Hirriba keessa osoo hin dammaqiin adeemuu (sleep walking) maaliidha?

Maatii keessan keessaa namni osoo hirribarra hin dammaqne ka'ee deemu jiraa? Darbee darbee namoonni bakka rafanii ka'un osoo guutummaatti dammaqanii of hin beekne deemu.

Taateen kunis namoota gurduddaa caala daa'imman irratti akka baayyatu dubbatu ogeeyyiin fayyaa. Namoota rakkoo fayyaa akkasii qaban jalaa meeshaalee qara qaban dhoksuutu gorfama.

Namoonni rakkoo fayyaa akkanaa qaban furtuu balbalaa of jalaa dhoksu. Kunis hirriba keessa ka'aniii akka mana bahanii hin deemneefidha.

Yeroo baayyees rakkoo fayyaa akkanaa kana namoonni yoo akka hafuura hamaa (seexanan) wal qabsiisan dhagahamu. Seexanatu fudhatee ittiin adeema jedhanii kan amanan jiru.

Namoonni rakkoo akkasii qaban hirriba keessa konkolaataasaanii kaasuun hanga balaa qaqqabsiisutti gahuu akka danda'an illeen ogeeyyiin fayyaa sammuu ni dubbatu.

Rakkoon fayyaa kun ka'umsi isaa maali? Fala hoo qabaa? Dhimma kanarratti ispeeshalistii yaalii sammuu fi ogeessa hirriibaa waan jedhan akkasiin qindeessineerra.

Hirriba keessa adeemuun (sleep walking) maali?

Dr Abdii Baacaa Ispeeshaalistii wallaansa sammuu Hospitaala Refaraala Yuunivarsiitii Ambooti.

Namoonni hirriba keessaa osoo hin dammaqiin ka'anii adeeman wal'aansa barbaacha akka isaan bira dhaqan dubbatu Ogeessi kun. Rakkoon fayyaa kunis ijoolleerratti akka heddummatu himu.

Maalummaa rakkoo fayyaa kanatiis akkasiin ibsuun. Hirriba keessa ka’anii adeemuu (sleep walking) jechuun hirriba keessaa guutumaan guutuutti osoo hin dammaqiin ka’anii olii gadi socho’uudha.

Hirriba keessaa ka’anii adeemuun kun sadarkaa gara garaa qaba jedhu.

Namoonni hirriba keessa dammaqanii siree ofiirraa osoo hin bu’iin daqiiqaa muraasa booda kanneen deebi’anii rafan akkuma jiran, namoonni ka’anii manaa bahanii fagatanii deeman jiraachu dubbatun.

Rakkoon kun maaliirra madda?

Hirriba keessa osoo hin dammaqiin ka'anii deemuun dhukkuboota hirriba wajjiin walqaban keessaa tokko akka ta’eetti ilaalama jedhu ogeessi fayyaa kun.

Ispeeshalistii wallaansa sammuu Dr Abdiin, ka’umsi rakkoo fayyaa kanaa sababa adda adda ta’uu akka malu dubbatu.

Sababiin jalqabaa dhiphina sammuu taatee akkasiif nama saaxiluu ta'u mala jedhan.

Kan biraa ammoo, yeroo dheeraaf hirriba dhabuunillee taate akkasii kanaaf nama saaxilu akka danda'u dubbatu.

Kana malees, rakkoon fayyaa kun dhalootaan karaa qaccee sanyiitiin warra irraa dhaalamus ni mala jedhan. ''Maatiin rakkoo fayyaa kana qabu taanaan ijoolleen isaanii namoota biroo caala rakkoo hirriba keessa deemuuf saaxilamu malu.''

Namoonni akkas nama miidhuu?

Namoonni rakkoo hirriba keessaa osoo hin dammaqiin ka'anii deeman irra caalan isaanii, erga ka’anii demanii booda deebi’anii ni rafu.

Dr Abdiin akka jedhanitti, namoonni muraasni garuu haala sana keessa ta'anii ofiisaanii ykn namoota biroo miidhu malu.

muraasni isaaniis balbala bananii bahuun hanga balaa garaagaraa irra gahu danda'utti fagaachu malu.

Kaan muraasnisaanii ammoo hojii mana keessaa hojjachuuf yaalu, akkaumas gochoota biroos raawwachuu malu jedhan.

Hirriba keessa adeemuun yoom mudata?

Hirriba keessa adeemuun irra caala halkan qixxee dura kan mudatu yoo ta’u, ''daqiiqaawwan 5- 15 tura'' jedhu ogeessaa hirribaa fi barreessaa kan ta'an Dr Daani’el Istaanliiy wayita BBC'tti dubbatan.

Dr Daani’el ''namoota hirriba keessa deeman dammaqsuu hin sodaatinaa'' jedhu.

Namoota hirriba keessa ka’anii adeeman wayita dammaqsan jalqaba haala keessan jiran hubachuuf rakkachu malu jedhan.

Haalli akkasii kunis irra caalatti kan mudatu wayita hirriba cimaa keessa jirrudha jedhan. Ispeeshaalistii wallaansa sammuu kan ta'an Dr Abdiinillee yaaduma kana cimsa.

Oggeessoonni kunneenis, hirriba keessa ka’anii adeemuun kan mudatu wayita sammuun keenya muguu fi dammaquu giddutti danqamu jedhu.

Innis wayita kutaan sammuu keenyaa dammaquu to’atuu yoo rafuutti taateen kun mudata jedhu ogeeyyin. Kanarra kan ka’e namoonni of madeessuu ykn of miidhu malanis akka jiran himu.

Daa’imman shan keessaa tokko jireenyaa isaanii keessatti yoo xiqqaate yeroo tokko hirriba keessaa osoo hin dammaqiin ka’anii ni adeemu jedhu.

Haalli kun wal’aansa qabaa ?

Dr Abdii akka jedhanitti, namoota rakkoo fayyaa hirriba keessa deemu qabaniif wallaansa gosa lamaatu kennama jedhan.

Bifa gorsa saayikolojii (psychotherapy) fi dawaa kennuutiin rakkoo kana yaaluun ni danda’ama jedhan.

Namoota rakkoo hirriba keessa deemuu baayyee cimaa qabaniif qorichoota hirriba namatti buusan kanneen akka "Clonazepam or diazepam" akka fayyadaman gorsan.

Maatii keessaa namni hirriba keessa ka’ee deemu yoo jiraate ammoo, ofiis ta’e miseensa maatii biroo akka hin miineef meeshaalee qara qabanii fi caccaban irraa fageessu, balbala sirriitti cufuun, furtuu bakka isaan akka salphaatti argachuun hin dandeenye kaa’utu gorfama jedhan.

Rakkoon fayyaa kun irra deddeebiin yoo mudate ammoo, namni hirriba keessaa ka’ee deemu yoo of miidhe ykn namoota biroo miidhurra qaqabee, ogeeyyii fayyaatiin mari'achuutu gorfama.