Haleellaa Gondariif dureewwan amantaa Islaamaa mootummaa naannoo Amaaraa komatan

Dureewwan Manneen Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannolee

Madda suuraa, Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiya

Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan Manneen Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannolee

Mootummaan Naannoo Amaaraa haleellaa irraa deddeebiin Muslimoota naannichaarratti raawwatamu ilaalchisee kanneen badii raawwatan irratti tarkaanfiin seeraa gahaa fudhachaa hin jiru jechuun Manneen Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannolee fi Boordiin Majiliisa Federaalaa qeeqan.

Tarkaanfiin sirriin waan hin fudhatamiiniif haleellaan irra deddeebiin Musliimotaa fi masjiidota irratti raawwatamaa jira jedhan ibsa waloo haleellaa Kibxata Gondaritti raawwatame ilaalchisee baasaniin.

Pireezidantiin Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa /Majiliisaa/ Muftii Haaji Umar Idiriis gama isaaniin haleellaa Gondaritti raawwateen wal-qabatee qaamoleen nageenyaa mootummaa dirqama isaanii hin bahanne jedhan.

Haleellaa Eebla 26 magaalaa Gondaritti Musliimota irratti raawwatameen namoonni 20 yoo ajjeefaman, 150 ol madaa'uu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa beeksisee ture.

Haleellaa kanaan masjiidonni, dhaabbileen daldalaa fi manneen jireenyaa Musliimotaa hedduun gubachuus ibseera.

Kanneen ajjeefaman keessaa sirni awwaalcha namoota 7 har'a [Kamisa] raawwachuu namoonni sirna awwaalchaa irratti argaman BBCtti himaniiru.

Reeffi namoota kaanii maatiin mallatteessee baasu hanga dhufuutti jedhamee akka tursiifame, gariin ammoo kan eenyummaan isaanii adda hin baafamiin akka jiran jiraataan tokko ni dubbatu.

Manneen Maree Dhimmoota Islaammummaa naannolee fi Bordiin Majiliisa Federaalaa ibsa waloo baasaniin haleellaa Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti raawwate "gocha shororkeessummaati" jedhan.

Haleellaa kanaan namoonni 20 ol du’uun, 100 ol ammoo madaa’uu akkasumas "dubartoonni lakkoofsi isaanii muraasa hin taane gudeedamanii, masjiidonnii hedduun fi Qura’aannii gubateera’’ jedhe ibsi kun.

Suuqiwwaan daldalaa hordoftoota amantii Islaamaa magaalaa Gondar jalaa saamamuufi gubachuulle eere.

Haleellaa lubbuu namaa galaafachuun, qabeenya mancaase kana "Kiristaanota Orotodoksii fiinxaleeyyii" ta'antu raawwate jedha ibsichi.

"Haleellaa shororkaa irra deddeebiin Muslimootarra dhaqqabu nama itti gaafatamu kan hin qabne fi yakkamtootatti adabbii itti muruu caala, qondaaltoonni naannichaa tokko tokko irra dibanii bira darbuu akka imaammataatti fudhachuu isaanitu rakkinicha hammeesse," jechuun himata.

Kanaan duras haleellaan walfakkaatu naannoo Amaaraa bakkeewwan akka; Mooxaa, Istee, Bichaanaa fi bakkeewwan biroottis Muslimootarratti qaqqabeef adabbiin barsiisaan hin fudhatamne jedhe.

"Manneen amantii Kiristaanaatti lallabdoonni fiinxaaleyyii fi barsiisonni mana amantii Ortodoksii muslimootarratti haleellaan akka qaqqabu ifatti waamicha dhiyeessan adabamuu dhabuu isaaniirra kan ka’e haleellaan shororkaa akkasii qaqqabe’’ jedhe.

Barsiisota amantii Kiristaanaa da’eeffatanii jibba barsiisan hawaasnis moggaatti isaan baasu akka qabu itti dabaluun waamicha dhiyeesseera ibsichi.

Haleellaa Gondar hordofee masjiidota Finfinnee fi magaalota biroo keessatti hiriirri mormii gurguddaan bahamee ture

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Gondar hordofee masjiidota Finfinnee fi magaalota biroo keessatti hiriirri mormii gurguddaan bahamee ture

Manneen Maree Islaammummaa naannolee fi Bordiin Majiliisa Federaalaa ibsa waloo baasaniin, "dhaabbati uummata Musliimaa tokkichi Majiliisni namoota amaanaa isaanii hin bahannee fi aangoof bololan harkatti kufuun" mirgii fi faayidaan Musliimotaa akka hin eegamne godeera jechuunis qeeqaniiru.

Pireezidantiin Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa /Majiliisaa/ Muftii Haaji Umar Idiriis gama isaanii koreen ka'uumsa rakkoo uumamee fi badii dhaqqabe qulqulleessu ijaaramee gara Gondaritti akka ergamu dubbataniiru.

Abbootiin amantaa hundaa nagaaf dhaabbachuu akka qaban, mootummaanis kanneen badi raawwatana ariitiin seeratti dhiyeessuu akka qabu Muuftii Haaji Umar Idiriis gaafataniiru.

Pireezidantiin mootummaan naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal Keffeleny ibsa Kamisa kennaniin wanta Gondaritti raawwate duuka bu'uun kanneen badii raawwatan irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhanna jedhaniiru.

Wanti uumame maal ture?

Walitti bu'insi kun kan dhalate sirna owwaalchaa Gondaritti nama amantii beekamaa kan tahan Sheek Kamaal Lagaas irratti ture.

Iddoo awwaalchaatti dhagaan qabriif oolu wayita kahutti, bataskaanni maddii bakka owwaalchaa jiru ''dhagaan daangaa bataskaanaa keessa kan jiru'' tahuu eeruun, muddamni eegale.

Hoogganaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Naannichaa Obboo Dassaaleny Xaasaw gamasaaniin, hordoftoota amantaa Islaamaas tahe Kiristaanaa gidduutti waldhabdee uumuuf jecha ''odeeffannoo dogoggoraa kennuun dhagaan darbachuun eegalame,'' jedhan.

Ibsi mootummaan baase: ''dhagaa awwaalchaaf tahu ni kaasna daangaa Masjiidaati - lakkii hin kaastani daangaa Batsakaanaati,'' kan jedhuun hokkora namoota muraasa gidduutti eegaleen, lubbuun namaa badeera miidhaanis gaheera jedha.

Sochiiwwan qabeenya dhaabbilee garagaraa mancaasuunis mul'ateeras jedha.