii magaalaa walakkaatti sagalee uummataa osoo walitti qabanii argamaniiru.

Mana manarra deemanii sagalee hiree murteeffannaa uummataa walitti qabuun kan barbaachiseef nageenya uummataaf ta'uu miidiyaan mootummaa Raashiyaa gabaaseera.

Namuu qaamaan argamee filachuu kan eegalu Fulbaana 27 ta'uus gabaasa isaa keessatti eere.

Loltoonni wayita sagalee jiraattotaa galmeessan waraqaa filannoo nama dhuunfaaf hin dhiheessan, kan maatii hundaa waraqaa tokkorratti galmeessu jedhan jiraattonni BBCn dubbise.

Raashiyaan adeemsi filannoo hiree ofii murteeffachuuf gaggeeffamu kun haqaa fi walaba ta'uu eerti, uummanni garuu loltootaan doorsifamuu himatu.