Rakkoon majliisa keessa jiru lammiilee Itoophiyaa Hajjiif imalan danqe

Ka'abaa

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa waggaan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman sirna Hajjii fi Umraa raawwachuuf gara Sa'uudii Arabiyaa Makkaa, iddoo eebbifamaa fi kabajaa ta'etti imalu.

Sirni waggoota lamaan darbaniif sababi weerara koronaavaayirasii osoo hin raawwatamin hafee ture kunis bara kana deebi'ee banameera.

Muslimoonni addunyaa mara irraa carraa kana eegaa turan hedduun garas imaluu wayita eegalan, kootaan Itoophiyaaf kenname hanga namoota kuma 19 ture.

Kunis lakkoofsa namoota hanga ammaa imalaa turan keessaa isa olaanaadha.

Haata'u malee namoota galmaa'an keessaa kan 3,000 ta'an qofti hajjiif akka imalan, ragaan majlisa Itoophiyaa ni mul'isa.

Muslimoonni kutaalee Itoophiyaa garaagaraa irraa galmaa'anii deemuuf eegaa turan hedduunis imalli isaanii gufachuu himu.

Haji Ahmad Saalih namoota carroomanii hajjif imalan keessaa yoo ta'an, waahillan isaanii hedduun sababa hanqina doolaaraatiin isaan biraa duubatti hafuu himan.

Namoota imalli jalaa gufate keessaa kan ta'an Haji Naasir Ahmad, imala hajjiif jecha baadiyyaa Oromiyaa Harargee Bahaa irraa erga manaa bahanii ji'a lama ta'uu fi ammallee karaa ilaalaa akka jiran himu.

Ofii garuu amma sirni hajjis xumuramaa waan jiruuf abdii kutachuu himan.

Majlisi ce'umsarra jiru daddaaqamaa jiraachuun imala hajjiitti gufuu ta'uu kan hin haalle Pireezidantiin Majlisa Ce'umsaa, Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, rakkoon bara kana hujjaajota (namoota hajjiif imalan) Itoophiyaarra ga’e bara kamuu hin geenye jedhan.

Rakkoon ture maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa bara 2018 wayita jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhuferraa eegalee caasaa isaa bu'uura irraa jijjiiruuf koree majlisa ce'umsaa filatee hojjetaa ture.

Koreen kun majlisa karaa seera qabeessaan ijaaree, filannoo gaggeessee jaarmiyicha miila lamaan akka dhaabuuf imaanaan itti kenname turuun ni yaadatama.

Kunis ji'a ja'a keessatti raawwatamaa jedhamee ture, garuu hanga yoonaa hin raawwatamne.

Majlisi kun kora ALI Caamsaa 18, 2014 taa'een Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti pireezidantii ta’uun waggoota sadan darbaniif tajaajilaa kan turan Mufti Haji Umar Idriis fi Itti Aanaan isaanii Dr Jaylaan Kadir akkasumas barreessaa ta’uun tajaajilaa kan turan itti gaafatamummaa saaniirraa kaaseera.

Bakka isaanii ammoo Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa pireezidantii, Sheek Abdulkariim Itti Aanaa Pireezidantii fi Sheek Nuuraddiin Daliil barreessaa ta’uun muudamuu yaa’ii gaggeeffamerratti ibsameera.

Murteewwan darban kunneen garuu miseensotaa fi hooggantoota Koree Hoji-raawwachiistuu duraanii biratti fudhatama hin arganne.

Inumaa Muftii Haji Umar Idriis filannoo haarofti gaggeeffamee borumtaa isaa, "yaa’ichi beekamtii Majlisaa hin qabu. Murteen darbes seeraan ala. Nu birattis, hawaasa birattis fudhatama hin qabu,’’ jechuun karaa miidiyaa hawaasummaa ibsa kennan.

Koreen majlisa ce'umsaa kan Muftii Haji Umar Idriisiin durfamu ammallee koree haaraatti aangoo hin dabarsin jira, waajjiras gadi hin dhiisne.

Bulchiinsi kun sirna hajjiis ofumaa akka gaggeessu ejjennoo kan qabate ta'us, garuu namoota gara Makkaa gaggeessuuf rakkoon akka isa mudates ibseera.

Ibsa kanaanis doolaara miliyoona 30 imala kanaaf barbaachisu keessaa miliyoona 8 qofa akka argate himuun, namoota 3000 qofa akka ergu, nama 1000 ammoo eeggattoota godhee galmeessuu beeksisee ture.

Muslimoonni hedduun kutaa biyyaarraa ba'anii adeemsa hajjii mijeeffachuuf Finfinnee ji'oota lamaa oliif erga turanii booda akka deemuu hin dandeenye itti himame

Madda suuraa, Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa/FB

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa garuu rakkoon doolaaraa mudate kun qaamni seera qabeessummaa qaama hajjii gaggeessu waliin wal-qabata jedhu.

