Dhorkaa hijaabaa Indiyaa dubartoota Musliimaa dheekkamsiise

Barattoonni Yunivarsitii Aliah dhaaddannoo dhageessaa mormii hijaaba uffachuu dhorkamuu wayita bahaniitti Guraandhala 09, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Naabeelaa Shaakii yoo hijaaba uffachuu eegaltu waggaa 30 turte. Isheen obbolaashee sadan keessaa kan dhumarra uffachuu eegalteedha.

Hangafti ishee Muznaan wayita waggaa saddeetii turte adaadaa ishee irraa arguun hijaaba uffachu eegalte. Boodas hanga ''hunda gammachisuu'' akka hin dandeenye hubatuuttis darbee darbee uffataa turte.

Obboleettii xiqqoon, Saaraan ammoo wayita jireenya isheetti awwiin isheen hakiimii ta'uf qabdu qabxii qormaataa gadaanaa argatteen jalaa kufeetti baayyee gadditee turte. ''Yeroo sanattis kadhannaa tasisuunan eegalee,'' jetti. Ittaansees hijaaba uffachu itti fufte.

Obboolaan kunneenis maatii hakiimii lammarraa dhalachuu magaalaa Indiyaa Mumbaayi keessatti guddatan. Haatiisaanii ammalleen mataatti hin haguuggattu.

Hjaabni Indiyaa keessatti kan bakka ummanni amantaa walfakkaatu jiruutti bal'inaan dubartootaan uffatama.

Garuu ammoo baatii darbe keessa barattoonni shamarranii bulchiinsa Kaarnaataakaa keessatti hijaabaa akka daree keessatti hin uffannee dhorkamuun wal qabatee hiriira mormii gaggeessanii ture.

Taateen kunis namoonni mataatti haguuggatan kan durii caalaa akka baayyatu taasise.

Muznaa, Naabeelaa and Saaraah

Madda suuraa, Muzna Shaikh

Ibsa waa'ee suuraa, Muznaa, Naabeelaa fi Saaraah hijaaba uffatanii a

Gaaffiin shamarran Musliimaa daree keessatti hijaaba uffachuuf mirga qabuu jedhuus ammatti mana murtii gaheera.

Mormichiis jeequmsa kaasuun alattis kaampaasiiwwan adda qooduun shamarran hedduun bulchiinsa Kaarnaataakaa barnoota deemu akka dhaaban taasiseera.

BBCn dubartoota Musliimaa Indiyaa bakka garaa garaa irra dubbiseen dhimmichatti baay'ee aaruu dubbatan.

''Akka nu fudhataniif walitti fufiinsaan yaadachiifneerra. Amantaa keenya dhiifnaaree?'' jedhan dubartiin tokko Deelhii irraa. Kunis filannoo namoota dhuunfaa waan ta'eef kabajamu qaba jedhanis.

Kanneen hijaaba uffatan akka jedhanitti, dhimmichi dhimma amantaa qofaa osoo hintaane, kan ilaalcha wal qabatuudha. Kanneen hijaaba hin uffannees rifeensi isaanii safartuu amantaa isaanii akka hintaane dubbatu.

'Ani hin cunqurfamne'

"Namni mataatti uffatuu akka gammachuun itti dhagahamu ummanni hin hubatu,'' jetti Naabeelaan kolfaa. ''Waan isaaniif hin galleef nu madaalu.''

Cunfusaan jecha yeroo hunda dubartii hijaaba uffattu ittiin ibsan, garuu yeroo baayyee barattoonni shamarranii maalif akka uffatan waan dhugaasaa hin hubanneef waan uuffachuu didaniif mana barnootaa akka hin dhaqne dhorkan.

''Shamarran Isilaamaa mirga saaniif falmachuuf daandiira jiru. Garuu dubartoonni kunneen waa'ee ofiisaanii yaaduu akka hindandeenyee natti himaa jirtaa?'' jetti Naaqi dhamarreen waggaa 27 magaalaa kibbaa kan taatee Baangaalor irraa.

Mormiin hijaaba uffachuu biyyattii guutuutti babal'ate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormiin dhimma hijaabaa mataatti uffachuu biyyattii guutuutti babalate

Naaqi waggaa shaniin dura wayita hijaaba uffachuu eegalteetti, mudannoo ''sukkaneessaan'' ishee mudachu dubbatti.

''Haguggiin kiyya ilaalcha sammuu namoota hedduu adda naaf baasee,'' jetti. ''Namoonni cuqurfamaa jirtaa? Sitti hin ho'uu? Shaamboo attamii fayyadamta? jechuun yoo natti qoosan kaan ammo, rifeensa qabaachu koo nagaafataa turan. Waanan kaansanii na qabeefaa se'an.''

Isheedhaaf hijaabni kan ittiin ilaalcha namoota adda baafatteedha.

''Namoonni kaan hijaabni kiyya uffataafi dibata miidhaginaa kiyya waliin akka hintaane yaadu. Garuu miti,'' jetti.

''Yoon kutaa tokko seenuus akka dubartii islaamaa galmashee fiixaan baafatuu, kan addunyaa hunda irra imaluu dandeessuutti akka na ilaalanan barbaada,'' jetti.

