Masjiidni beekamaa Iraan hojii suphaa irratti miidhaan irra gahe

Masjiida Shaah

Madda suuraa, AFP

Masjiidi Iraan jarraa 17ffaa kan ijaarsa bareedaa qabaachuun beekamu, hojii suphaa irratti miidhaan irra gahuu anga’otni amanan.

Masjiidi Shaah kan magaalaa Isfahaan keessatti argamu Iraan keessatti isa bareedaa jedhame kan yaadamuu fi Galmee Hambaa Addunyaa Dhaabbata Biyyooti Gamtoomanii irrattis kan galmaa’eedha.

Suuraalee dhiyeenya kaafame irratti garuu, gara tokkotti kan jallate fakkaata, fakkiin abaaboo isaa addatti beekamu amma wal hin fakkaatu.

Qondaaltonni kunneen rakkoo akka uumaman amanuun garuu kan sirreeffamuu danda’anidha jedhu.

Namni hojii suphaa masjiidichaa irratti hojjetu, Mehdii Paakdel, hojiin kun “ammayyuu hin xumuramne” jedheera.

Aab Paakdel, badiin uumame kun sababa dhaabbii hojii ijaarsaaf fayyadamanii fi sababa masjiida hojjaa meetira 54 irratti hojjechuun cimaa waan tureefidha jedhu.

Masjiidi kun kan ijaarame yeroo bara warqee Isfahaan jedhamee beekamuttidha. Isfahaan biyyattii keessatti magaalaa guddoo ishee sadaffaadha.

Masjiidi halluu cuquliisaa fi keelloon hawwatoon faayame kun, hordoftoota Islaamaa fi daawwattoota Iraan akkasumas biyyootii alaa hedduu kan hawwatudha.

“Hoggantoonni fi suphitooti akka badiin uumameru hubataniiru, keessumaa gara bantii geengoo gara olii irratti ,” jedha, hogganaan masjiidichaa Alireezaa Izaadii, akka miidiyaan biyyatti gabaasetti.

“Suphee bantii geengoo kanaa bakka ni buufna. Sababiin isaas ulfaatinni dhaabbii hojiidhaaf fayyadamame qarqara isaa balleesseera,” jedha.

Some of the designs on the restored tiles do not match

Madda suuraa, AFP / IRIBNEWS

One of the dome's sides looks uneven

Madda suuraa, AFP / IRIBNEWS