''Isaan rakkoo doolaaraa himatu. Garuu doolaarri ittiin namoota hajjiif gaggeessan dhibee osoo hin taane qaamni doolaara kennu seera qabeessummaa kee ilaala,'' jechuun qaawwaan bulchiinsaa hawaasa danquu ibsan.

''Isaan ammoo aangoo seera qabeessa qabaatanii qaama seera qabeessa walin dalaguu hin dandeenye, aangoo gadhiisanii qaama seera qabeessa uummanni filatetti dabarsuuf fedha hin qabaanne."

Muuftii Hajjii Umar Idriis garuu "rakkoon nu biras hin jiru, mootummaa biras hin jiru" hawaasni hajjiif bahee nagaan gara qe'ee ofii akka deebi'u gaafatanii turan.

Hajjii deemuun eenyu irraa eegama?

Amantii Islaamaa keessatti Hajjiin nama dandeettii raawwachuu qaburratti dirqama. Kanaafuu Muslimoonni addunyaarra jiran qabeenyi harkaa qaban hajjii raawwachuuf kan isaan dandeessisu yoo ta'e waan qaban horiitti geeddaranii ittiin gara Makkaa imalu.

Keessattuu hawaasni muslimaa hedduun baadiyyaa Itoophiyaarraa hajjiif imalan horii qaban, mana ykn ammoo lafa gurguratanii ittiin imalu.

Yeroo sadaffaaf Hajjii deemuuf kan turan Haji Yaasin Ibraahim namoota haala kanaan ba'anii hin milkaa'in hafan keessaati.

Namoonni akkasaanii kumaan lakkaa'aman danqamuus himu.

Muslimoonni imala hajjiif manaa ba'anii magaalaa Finfinnee keessatti danqamanii hafan heddumminaan waajjira muummicha majlisaatti hiriira ba'uun mufiisaanii dhageessifataa turan.

Ta'us deebiin argatan hin jiru.

Sheek Hajjii Ibraahim haalli namoonni kaan keessa jiran akkaan gaddisiisaa ta'uu eeraniiru.

Namoota galmaa'an keessaa nama kuma 3000 qofatu deemuu danda'a, yoo baayyate nama 4000 qofa erguu dandeenye wayita jedhamu namoonni naasuudhaan gaggaban jiru jedhan Sheek Hajjii Ibraahim.

Rakkoon majlisa keessatti mudate imala namootaarratti gufuu ta'uu qofa osoo hin taane kanneen carraa argatanii gara Makkaa imalanirrattillee dhiibbaa uumeera jedhan.

''Imala hajjii kan mijeessu kutaa dhimma hajjii majlisa keessa jiruudha. Kutaan kun galmeerraa eegalee hanga namoonni hajjii xumuranii deebi'anitti haala mijeessa. Yoo majlisi laafe imalli hajjii guutummaatti gufata,'' jedhan.

Yoo majlisi sirrate rakkoo biyyaatuu ni furra

Sheek Hajjii Ibraahim

Madda suuraa, Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa/FB

Rakkoon majlisaa waggoota lakkoofsise kun akkasiin kan itti fufu yoo ta’e imala hajjii waggaa waggaan gaggefefamuuf yaaddoo guddaadha.

Rakkoon kun furamuu kan danda’u yoo majlisi biyyattii keenya Itoophiyaa madaalu bifa haaraan hundaa’ee miila lamaan gadi dhaabbateedha jedhu Sheek Hajjii Ibraahim.

'‘Yoo hudhaan majlisa keessa jiru karaa qabate dararaan kun biyya keenyatti hin debitu.’’

'‘Majlisa qixa seeraatiin ni ijaarama. Filmaanni ni gaggeeffama. Koree filmaataa biyya keenya madaaltu ijaarree jirra. Yoo rabbi jedhe ji’oota sadi booda filannoo gaggeessinee majlisa miila lamaan ni dhaabna,’’ jedhan.

Majlisa jaarmiyaa amantii Islaamaa isa aangoo olaanaa qabuufi dhibdee biyya mudatuuf fala kaa’uuf qaama abdatamuudha kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim, yoo jaarmiyaa kana haqaan ijaarre rakkoo keessoo isaa dhiisii rakkoo biyyaallee furuu dandeenya jedhan.

'‘Biyyi keenya hayyoota qabdi, beektota qabdi. Majlisi hayyoota kunneen hirmaachisee yoo jabaatee ijaaramee rakkoo keessoo dhiisii rakkoo akka biyyatti jiruyyuu dhibbeentaa 50 hiikuu danda’a. Rakkoo siyaasaatuu hiikuu danda’a.’’

