Haleellaa Gondariin wal-qabatee shakkamtoonni 280 ta'an to'annoo jala oolfaman - Mootummaa Federaalaa

Magaalaa Gondar

Haleellaa Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti Musliimota irratti Kibxata raawwatameen wal-qabatee shakkamtoonni 280 ta'an to'annoo jala oolfamuu Koreen waloo qaamolee nageenyaa fi tikaa mootummaa Federaalaa beeksise.

Walitti bu'iinsa Gondaritti iddoo awwaalchaan wal-qabatee dhalate ka'uumsa godhachuun kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti maqaa amantaatiin jeequmsaa fi hokkora kaasuuf sochiin godhamaa jira jedha ibsi Humni Waloo kun baase.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti "qaamolee fedhii humnoota farra-Itoophiyaa ta'anii raawwachuuf socho'an" kanarratti tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Haleellaa Eebla 26 magaalaa Gondaritti Musliimota irratti raawwatameen namoonni 20 yoo ajjeefaman, 150 ol madaa'uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksisee ture.

Haleellaa kanaan masjiidonni, dhaabbileen daldalaa fi manneen jireenyaa Musliimotaa hedduun gubachuus ibseera.

Kanneen ajjeefaman keessaa sirni awwaalcha namoota 7 har'a [Kamisa] raawwachuu namoonni sirna awwaalchaa irratti argaman BBCtti himaniiru.

Reeffi namoota kaanii maatiin mallatteessee baasu hanga dhufuutti jedhamee akka tursiifame, gariin ammoo kan eenyummaan isaanii adda hin baafamiin akka jiran jiraataan tokko ni dubbatu.

Pireezidantiin mootummaan naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal Keffeleny ibsa Kamisa kennaniin wanta Gondaritti raawwate duuka bu'uun kanneen badii raawwatan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhanna jedhaniiru.

Mootummaan isaanii humnoota amantaa dawoo godhachuun uummata walitti buusuuf akkasumas naannicha naannoo shororkaa gochuuf socho'aniif obsa hin qabu jedheera.

Humnoonni kun eenyu akka ta'an garuu ifatti wanti dubbatan hin jiru.

Manneen Maree Dhimmoota Islaammummaa naannolee fi Bordiin Majiliisa Federaalaa ibsa waloo Kamisa baasaniin haleellaan Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti raawwate "gocha shororkeessummaati" jedhan.

Haleellaa lubbuu namaa galaafachuun, qabeenya mancaase kanas "Kiristaanota Orotodoksii fiinxaleeyyii" ta'antu raawwate jedha ibsichi.

Koreen aanga'oota naannolee fi mootummaa federaalaa irraa ijaaramee, Koreen waloo qaamolee nageenyaa fi tikaa Federaalaa (የፌደራል የደህንነትና የጸጥታ የጋራ ግብረ ኃይል) humnoota ejjennoo farra-Itoophiyaa qaban jedhetti quba qabeera.

Humnootii ejjennoo farra-Itoophiyaa qabu jedhaman kunneen eenyu akka ta'an ifatti himamuu baatus, walitti bu'iinsi Gondaritti mudate, qaama shira amantaalee gara garaa jidduutti walitti bu'iinsa uumuun biyyattii gara jeequmsaa fi hokkoraa galchuuti jedhee ibsichi.

Namoonni 280 ta'an walitti bu'iinsa Gondar keesstti hirmaatanii fi walitti bu'iinsichi akka babal'atu godhan to'annoo jala oolfamaniirus jedhe.

Kanneen kallattiin walitti bu'iinsicha keessaa qooda qaban qofa osoo hin taane, kanneen miidiyaa gara garaa fi miidyaalee hawaasaa fayyadamuun odeeffannoo sobaa fi haasaawwan jibbiinsa tamsaasan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedheera.