''Hidhi Abbayaa ifa ifaajee ummata Itoophiyaatiin dhugoome'': Mohammad Al-Arusii

Mohammad Al Arusii

Madda suuraa, Mohammad Al Arusii

Waa'een Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa yemmuu ka'u gaheefi hirmaannaan lammilee Itoophiyaa hedduutu waliin yaadatama.

Lammileen biyyattii hedduun akkuma dandeettiifi humnasaanitiin, maallaqaan, ogummaadhaan, humnaan, kaan ammoo dhimma hidhicha irratti abukaatoo ta'uun dhiibbaa dippilomaasii biyyatti irra ga'uu malu afaan qabachiisaa turan.

Namoota kanneen keessaa tokko aktivistii amma immoo miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa fi gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa kan ta'a Mohaammad Al Aruusii, BBC waliin turtii taasisaniiru.

Mohaammad xumuramuu Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisuun maaltu akka itti dhaga'amee fi dhimma kanarratti yeroo dheeraaf maaltu akka falmu isa taasisee akkasumaa bu'aa dhiibbaa innii fi namoonni akka isaa tasisaniin argame BBC'tti himeera.

Maatiin isaa Oromiyaa naannawa Baalee irraa ta'anis, Mohaamad garuu biyya Saa'uudi Arabiyaa, Makkaatti dhalatee guddate. Barnoonni inni barate ammoo waa'ee Amantii fi Afaaniiti.

Garuu seenaa Itoophiyaa maatii isaarraa dhaga'uun quuqamnii fi jaalalli inni Itoophiyaaf qabu akka isa waliin guddate hima.

Kunis warra Itoophiyaa keessatti dhalatanii fi faayidaa dhimma biyyattiif falmaan gadi haala hin taaneen gumaacha taasisuu isaa hima.

Keessattuu Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa waliin wal qabatee, waayita qeeqni idil-addunyaa fi muddamni Itoophiyaatti jabaatu Afaan Arabaatiin Itoophiyaa bakka bu'ee falmuu fi kanneen hubannoo hin qabneef ammoo hubannoo uuma ture.

''Miidiyaalee fi waltajjiiwwaan adda addarratti dhimma kana utuu dirqamni mootummaan natti hin kennamiin kaka'uumsuma kootin qofa namoota siyaasaafi dhimma kana morman waliin kokkee wal qabaa ture'' jedhe.

Dhugaa Itoophiyaa hawaasni addunyaallee akka hubatuuuf illee gumaacha mataa isaa ba'aachuu hime.

Hubannoo dogoggoraa

Mohammad Al Arusii wayita miidiiyaa Aljeeziraa irratti waa'ee hidha laga Abbayaaf falmaa ture

Madda suuraa, Mohammad Al Arusii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ana ''Waan lamatu waan dhimma Hidha saniif hanga beekumsa koo akkan dubbadhu na taasisee'' jedha Mohaammad. Tokko jaalalaafi quuqama ummataafi biyya isaaf qabuu ta'uu hima.

''Biyyikoo utuu qabeenya qabdutti fayyadamuuf haqa qabduu sababa dhiibban irra ga'uun yeroo haqa isheef itti duulamu taa'ee ilaaluuf garaan kiyya nan dandeessifne. Hanga beeksumsaafi dandeettikoo ummata kiyaaf nan falma jedheen miidiyaa irratti dubbachuu eegale,''jedha.

Kan biraa ammoo ummanni addunyaa hedduun waa'ee Hidha Haaromsaa irratti odeeffannoo dogoggoraa ykn ammoo ga'aa hin taane qabaachudha.

''Waan kana irratti afaan Arabaan hubannoo uumuun keenya hawaasni biyyota Arabaa hedduun dhugaa Itoophiyaa akka hubatu taasisee jira.''

Hubannoon dogoggora suun hanga ta'e jijjiramuun ammoo dhiibba gama dippilomaasiin biyyatti irra gahu danda'u hedduu salphiseera jechuun BBC'tti dubbate.

Mohammad ajandaa dhokataa Masrii fi biyyoota biroo waa'ee hidhichaa irratti Afaan Arabaan dubbatamu hordofee saaxilaas ture.

Hololli sobaa uumamee miidiyaarra deemaa ture kan ''haqa Itoophiyaa gadi qabuu, kan ummata ishee abdii kotachiisuu fi dhiibbaa jabaa irratti geessisuun waligaltee biyyattiin itti hin hamannee fudhachiisu turee,'' jedhe.

Dhibbaan sun kan dippilomaasi qofallee utuuhin taane, kan ummata Itoophiyaa qoqqoodu fi diigu ture jechuun hima miseensi mana maree bakka ummataa Mohaammad Al-Aruusii.

Masrii fi Sudaan dhimma hidha laga Abbayya ilaalchisee yeroo hedduuf himata isaani mana maree nageenya dhabbata Biyyoota Gamtoomanitti dhiyeeffachaa turuun kan yaadatamuudha.

Komii UN tti dhiyeefataa turan dabalataanis karaa miidiyaalee adda addaa Itoophiyaa irratti duulan turan.

Mohaammad Afaan Arabaa danda'uu isaatin yaadii fi fedhiin Itoophiyaa hidha ijaaruu malee biyyoota yaa'a gadii miidhuu akka hin taane ibsaa ture.

Hojii isaa kanaanis lammiilee Itoophiyaa hedduu biratti beekamtii fi jaalala guddaa akka horatu isa taasiseera.

Filannoo Itoophiyaa bara 2021tti adeemsifame irratti ummatni bakka bu'aa gochuun isa filatee miseensa mana maree bakka bu'oota ummtaa ta'uun akkasumas gorsaa ministira bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa ta'ee hojjataa jira.

Xumuraamuun Hidhichaa ergaa akkam qaba?

Mohammad Al Arusii fi MM Itoophiyaa

Madda suuraa, Mohammad Al Arusii

Lammiilee Itoophiyaaf hidhichi xumuramuun waa'ee ibsaa ykn misooma qofa galmaan ga'uu mitii kan jedhu Mohaammad, fakkeenya jabeenya Itoophiyaa fi ummata ishee mul'isu ta'uu eere.

Seenessi sobaa fi duulli akka hidhaan kun hin xumuramneef taasifamaa turan soba ta'ee, kan dhugummaa fi haqni Itoophiyaa akka mul'atu itti taasifameedha'' jedhe.

''Nuyi Itoophiyaadhan nu beekan, biyya alaatti waanan dhaladheef waanti jijjiramu hin jiru. Kanaaf gaafa hidhi kun xumuramee argu, boqonnaa hadholiin keenya ilmaan isaani guddisuuf muka dugdatti baataa turan itti dhaga'amutu natti dhaga'ama.

Itti dabaluunis, ''Ifa ifaajee ummata Itoophiyaatiin dhugoome, injifachuu fi haqni ishee itti mirkanaa'e ta'ee natti mul'ata'' jechuun miira xumuramuu hidhichaa irratti qabu ibsa.

Mohammad Al Aruus lammileen Itoophiyaa gargarummaa siyaasaa qabataniillee dhimma faayidaa ummataa irratti tokkummaa fi kutannoo qabaachuu isaanii muuxannoo fuulduratti itti fufuu qabullee akka ta'u dubbatan.

''Bakka jirru hundatti, mirga ummata keenyaaf dhaabbachuun itti fufuu qaba.

Keessumaa ammoo waan hin dandeessan jedhan milkeessanii agarsiisuu caalaa waanti nama gammachiisu hin jiru'' xumuramun ijaara Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaa kun attamiin akka isaan boonse dubbata.

Lammileen Itoophiyaa harki walakkaa ol tajaajila ibsaa malee jiraata turan.

Hidhi kun xumuramuun ammoo abdii lammilee miiliyoon hedduu humna elektirikii bishaaniin maddiisifamuu argatuu ta'a.

Biyyattiirra darbee biyyoota Afrikaa hedduuf anniisaa dhiyeessuu fi hidha guddaa Ardii Afrikaa ta'ee seenaa Itoophiyaa keessatti galmeeffama.