Uummanni muslimaa imala hajjiirratti waggaa waggaan dararamuu hin qabu kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim, kana sirreessuun xiyyeeffannaasaanii jalqabaa ta’uu eeran.

'‘Qophiin hajjii waggaan yeroo hafu eegalamuu qaba. Jala ga’ee eegalamuu hin qabu. Wayita yeroon ga’u imaluu qofaaf qophaa’uu qaba uummanni. Kan baranaa kun gonkumaa ni deebina jennee hin yaadnu.’’

Qormaata majlisa sirreessuu

Waggaa 11 dura mootummaan Itoophiyaa yaada amantii al-Habash jedhamu biyya Libaanan irraa gara Itoophiyaa galchuun hawaasa Muslimaa burjaajesseera jechuun hordoftoonni amantichaa, keessattuu beektonni amantichaa gaaffii kaasuu eegalan.

Qaanqeen dubbii gaaffii kanarraa kaate mootummaa fi amantoota gidduutti babal’achuun gaaffilee biroo hedduu dhaltee dubbiin daranuu hammaate.

Yeroo sana beektonni muslimaa koree fala barbaadduu jechuun socho’aa turan gaaffilee ijoo sadi gaafatan.

Gaaffileen kunneenis: Majlisni nama hawaasni Muslimaa filateen akka gaggeeffamu, barsiisa amantii al-Habash jedhamu humnaan nurratti fe’uun haa dhaabbatu fi dhabbanni Awuliyaa Majlisaan osoo hin taane addatti boordiidhaan buluu qaba kan jedhaniidha.

Garuu gaaffii isaanii kanaaf deebiin hidhaa fi dararaa ta’e, miseensonni hunduu shororkeessummaan himatamanii hidhaa buufaman.

Bara 2011 (ALI) wayita jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufu kanneen hidhaman hunduu hiikamanii, caasaan majlisa ce’umsaa hundaa’ee amaanaan itti kenname.

Majlisi qama seera qabeessa ta’ee of danda’ee akka dhaabbatuuf labsii dandeessisu raggaasisuu, qajeeltoo ittiin bulmaata Majlisaa fi tokkummaa fi qindoomina ulamootaa irratti sanada waliigaltee qopheessuun qama dhimmi ilaaluuf dhiyeessanii raggaasisuu fi filannoo gaggeessuun hooggansa Majlisa dhaabbiin gaggeessu filachuun amaanaa majlisa ce’umsaatti kenname ture.

Garuu majlisi ce’umsaa kun hojii manee ji’a ja’aaf kenname kunneen osoo hin raawwatin waggoota afur turuun rakkoon hagam walxaxaa akka ta’e mul’isa.

Bulchiinsi ce’umsaa kun imaanaa itti kenname hin raawwanne jedhamuun aangoorraa kaafamuun koreen ce’umsaa haaraan filameera.

Rakkoon majlisaa ammallee achuma jira, bulchiinsi haaraan kun rakkoolee jiran kunneen furuuf hagam qophiidha. Qormaati isaan mudachu malu maali?

Pireezidantii Majlisa ce’umsaa ta’uun haaraa kan filaman Sheek Hajjii Ibraahim '‘Hanga ammaatuu rakkoo kanatu kan silaa baatii afur keessatti filannoo gaggeessinee nama majlisa kana miilla lamaan gadi dhaabutti kennina jennee karoofannee kaane amma kunoo qormaatuma kana keessatti baatii takka fixneerra,’’ jechuun ammallee caasaa majlisaa sirreessuun qorumsa cimaa ta’uu eeran.

'‘Osoo biiroo keenya ol seennee dalaguu hin danda’in kunoo baatii takkaa fi torbee sadi guute. Kun qormaata guddaadha. Kun mataansaa qoqqoodiinsa hawaasa muslimaa keessatti kan uumuudha waan ta’eef soroorfamuu qaba. Kana fiduun ammoo kutannoo gaafata.’’

Erga itti gaafatamummaa fudhannee bakka deemnu hundatti ergaa tokkummaa fi nagaa dabarsina kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim, '‘Keessattuu wayita istaadiyemii magaalaa Finfinneerrati dorgommii guddicha Qur’aanaa Sadarkaa Idil-addunyaa qopheessinee as tokkummaan hawaasa muslimaa daran cimeera,’’ jedhu.

''Akka kanaan duraa hawaasi keenya ni qoqqoodama jedhee hin yaadu. Yoo nuti waltaane rakkoon ni mudata jennee hin yaadnu. Fuuldurattis gammachuutti baana jennee abdanna.’’