Reeffi namoota 87 jumlaan owwaalamanii Sudaanitti argame - UN

Qawwee alaabaan itti fannifame

Madda suuraa, Reuters

Sudaan, Daarfuritti reeffi namoota 87 jumlaan owwaalamanii argamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

Ajjeechaa jumlaa kana kan raawwate Humna Addaa Sudaan (RSF) akka ta'etu himama jedhe UN.

Akka dhaabbatichi jedhetti namoota awwaala jumlaa Daarfur, bakka El-Geneina jedhamtuun alatti argame kana keessaa namoonni Masalit keessatti argamu.

Ji'a Ebla kaasee Humna Addaa (RSF) fi waraana Sudaan gidduutti waraanni hamaan gaggeefffamaa jira.

Humni Addaafi milishoonni gara isaanii goruun lolan ajjeechaa jumlaa kana keessaa harka hin qabnu jedhaniiru.

Waraana qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamaa jiruun lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo du'an miliyeenni hedduu ammoo qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.

Dhaabbanni UN akka jedhetti, yoo xiqqaate namoonni 37 gaafa Waxabajjii 20 Lixa Daarfuritti kan awwaalaman yoo ta'u guyyaa itti aanu ammoo namoonni 50 ta'an bakkichumatti awwaalaman.

Namoota jumlaan ajjeefamuun awwaalaman keessa dubartoonnifi ijoolleenis jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UN'tti Komishinara Olaabaa Mirgoota Namoomaa kan ta'an Volker Türk "namoonni du'an maatiifi hawaasa isaanii wajjiin bifa suukaneessaafi safuu hin qabneen du'an" akka isaan gaddisiise himan.

Ajjeechaa kanarratti qorannoon akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessuun gareen Humna Addaa warra du'an "kabajaan qabuun" irra ture jedhan.

Dhaabbanni mirga namaaf falmu Human Rights Watch gareen Humna Addaa (RSF) ji'a Caamsaa keessa hawaasa Masalit 28 ajjeesun kaan heddu madeesseera jechuun ibsa baase Humni Addaa soba jedheera.

Gorsaa Humna Addaa (RSF) kan ta'an Musxafaa Mohaammad Ibraahim BBC'tti akka himanitti walitti bu'iinsi warra Araboota ta'aniifi hawaasa Masalit kan durii kaasee tureefi waraana kana keessatti deebi'ee eegaledha.

Haleellaan Humna Addaafi milishoota Arabaatin hawaasa Masalit irratti raawwate jedhamu, kan bara 2003'tti milishoota Janjawwiitiin namoonni 300,000 ajjeefaman deebi'ee akka hin kaane sodaatamaa jira.

Humni Addaa amma Humna Waraana Sudaan wajjiin waraanatti jiru duraan Daarfur keessatti ajjeechaa garaa garaa namoota nagaa irratti raawwachuun himatamaa kan tureedha.

Daarfur keessatti milishoonni Arabaa hawaasa Masalit, keessumaa dhiirota, irratti xiyyeeffachuun walitti bu'iinsi kun "walitti bu'iinsa sabaa" ta'aa akka dhufe UN gabaasni isa qaqqabuu ibseera.