Afaa da’imman Muslimaa adeemsa salaataa barsiisuuf kalaqame

Afaa salaata barsiisu

Kamaal Alii, magaalaa Niwpoort, Weelsi irraa, ilmi isaa akkaataa itti salaatu baruuf yommuu rakkatu erga argee qalbifatee booda, afata adeemsa salaataa hubachiisu kalaqe.

Afati salaataa kun addunyaa keessatti kan jalqabaati jedhameera.

Obbo Alii akka jedhutti afati kun biyyootii akka Sa'uudii Arabiyaa fi Kuweet keessatt beekamtii argateera.

Afati Obbo Aliin kalaqe kun daa‘imman Muslimaa akkataa salaata sirrii ittiin baran gochuuf kan kalaqamedha.

Kanaan dura barsiisaa kan ture Obbo Aliin Niiwpoorti keessatti kalaqa kana uumuus, fedhiin gabaa addunyaa irratti jiru dabalaa deemuu isaa hubateera.

“Afaa kana dhabbilee addunyaa irra jiraniif dhiyeessuu danda’eera. Yeroon afaa kana dhiyeessu waanan jedhu tokko: ‘Maqaankoo Kamaal dha, Niiwpoort Weelsi keessan jiraadha,’ kan jedhudha. Yeroos namni hundi ni ajaa’ibsiifata,” jedha.

“ Afaan salaata barsiisuu, kan addunyaa irratti isa jalqabaa ta’e kun, nama Saawudii Arabiyaa keessa jiraatuun kan hin kalaqamne ta’uu isaa amanuu isaan dhiba,” jedha.

Afaa salaataa kana Obbo Aliin biyyootii hawaasa Muslimaa guddaa qaban hedduutti ni erga.

“Biyyootii Baha Gidduugaleessa keessatti afaan kun beekkamtii argachuu isaatti baayyee carroomneerra. Achirraatti afaa kana akka dhiyeessinuuf ajaja hedduu qabna, amma Bahi Gidduugaleessaa gabaa keenya isa guddaadha.”

“Afaa salaata kunneen kumaatamaan gara UAE, Saawudii Arabiyaa, Kuweet fi Qataaritti ergaa jirra. Feedhiin jiru bayyee ajaa’ibsiisaadha.”

Ta’us garuu erga ‘Brexit’ uumamee ykn UK’n Gamtaa Awurooppaa(EU) keessaa baatee as, mi’a gara biyyootii EU’tti erguun caalaatti cimaa akka dhufe Obbo Alii fi dhaabbileen biroo komii isaanii ni ibsu.