Walitti bu'iinsa Masriitti mudateen lammiin Itoophiyaa tokko du'ee torba akkamiin madaa'an?

Magaalaa kaayiroo

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa guddoo Masrii kan taate Kaayirootti walitti bu’iinsa dhuunfaa lammii Itoophiyaa tokkoofi lammii Masrii tokko gidduutti mudateen lammiin Itoophiyaa tokko yoo du’u saddeet madaa’uu namoonni ijaan arganiifi bakka bu’aan hawaasa achii BBC'tti himan.

Namoonni qaamaan achi turaniifi argan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan BBC'tti akka himanitti, miidhaa dhaqqabeef sababi walitti bu’iinsa dhuunfaa namoota lamaaniiti.

Masriitti walitti qabaa hawaasa Itoophiyaa kan ta’an Obbo Xaahir Umar lammiin Itoophiyaa tokko sababa walitti bu’iinsa dhalate kanaan du’uu BBC'tti himaniiru.

Sababni walitti bu’iinsichaa “lammiin Masrii bajaajii oofu tokko cilee suuqii lammii Itoophiyaa dura jiru tokko irra ijjatee darbe.

''Abbaan suuqichaa lammii Itoophiyaa ta’e ammoo cilee kiyya na jalaa irra ijjattee daaraa goote,” kan jedhu akka ta’e namni ijaan argan kun dubbatu.

Jarri lamaan gara lolaatti gaafa seenan baqataan Itoophiyaa biraa achi dhaabataa ture jara lamaan gargar baasuf gaafa jidduu seenu lammiin Masrii sun billaa luqqifatee 'lapheesaa keessa akka waraane' namoonni bakkicha turaniifi ijaan argan ni dubbatu.

Walitti bu’iinsi dabalaa gaafa deemu lammiileen Masrii biroo kan biyyasaanirra goranii kan Itoophiyaafi Masirii gidduutti walitti bu’iinsi babal’ate jedhu namoonni ijaan argan.

“Gurbichi kan waraaname karaa bitaa lapheessaarra. Ogeeyyin fayyaa waldhaansa dursaa laatan gaafa dhufan mucichi du’eera. Sochii homaatuu hin godhu ture,” jedhu.

Walitti qabaan hawaasa Itoophiyaa Obbo Xaahir, baqataan Itoophiyaa umuriinsaa 20 keessa ta’e, gaa’ela qabuufi bajaajii oofu waraanamee lubbuun darbuufi kanneen biroo torba miidhamuu himan.

Lammiileen Itoophiyaa miidhaman mana yaalatti geeffamuu kan himan namni ijaan argan, gama Masiriitin miidhaa qaqqabe waanti beekan akka hin jirre BBCtti himan.

Magaalaa Kaayiroo, bakka walitti bu’iinsi kun itti uumame, lammiilee Itoophiyaa heddutu jiraatu.

Kanarraa kan ka’e, “Haleellaan erga qaqqabee booda lammiilen Itoophiyaa heddu bakkichatti walitti qabaman. Lammiilen Itoophiyaa ajjeechaa mudatetti aarun sa’aatii dheeradhaaf karaatti bahuun dheekkamsa isaanii ibsaniiru. Jeequmsi guddaan ka’ee ture,” jedhu namni bakkicha turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatee kana hordofee poolisoonni muraasni bakkicha qaqqabanis haalli ture humnasaaniitii ol waan ta’eef humni poolisii dabalataa ergamee akka ture himu.

Poolisoonni dheekkamsa hawaasa Itoophiyaa tasgabbeessuuf bakka bu’oota hawaasaa waliin erga mariyatanii booda, lammiin Masirii yakkicha raawwate to’annaa jala ooluu himan, booda haalli ture akka qabbanaa’es ibsan.

Bakka bu’aa hawaasa Itoophiyaa kan ta’an Obbo Xaahir akka jedhanitti sirni awwaalchi lammii Itoophiyaa lubbuun dabartee achuma Kaayitootti gaggeeffame.

Lammiin Itoophiyaa du’e kun waggaa torbaaf baqataa seera qabeessa ta’ee Masirii keessa jiraataa ture. Bajaajii oofuun jireenyasaa kan gaggeessufi nama gaa’ila godhateedha.

Namni ajjeechaa raawwate to’annoo jala ooluu akka mirkaneeffataniifi hawaasni Itoophiyaa abukaatoo qacaruun dhimmicha hordofaa akka jiran dubbatu Obbo Xaahir.

Sirna awwaalcha dargaggoo kanaarratti lammiilen Itoophiyaa 300 ol argamuun achuma Kaayirootti akka raawwateefi yeroo awwaalchaa rakkinni akka hin dhalanneef poolisoonni heddu ramadamuun sirni awwaalchaa nagaan raawwatamuu ibsan Obbo Xaahir.

Dhimma kanarratti BBCn Emabsii Itoophiyaa Kaayiroo jiru qunnamuuf yaalin godhe hin milkoofne.

Masirii keessa lammiilen Itoophiyaa 15,000 ol kan jiran yoo ta’u kaan isaanii UNdhaan galmaa’anii gara biyya sadaffaatti darbuudhaf eeggataa kan jiraniidha.

Gama biraan ammoo dubartoonni lammiilee Itoophiyaa ta’an hojii mana keessaa hojjachuun, warri dhiirotaa ammoo mana nyaataa, kaafefi hojii ijaarsaa keessatti qacaramanii hojjatu.