Kurruufun akkamiin gaa'ila diiguu danda'a? Furmaanni isaa maali?

Kurruufuun isa kurruufu qofa hirriba dhowwa miti. Namoota bira rafan irrattis miidhaa qaamaafi sammuu dhaqqabsiisa. Bultiillee diiguu danda’a.

‘’Waa’ee kurruufuu abbaa warraakoo maatiifi hiriyyoota koo waliin nan qoosa. Haa ta’u malee, keessakoo na jeeqa,’’ jetti Arunikaa Selvaam.

Arunikaan dubartii ganna 45 lammii Singaapporidha.

Haati ijoollee kuni ‘’waa’ee dhimmichaa abbaa warraa kiyya dubbisnaan ni mufata jedhee yaadda’uun waggootaaf jaarsakoo sagalee ol qabee kurruufu bira rafaan ture,’’ jetti.

Haa ta’u malee, itti cimaa dhufe. ‘’Obseen danda’a’’ jettee yaaddus hariiroo isaaniifi hirriba abbaa warraasheerratti dhiibbaa uume.

‘’Barii barii irra deddeebiin dammaquu jalqabe. Waan hirriba gahaa hin arganneef ganama miirri isaa gaarii miti,’’ jechuun BBC’tti himte.

Abbaan warraa kuruufuu isaan kan hirriba dhabe isa qofa miti. Haati warraas sagalee guddaa abbaan warraa yeroo kurruufu dhageessuun hirriba dhabdeetti.

Sababa kanaan hojiillee sirnaan dalaguu akka rakkatte dubbatti.

Gaa’ela keessa kurruufuun rakkoo ta’e itti fufuus yeroo baay’ee dhibbaa inni qabu bal’inaan hin dubbatamu.

Kurruufuun hariiroofi fayyaa dhiirsaafi niitii gidduu dhiibbaan geessisu guddaa waan ta’ef xiyyeeffannoo barbaada jedhu ogeeyyiin.

Sagalee ol kaasanii kurruufuu

Sagalee ol kaasanii kurruufuun rakkoo fayyaa ‘obstructive sleep apnea’ waliin walqabata.

Nama tokkoorratti dhibeen ‘obstructive sleep apnea’ kuni mudateera kan jedhamu irra deddeebiin harganuu dhaabaa deebi’ee harganuu yoo eegalu akka ta’e ogeeyyiin himu.

Rakkoon fayyaa kuni keenyaan laagaa akka bal’atuufi dhiphatu gochuun sirna hargansuu barame rakkisuun hanqinni oksijinii akka uumamu taasisa.

Dhibeen kuni yeroo keessa hammaataa adeemuu mala jedhu Yunivarsitii Jeemis Kuuk biyya UK argamutti hakiimni sirna hargansuu Dr Raamaamurtii Saataayaamurti.

Akka hakiimni kuni jedhanitti, rakkoon fayyaa kuni nama kurruufurra darbees fayyaa qaamaafi sammuu michuu gaa’elaarrattis miidhaa dhaqqabsiisuu danda’a.

Mallattoon hargansuun ciccituu maali?

Mallattoowwan ‘sleep apnea’ yeroo hedduu kan mul’atan yeroo hirribaati.

Mallattoolee keessaa sagalee guddaan kurruufuu, harganuu dhaabanii deebi’anii eegaluu, hargansuun adda ciccituu akkasumas tasa hirribarraa dammaquunis ni jira.

Guyyaa keessa mata bowwuu, dadhabbii, xiyyeeffannoo dhabuu, rakkoo dagachuu, miirri jijjiiramu akkasumas fedhiin saal qunnamtii xiqqaachuus ni eeramu.

Sababa kurruufuun tasa hammi oksijinii dhiiga keessa jiru waan xiqqaatuuf dhiibbaa dhiigaa nama saaxiluu akka danda’u ogeeyyiin akeekkachiisu.

Akka qorannoowwan tokko tokko jedhanitti, ‘sleep apnea’ carraa onneen hojii dhaabuu 140%, istirookiif saaxilamuu 60% akkaumas dhukkuba onneef saaxilamuu 30% ni dabala.

Cimdiiwwan gaa’ela keessa jiran sababa kurruufun kutaa ciisichaa adda baasanii rafuullee gahuu danda’u.

Lammiin Singaappor waggoota 15 abbaa warraashee waliin jiraatte, Anurikaa Selvaamis, abbaan warraashee waan kurruufuf hirriba waan dhabdeef kutaa ciisichaa ishee jijjiirteetti.

Abbaan warraa ishee yaala fayyaa akka argatu isa gaafattus fedhii dhabe jetti.

‘’Abbaan isaas akaakayyuun isaas waan kurruufanif waan addaa akka hin taane yaadun ogeessa fayyaa bira dhaquuf yaada hiree ture,’’ jetti.

Kanaan alattis, biyyoota Eeshiyaatti kurruufuun ‘’dhiirummaa’’ waliin waan wal qabatuuf dhiironni kurruufuun akka rakkoo fayyaatti hin fudhatamu jetti.

Akka qorannoon dhihoo taasifame agarsiisutti taanaan dubartoota caalaa dhiirotatu kurruufa.

UK keessatti abukaatoo seeraa maatii kan taate Ripaa Guptaa sababa kurruufuun gaa’illi cimdiiwwan baay’ee yeroo diigamu arguu dubbatti.

‘’Kurruufun gaa’illi akka diigamu sababa ta’u irra deddeebiin ibsama,’’ jechuun himti.

‘’Maamiloonni kiyya lakkoofsaan xinnoo hin taane ‘waggoota hedduuf kutaa garagaraa keessa rafaa turreerra, yeroo keessa walirraa fagaanneerra’ jechuun kurruufuun dhiibbaa gaa’elarratti qabu natti himu,’’ jetti.

Furmaati kurruufuu maali?

Kurruufuun yookiin ‘sleep apnea’ hambisuuf wantoota gargaaran keessaa tokko akkaataa jireenya keenya jijjiiruudha.

Ulfaatina hir’isuu, tamboo aarsuu dhiisuu, akkasumas alkoolii xiqqeessuun furmaata ta’uu danda’u.

Haa ta’u malee, namoota tokko tokkoof maashinii ‘continious positive airway pressure’ jedhamuufi yeroo hirribaa godhatamu fayyadamuun dirqama ta’uu danda’a.

Maaskiin afaaniifi funyaanii maashinii waliin walqabate kuni yeroo hirribaa rakkoo hargansuu mudatu ni hambisa.

Abbaan warraa Selvaas rakkinicha furuuf yaaduun ulfaatina ofii xiqqeessuuf sochii ispoortii eegaleera.