Haramayaatti namichi Qur'aana irratti mallattoo Fannoo kaase hidhaan adabame

Madda suuraa, Komunikeeshinii magaalaa Haramaayaa
Himatamaan Mohaammed Tibbeessoo jedhamu magaalaa Haramayaatti baatii Ramadaanaa kana keessa A L I gaafa Ebla 14 bara 2014 halkan yeroo amantoonni salaata irra jiranitti gara masjiidaa deemuun badii kana kan raawwate.
Pirezedaantiin mana murtii aanaa Haramayaa Obbo Muktaar Ahimad BBCtti akka himanitti, himatamaan kun yakkoota lamaan himaatameen adabbiin irratti kenname.
"Jalqabarratti hordofaa amantaa kanaa osoo hin taane gara masjiidaa seenee namoota salaatarra jiran jeeqe.
Yakki lammaffaan ammoo Kitaaba Qur'aanaa qabatee jiru irratti mallattoo Fannoo fi maqaasaa bakka hedduurratti barreessee argame," jedhan.
Himatamaan kun balleessaawwan jeequmsa amantii kaasuuf yaaluu fi amantii qaama biraa ulfina dhorkachuu raaawwates jedhan.
Eeruu namoonni bakkicha turan kennaniin himatamaan kun too'annaa Poolisii jala erga ooleen boodas yakki inni raawwate ragaa namaa fi sanadaatiin waan irratti mirkanaa'eef manni murtii aanaa Haramaayaa dhaddachaa A L I gaafa Ebla 20, bara 2014 ooleen himatamaa kana hidhaa salphaa waggaa lamaa fi ji'a saddeetiin adabe jedhan.










