Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa 'mallattoo cichoominaa' tahe imbaasiiwwan biyyattii 55 keessatti eebbifamaa jira

Sirni eebbaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota 55 keessan jiran keessatti gaggeeffamaa jira.
Itoophiyaan hidha haaromsaa guddicha waggoota 14 oliif ijaaraa turte xumuruun ji'a Fulbaanaa kana keessa eebbisiisti.
Dhiibbaa dippilomaasii guddaa Masirii fi biyyoota kaan irraa ishee mudachaa ture bira darbuun hidhicha bishaaniin kan guutte Itoophiyaan hidhicha eebbisiisuuf qophiin addaa addaa taasifama jira.
Diyaaspooraan Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan bakka argamanitti kan gaggeeffame sirnichi boondii bituudhaan gumaachi diyaaspooraan Itoophiyaa taasisan olaanaa tahuu ambaasadarichi himaniiru.
Ambaasadar Dammaqaa Axinaafuu, hidhi haaromsaa waggoota 14 oliif ijaaramaa ture injifannoon xumuramuu himanii qaamolee maallaqaan gumaachan galateeffatan.
Waggaa haaraa Itoophiyaan simachaa jirtu irratti hidhichi xumuramuu ammoo uummata biyyattiif injifannoo dachaa tahuu himaniiru.
Ambasadar Dammaqaan Itoophiyaan biyya addunyaa irraa ji'oota 13 qabdu jedhamuun akka beekamtu kaasanii ''heddumminni keenya miidhagina keenya'' dhaadannoo jedhuunis Qaammeen tokko akka kabajamu himan.
Akkuma Aduwaa ijaarsi hidha haaromsaa injifannoo uummanni Itoophiyaa galmeesse tahuu himaniiru.
Itoophiyaan hidhicha akka hin hojjenne Masirii irraa jalqabuun biyyoota adda addaa irraa dhiibbaa guddaan ishee mudateera.
''Itoophiyaan hidhichaaf liqaa akka hin arganne gochuun, waltajjii idil-addunyaa irratti diinonni Itoophiyaa yaalaniiru. Garuu hin milkofneefii'' jedhan.
Hidhichi beekumsaa fi qabeenya Itoophiyaan qofa ijaaramee xumuramuu kan himan Ambasadar Dammaqaan Itoophiyaan sababa ijaarsa hidha kanaaf dhiibbaa dippilomaasii guddaa keessa akka turte himan.
''Masirii dabalatee qaamonni Itoophiyaa morman [baandaa] hidhichi akka gufatuuf dhagaa hin fonqolchine hin qaban jedhan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijaarsi hidha haaromsaa jalqabbii keenya malee xmura keenya miti. Fuuldurattis pirojektiiwwan haaraa hedduu jalqabnee xumuruun ni eebbisiifna. Isaan keessaa ijaarsi warshaa xaa'oo guddaan yeroo jalqabaaf Itoophiyaa keessatti jalqabamaa jiru xumuramuun akkasuma ni eebbifama'' jedhan Ambaasadar Dammaqaan.
''Hoggansi MM Abiy Ahimed kennaa jiran seenaa Itoophiyaa keessatti yoomiyyuu ni yaadatama. Waggaa torba dura hidhichi qormaata guddaa keessa galee ture. Hoggansa isaan kennaniin garuu dhiibbaa hedduu keessa darbuun eebbifamuuf gaheera,'' jedhan.
''Bayyaannachuun Itoophiyaa ida'ama copha dhiigaa, imimmaanii, dafqaa fi bishaanii tahe kunoo jalqabeera'' jedhan.
Humna ibsaa Itoophiyaan maddisiisaa jirtu Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi biyyoota kaaniifillee dhiyaachuu jalqabeera jedhan.
Hidhi kunis waggaatti hanga doolaara biyoona tokkoo argamsiisuu danda'a kan jedhan ambasadarichi baasii isaa yeroo gabaabaa keessatti deebisuu danda'a jedhan.
Hidhichi Itoophiyaaf qofa osoo hin taane Masirii fi Sudaaniifis bu'aa guddaa qaba jedhan.
''Yeroo jalqabne hin danda'an nu jedhan. Wal taanee hojii dippilomaasiinis cimsinee hojjechuun akka xumuruun cichoomina keenya agarsiifneerra,'' jedhan.
Diyaaspooraan Itoophiyaa hidha haaromsaaf boondii bituun gumaacha guddaa taasisuu kan himan ambaasadar Dammaqaan lammiileen biyyattii addunyaa irra jiran ashaaraa isaanii hidhicharra kaa'aniiru jedhan.
Diyaaspooraan Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan hidha haaromsaaf doolaara 700,000 oliin boondii bituun gumaacha olaanaa taasisuu himan.
Hirmaattonni sirnichaa hidhichi xumuramuu fi ofii isaaniis qabeenya isaaniin deeggaruu isaaniitti gammaduu himaniiru.
Diyaaspooraan Keeniyaa keessa jiraatan waldaa adda addaatti gurmaa'uun bittaa boondii waggoota dheeraaf taasisaa turaniiru.
Namoota gumaacha taasisaniifis beekkamtiin kennameera.
Itoophiyaan hidhicha Doolaara biliyoona shanii oliin ijaartee xumurte.