Dubartiin Muslimaa kan biraa- akkuma Waafaa Kaateejaa Raahmaan, magaalaa kibbaa Maangaalooriitti oggeettiin seeraa, hijaaba uffachuu dhiisuu Muslima gaadaantuu akka isaan hintaasifne dubbatu.

''Hijaabni ana waliin waan hindeemneefn hin uffanne. Akkan uffadhuuf eenyunatti himu hin qabu'' jedhu.

Haatii Waafaa mataansaanii hijaaba uffatanii hin beekan. Garuu amantaa keessatti, seenaa Ergamaa fa'I dhagahuun akka dubartii islaamaatti guddachu dubbatti.

''Fakkeenyaaf haatii warraa ergamaa kan jalqabaa daldaltuu turte, kan lammataa ammoo gaalaan adda waraanaatti duulte. Kanaafu akka addunyaa akka amanu barbaaduutti nuti dhuguma cunqurfamoodhaa?'' jechuun gaafatti.

Dubartoonni hedduun sababii mataatti skaarvii uffataniin mana barnootaatii loogiin akka irra gahu dubbatu Indiyaa keessatti Guraandhala 16, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni hedduun sababii mataatti skaarvii uffataniin mana barnootaatii loogiin akka irra gahu dubbatu

'Musilma ta'uun rakkoo maal qaba?'

Faalaak Abbaas yeroo fireensashee haguuguu itti jibbite turtes jira. Murteen kunis hawaan magalaa kaabaa keessatti baayyee cimaa ture.

Garuu wayita Malaalaa Yuusaafzai badhaafamtu Noobeelii Nagaa Paakistaan TV irratti agarte yaadashe geeddarattu kan wagga 16 turte.

''Mataashee haguuggatee turte. Garuu ammo baayyee cimtuu fakakatti. Ishee ilaaleen onnadhee haguuggachuuf murteesse.''

Garuu ammo manni barnootaashee hijaabni uffata dambii mana barnootaa waliin akak hindeemne itti hime.

Kanaanis dareedhaa guyyaa sadiif dhorkamuun qormaanni illeen jala darbe. Ishee morminaanis maatii ishee waamuun akka naamusaa hin qabne itti himan.

''Yoo hajaaba uffachuu itti fufees akkan Muslima ta'ee waan baramuuf ana qofaaf osoo hintaane mana barnootichaatiifu akka yaaddeessu natti hima,'' jechuun yaadatti. ''Ofii Muslima ta'uun rakkoo maal qaba?''

Boodas barnootashee rakkoon akka hinmudaneef maatii erga gorsaniin booda obsitulleen wagga saddeetiin booda amma aariishee cimaa injifachu dubbatti.

Shammarreewwan lama kolfaa jiran Indiyaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

'Haalli namoonni itti si ilaalan si ajjeesa'

Ammatti beelamni mana murtichaa dhimma hijaaba daree keessatti uffachuu irratti kan xiyyeeffatu ta'ulleen garuu, dubartoonni muslimaa murtee sun attamiin buchiinsa biyyattii kan motummaa MM Naarendraa Modiin hoogganamuu irratti gdhiibaa akka qabaatu yaadu.

Simeen Ansaar magaakaa kaabaa Haaydiraabaad irraa, hijaabni mallattoo gaaffii ''siyaasaas deebii'' argachu ta'eera jetti.

''Ani shamarran Hinduu kanneen hanga miilasaaniitti surree mana barnootaa uffatan waliinan guddadhe. Yeroo sanatti anaaf dhugaatti hiikaa omaa hin qabuu ture,'' jetti.

"Garuu amma dhimmi hijaabaa yoo ka'u dubartoonni Muslimaa gadi qicaman. Ani osoo hijaaba uffadhee buudatti haftuufi cunqurfamtuudha. Yoo hin uffannee ammo bilisoomtuudha.''

Isheenis obbolleettii ishee waliin hijaaba uffachuu eegalanii garuu waan dhiibbaan irra gaheef dhaabuu dubbatti.

Obbooleetii ishee bakka hojiitti loogii yoo irra gahu, namoonni bakka dubartii hijaaba uffattuu akka jirtuu hin eegneetti (jiimiifi mana nyaataa ykn bakka bashanannaatti) obbooleettii ishee irratti ija baasaa akka turan dubbatti Simeen.

''Haalli namoonni itti si ilalan dhugaa si ajjeessa,'' jetti. Kunis soda dubartoota muslimaa hedduutti dhagahamu. Kan durii caalaa amma namoonni kan ilaalan hijaaba jetti.

Yaaddoo sanatu Waafaa beelama mana murtiin booda akka gonkumaa mataatti hin uffannee ishee taasise.

''Yeroon bakka hojii jirulleen, gurratti waan sagalee ittiin dhaggeeffatan kaawwachuunan adeemsa mana murtichaa Hordofa,'' jetti. Kunis attamiin hirriyootaafi maatiiwwan hijaaba uffatan irratti dhiibaa akka qabaachu danda'u yaaddofti.

''Hijaaba kiyya narraa baaftee, kan ittaanu maali? Maqaankoo ammalleen Arabaa. Ulfina argachuuf maqaa koos geeddarachuun qabaa?'' jetti.