Gaarreen Goolaan maaliif akkasiin falmisiisaa ta'e? Eenyutu to'ata?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el lola garee saba xiqqoo kan ta'an Diruuz kan kibba Sooriyaa fi loltoota Sunnii Bediwuun gidduutti godhame jidduu seenuun naannoo falmii guddaa qabu irratti xiyyeeffannoon akka kennamu taasise.
Israa'el humnoonni ishee Kibba Sooriyaa keessatti naannoo waraana irraa bilisa ta'e eeguu fi saba Diruuz humnoonni mootummaan deggeruu magaalaa Suweedaa fi naannoo ishee keessatti haleellaa raawwachuun himataman irraa eeguuf yaalaa akka jiran ibsiteetti.
Diruuz ummata afaan Arabaa dubbataniifi saba xiqqaa Sooriyaa fi Libaanos keessaa jiraatan yoo ta'an, Israa'el keessattis, gariinsaanii waraana biyyattii keessatti tajaajilu.
Gaarreen Goolaan Israa'el to'attu kan Suweedaa irraa km 70 fagaatu keessaa ummata Diruuz gara 25,000 ta'anitu jiraata.
Muddee 2024 keesssa, kufaatii bulchiinsa pirezidantii duraanii Sooriyaa Bashaar al-Asaad hordofee, Israa'el loltoota gara naannoo waraana irraa bilisa ta'e gara Gaarreen Goolaan keessatti argamutti sochooftee turte.
Achiinis, gaara gama Sooriyaa jiru Hermuun ykn Jabal al-Sheek, fiixee baayyee olka'aa naannoo sanaa dabalatee, naannichatti buufata waraanaa hundeessite.
Yeroo sanatti, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, kufaatii mootummaa Asaad hordofuun, biyyasaanii haleellaa humnoota finciltootaa Sooriyaa keessa jiran irraa eeguuf tarkaanfii yeroof fudhatame ta'uu dubbatanii ture.
Dhiheenya kana ammoo, ministirri ittisaa Israa'el, Yisrael Kaatz humnoonni isaanii "yeroo hin murtoofneef Sooriyaa keessa turuuf qophaa'aa akka jiran" kan dubbatan yoo ta'u, mootummaan Israa'el karoora qubsuma dabalataa Gaarreen Golaan irratti babal'isuuf qophaa'e raggaasisan.
Israa'el naannicha dhuunfachuun ishee biyyoonni Arabaa hedduun balaaleffataniiru.
Gaarreen Goolaan eessatti argamuu?

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaarreen Goolaan maqaa lafa diriiraa dhagaa gubbaa gaararraa kibba dhiha Sooriyaa keessatti argamu yoo ta'u, gara kaaba baha Israa'elitti kan didiireeradha. To'annoo waraanaa Israa'el jala jira.
Waraana Guyyoota Jahaa bara 1967tiin Sooriyaan gaarreen mararratti Israa'el irratti haleellaa bantee turte.
Haata'u malee Israa'el haaloo bahudhaan naannoo kaaree kiiloo meetira 1,200 deebiifte qabatte.
Sooriyaan waraanaa Baha Gidduulaa (Yom Kippur) bara 1973n Gaarreen Goolaan deebiftee fudhachuuf yaaltee turte, garuu hin milkoofne.
Biyyoonni lamaan bara 1974tti waliigaltee waraana dhaabuu kan mallatteessan yoo ta'u, humnoonni isaanii gaaricha keessaa lafa km80 dheeratu irratti ''"naannoo qoodiinsaa'' (Area of Separation) jedhamuun beekamu gama lamaanitti akka of duuba deebi'an kan gaafatanam.
Isaan booda ammoo kutaan humna UN kan ''Disengagement Observer Force'' jedhamu seera kabajamuu hordofuuf bakkicha qabsuufamnaan waliigaltichi hojiirra oole.
