'Konkolaataa koo gurgureen imala Hajjiif qophaa'ee ture'

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa waggaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman sirna Hajjii fi Umraa raawwachuuf gara Sa'uudii Arabiyaa Makkaa, iddoo eebbifamaa fi kabajaa ta'etti imalu.
Sirni Hajjii kun guyyootaan dura magaalaa qulqulluu lixa Saa'udii Arabiyaatti argamtu Makkaatti eegaleera.
Haa tahu malee barana lammiileen Itoophiyaa hedduun sirna amantaa kanarratti argamuuf carraa hin arganne.
Ahimad Karam isaan keessaa isa tokko.
Ahimad Hajjii imaluuf waggoota arfan dabraniif yaalaa tureera.
Tahus weerara Koronaavaayiras hordofee uggura kaa'aman dabalatee, sababoota garagaraan carraa argachuu hin dandeenye.
Barana garuu imaluuf abdatee ture.
Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ji'a Caamsaa keessa imaltoota Hajjii ennaa galmeessu, durseetu galmaa'e. Isa dura namoonni 5,650 tahan qofatu isa dura galmaa'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Ahimad jedhutti, Ministeerri Hajjii Sa'udii kootaa Itoophiyaaf kenne 19,600 ture waan taheef, kana keessaa nan hafa jedhee hin yaadneyyu.
Maallaqa imalichaaf barbaachisu Birrii 241,000 baasee eegaa ture.
Haa tahu malee, ''imalli Hajjii xumuramuuf guyyoonni 10 wayita hafanitti, mootummaan hanqina doolaaraa isa mudaterraa kan ka'e, kan heeyyamamuf namoota 3,000 qofaaf oduu jedhu dhagahe,'' jedha.
Barana yeroo jalqabaaf abbaa warraashee wajjiin Hajjii imaluuf kan galmoofte Hanaan, namoota carraa kana hi arganne keessaati.
''Haalaan eegaa ture. Hojii keenya hedduu dhiisnee dhimmuma kana hordofaa turre,'' jetti.
''Baay'een gadde, ayyaanni asitti kabaju ayyaana natti hin fakkaanne.''
Akka Ahimad jedhutti, barana Hajjii gochuuf qophii gahaa taasisee ture.
''Achi oggaan deeme kanin uffadhu Ihraam bitee ture, baasii dhunfaatti baasus qopheessee eegaan ture,'' jedha.
Ihraam uffata gubbaatti uffatamu ennaa tahu, uffata adii akka marxootti uffatanidha.
Waggaa afran har'aa gama ejensiin deemuuf kan galmaa'e Ahimad, lakkoofsi nama galmaa'ee baay'achuu isaatiin, viizaa argachuu dhabuun akka hafes yaadata.
Waggoota ittaanan lamaafis weerara Koovidiin uggura kaa'amaniifi mootummaan Sa'udii lammiilee biyyoota biroo fudhachuu dhorkuu hordofee abjuun isaa hin dhugoomin hafe.
''Barana nan milkeessa abdii jedhuun qaba ture,'' kan jedhu Ahimad, sababa hanqina doolaaraa biyyattii mudateen abjuun isaa hin milkaa'in hafeera.
''Bakka hojiikoo cimsuufi kaayyookoo imala Hajjii milkeessuuf konkolaataa koo gurgureera,'' jedha.
Hanaanis gamasheen meeshaa irraa buufatan bituurraa of qusachuun, imala kana eegaa akka turan himti.
Imalasaaniif jecha Birrii miiliyoona walakkaatti siqu akka kanfalan dubbatti.
Lakkoofsi galmeesaanii 6,000 keessa waan tureef, carraa hin arganna jedhanii abdiin qophaa'aa akka turan kan himtu Hanaan, ''imallikoo danqamurra darbee, jireenyakoo irra deebiin sirreessuuf dirqameera,'' jetti.
Ahimad akka jedhutti keessattuu kanneen galii gadaanaa qabaniif, Hajjii gochuun karoora waggoota hedduun kan milkaa'udha.
''Carraa kana marroo afaraffaaf dhabuukootti gaddeera. Ana qofaa osoo hin taane, namoota qabeenyasaanii gurguran, waggootaaf maallaqa qusatanii, kutaalee Itoophiyaa garagaraarraa walitti qabamaniifi imalaaf kan eegaa turan umriin jaaran, wayita boohaniifi gaddan argeera,'' jedha.
Itoophiyaatti maallaqa irraa eegamu kaffalaniin eegaa kan turan namoonni 8,000 ol tahan, imalli Hajjiifi Umraa akka jalaa haqame hima.
Abbaa warraashee wajjin imaluuf kan qophaa'aa turte Hanaanis, ''karoorri keenya waan gufateef hedduun boo'e,'' jette.
''Ayyaanichas gaddaan dabarsaan jira,'' jechuun gadda cimaa keessa jiraachuu himti.
Hajjii deemuun eenyu irraa eegama?
Amantii Islaamaa keessatti Hajjiin nama dandeettii raawwachuu qaburratti dirqama.
Kanaafuu Muslimoonni addunyaarra jiran qabeenyi harkaa qaban hajjii raawwachuuf kan isaan dandeessisu yoo ta'e waan qaban horiitti geeddaranii ittiin gara Makkaa imalu.
Keessattuu hawaasni muslimaa hedduun baadiyyaa Itoophiyaarraa hajjiif imalan horii qaban, mana ykn ammoo lafa gurguratanii ittiin imalu.
'Isa dhufuuf abdii godhanneerra'
Ahimad imalli Hajii waggootaaf isaa hin milkoofne waggaa dhufu naa ta’a jechuun abdii godhateera.
‘’Irra deddeebiin waan naa hin milkoofneef hawwiin qabu dabaleera. Allaah waggaa dhufun yoo na gahe dursee warafaa qabachuun yaada,’’ jedheera.
Ahimad yoo isaaf milkaa’e waggaa dhufu haadha warraasa wajjin deemuuf karoora akka qabu himeera.
Hanaan illee imalli keenya waggaa dhufu milkaa’a abdii jedhu qabdi. Imala Haji baranaan Itoophiyaa irraa imaltoota kuma 12 tahaniif haalli mijatus, kanneen kuma sadii tahaniif qofa milkaa’uu pireezidantiin mana marichaa Muftii Hajii Umar Idriis himaniiru.
Pireezidnatichi imala Haji ilaalchisuun ibsa kennaniin, mootummaan Saa’udii Arabiyaa hordoftoonni amanticha kuma 19 fi 600 tahan imala haji irratti akka hirmaataniif carraa kennusaa himuun, imaltoonni kuma 12 fudhachuuf karoorri qabamee akka ture himaniiru.
Haa tahu malee hanqina doolaaraa mudateen baasiin imaltoota kuma 12 kaffaluun waan hin danda’amneefi kuma sadiif qofa haalli mijachuufi kanneen kuma tokko tahan immoo eggattoota tahuun akka turan taasifamee akka ture dubbatanii turan.
