Bara 1981keessa, Israa'el naannoo Gaarreen Goolaan to'annaa ishee jala ture kan ofitti maktee yoo ta'u, qubattoonnis achitti mana ijaaruu jalqaban.
Abbaan biyyummaa Israa'el naannoo sana irratti qabdu Ameerikaan alatti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne.
Bulchiinsi Pirezidantii Ameerikaa yeroo sanaa Doonaald Tiraamp, beekkamticha kennuudhaan imaammata Ameerikaa waggootaaf ture bara 2019 cabse.
Sooriyaan ammoo hanga Israa'el guutummaa Golaan keessaa baatuutti waliigaltee nagaa akka hin raawwanne ibsiteetti.
Gaarreen Goolaan maaliif barbaachisoo ta'an?

Madda suuraa, Getty Images
Sooriyaan bara 1948 hanga 1967tti yeroo Gaarreen Goolaan to'achaa turteetti yeroo hunda meeshaa waraanaa fayyadamuun guutummaa kaaba Israa'el irratti dhukaasaa turte.
Fiixeen gaarreenii inni olka'aan naannoo sanaa gaara Hermuun (JAfaan Arabaatiin abal al-Shaykh) yoo ta'u, kunis galaanaa irraa meetira 2,814 ol ka'a.
Magaalaan guddoon Sooriyaa, Damaasqoon kan gara kaabaatti fageenya gara km 60 irratti argamtu, irra caalaa kibba Sooriyaa waliin, guyyoota ifa ta'etti gaaricharraa qulqullaa'ee argama.
Naannoo kana to'achuun Israa'el sochii waraanaa Sooriyaa ijaa fi raadaraan hordofuuf bakka gaariidha.
Qaxxaamurri gaarichaa mataansaa Israa'eliif haleellaa waraana Sooriyaa irraa dhufu kamiyyuu (akkuma waraana bara 1973) irraa ittisuuf uumama bakka bilisaa kennaaf.
Naannoo akka waliigalaatti goggogaa ta'e keessatti Gaarreen Goolaan madda bishaanii ijoodha.
Bishaan roobaa olka'iinsa kanarraa dhufu gara Laga Yordaanositti waan yaa'uuf lafti naannoo isaa jiru maasii gabbataa fi kan oomisha wayiiniitiif mijatu, akkasumas loon dheedichaa akka argatan taasisa.
Yeroo darbe waliigaltee nagaa Sooriyaa fi Israa'el gidduutti uumamu kamittuu gufuu waan ta'e keessaa tokko Sooriyaan Israa'el daangaa bara 1967 duraa keessaa guutummaatti akka baatu gaafachuu isheeti.
Sunis ammoo Sooriyaan qarqara bahaa Galaana Galiilaa (Israa'elootaaf Haroo Kinneret, Arabootaaf Haroo Tiberiyos jedhamuunis beekama) akka to'attu taasisa.
Israa'el ammoo madda bishaan qulqulluu barbaachisaa ta'e dhabsiisa. Israa'el daangaan kun caalaa gara bahaatti goruu qaba jetti.
Yaadni ummataa Israa'el keessaa akka waliigalaatti, Gaarreen Goolaan akka qabataniitti turu kan deggeru yoo ta'u, namoonni baay'ees akka barbaachisaa, naannoo tarsiimoowaa, deebi'uu qaba jedhanii yaadu.
Gaarreen Goolaan irra eenyutu jiraata?

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Sooriyaa Gaarreen Goolaan irraa jiraatan harki caalaan yeroo waraana bara 1967tti naannicha keessaa baqatan. Ummannii gara 25,000tti tilmaamaman kanneen hafan keessaa harki caalaan isaanii garee Diruuz irraa kan dhufanidha.
Ammaan tana naannoo Golaanitti qubsumoota Israa'el 30 ol kan jiru yoo ta'u, ummanni kuma 30tti tilmaamaman keessa akka jiraatan ibsameera.
Israa'eloonni ijaarsa qubsama kanneen kan jalqaban battaluma waldhabdeen bara 1967 akkuma xumurameen booda jechuun ni danda'ama.
Qubsumni kunneenis seera addunyaatiin akka seeraan alaatti kan ilaalaman yoo ta'u, Israa'el kana ni mormti.
Israa'el naannoo Gaarreen Goolaan irratti Zoonii waraanaarraa bilisaa dhuunfachuu ishee hordofuun, Netaaniyaahuun baay'inni qubsiistotaa naannoo sanaa dachaan akka dabalu akka barbaadan dubbatan.
Israa'el ''[daangicha] qabachuu itti fufti, akka dagaagu gochuu fi irra qubachiiftis'' jedhan.
Ji'a Waxabajjii 2025 keessa ammoo, Ministirri Dhimma Alaa Israa'el, Geediiyoon Saar ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Israa'el hariiroo Sooriyaa waliin qabdu idileessuu akka barbaaddu, garuu galmee waliigaltee nagaa gara fuulduraatti taasifamuu kamiyyuu keessatti Goolaan akka ''qaama Israa'el'' ta'ee akka haftu dubbataniiru.
Sooriyaan Gaarreen Golaan seenaadhaan kan ishee ta'uu dubbachuun, daangaa kana deebifachuuf dhaadatteetti.
Israa'el dhiheenya Gaarreen Goolaan irratti maal raawwatte?

Madda suuraa, Getty Images
Erga waraana Sooriyaa Muddee 2024 keessaa humnoota finciltootaa cimaa turan fuulduratti buufata naannoo sana ture gadhiisanii bahaniin booda, Waraana Israa'el (IDF) naannoo waraanaa irraa bilisa ta'e kan Gaarreen Golaan irratti argamu to'annoo jala oolchan.
Netaaniyaahuun humnoonni isaanii ''hanga qophiin mijaawaa ta'e argamutti bakka ittisa yeroof ta'u hundeessaa jiru'' jedhanii ture.
"Humnoota haaraa Sooriyaa keessatti ka'u waliin hariiroo ollummaa fi hariiroo nagaa ummachuu yoo dandeenye fedhiin keenya isadha. Yoo hin taane garuu Mootummaa Israa'elii fi daangaa Israa'el ittisuuf waan barbaachisu hunda ni hojjenna," jedhan.
Tarkaanfiin Israa'el kunis ibsa biyyoonni Arabaa hedduun kennaniin haalaan balaaleffatamee ture.
Ministeerri dhimma alaa Masrii, ''naannoo Sooriyaa dhuunfachuu fi Waliigaltee Hirmaannaa Bahuu bara 1974 (1974 Disengagement Agreement) ifatti cabsuudha'' jechuun ibseera.
Netaaniyaahuun tarkaanfii kana kan fudhatan daangaa Israa'el eeguuf ta'uu dubbatanii, kunis sababii humnoonni finciltootaa Sooriyaa biyyattii qabataniif waliigaltee bara 1974 ''kufeera'' waan ta'eef jedhan.
Haata'u malee, dhaabbata yaada dhimma idil-addunyaa Landan keessa buufateetti 'Chatham House' irraa kan ta'an Pirofesar Yoosii Mekelbarg: "Sooriyaan waliigaltee kanaaf hin abboomamu hin dubbanne."
"Kun tarkaanfii dursee Israa'el nageenya ishee mirkaneessuuf fudhattedha, garuu [tarkaanfii waraanaa fudhachuuf sababni] gahaan yaaddeessu hin jiru."
Prof. Mekelberg weerarri Israa'el Sooriyaa irratti raawwatte kun hariiroo mootummoota gara fuula duraa achi jiran waliin qabdu booreessuu mala jedhu.
"Israa'el haalawwan hamaa ta'an to'achuuf yaaluuf sochoti, garuu kun bu'aa faallaa qabaachuu danda'a. Kunis kan sirna haaraa waliin ittiin michummaa uummachuu dandeessisu miti."












