Haleellaa Beenishaangul Gumuzitti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 18 ajjeefamuu jiraattonni himan

Naannoo Beenishaangul Gumuz, godina Mattakal, magaala Gilgal Balasitti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni nagaa ajjeeffamuufi miidhaan qaamaa qaqqabuu jiraattoonni BBC'tti himan.
Namoonni ijaan argan akka jedhaniitti haleellaa Jimaata Adooleessa 7, 2023 raawwatameen yoo xiqqaate namooni 18 ajjeeffamanii kaan miidhamaniiru.
Kanneen miidhaa qaqqabsiisanis hidhattoota dhiheenya kana qabsoo hidhannoo keessaa bahuun dhiheenya magaalatiitti qubatanii argaman ta’u namoonni BBCn dubbise ni himu.
Paartiin Demokiraatawaa Booroo, naannicha keessa socha’u ibsa baaseen, haleellaa hidhattoonni Sochii Dimokiraatawaa Uummata Gumuz hidhannoo isaanii hin hiikkatiin gaafa Adooleessaa 7, 2023tti magaala Gilgal Balasiitti raawwataniin, ''namoonni nagaa hedduun ajjeeffamuufi hedduun miidhaan irra gahuu,'' mirkanneesseera.
Paartichi gochaan raawwatame haala kamiinuu kan fudhatama hin qabneefi gochaa sukkaneessaa ta’u ibsuun balaaleeffate. Qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan atattamaan seeraatti akka dhiyaataniif paartichi gaafateera.
Namni ijaan arganiifi maqaansaanii hin dhahamne gaafatan, haleellaa raawwatameen namoonni 18 ajjeeffamuufi kaan 16 miidhaan irra gahuun hospitaala seenuu dubbatan.
‘‘Naannichatti shiftoota mootummaan sooraa jirutu jira’’ kan jedhan namni BBCn dubbise kun, hidhattoonni kunneenis meeshaa waraanaa jajjabaa hidhatanii magaalaa keessa akka socho'an dubbatu.
Mootummaan naannichatti nageenya ummataa eegsiisuuf tarkaanfii fudhataa jiraachuu ibsaa kan ture yoo ta’u, jiraataan naannichaa BBCn dubbise kun garuu, ‘‘waan ta’aa jiru argaa jirra. Kan raawwatamaa jiru baayyee nama gaddisiisa. Mootummaan ummata naannichaa tiksaa hin jiru’’ jechuun komatan.
Haleellaa guyyaa Jimaataa raawwatame kana hordofunis jiraattoonni naannichaa loonsaanii ooffachuun gara Paawwee godaanaa jiraachuufi magaalicha keessa sochiin geejibaafi kaan dhaabbachu dubbataniiru jiraataan kun.
Jiraataan gara biraa BBCn dubbisa ammo haleellichaaf itti gaafatmaa kan taasisan, ‘‘hidhattoota karaa nagaatiin deebii’aniiru jedhamuun harka mootummaatti argamaniidha.’’
Hidhattoonni kunneenis konkolaataa Chaaginiirraa gara Paawwii imalaa ture dhaabsiisuun imaltoota irratti dhukaasuufi bombii itti darbachuun haleellaa raawwachusaanii kan dubbatan jiraataan kun, haleellichaan yoo xiqqaate namoonni 18 ajjeeffamuufi 12 ammoo miidhaan irra qaqabu ibsan.
‘‘Haleellaan guyyaa Jimaataa gara galgalaa eegale kan gab jedha sababii dukkanaafi roobaatiin ture,’’ jechuunis humni nageenyaa dafee qaqqabe akka hin jirre dabalun kaasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabalunis, halkan Dilbataa gara Wiixataatti bari’u dhokaasni dhagahamaa ture kan jedhan jiraataan kun, haleellaa walfakkaataan nu mudachuuf jechuun jiraattoonni naannichaa yaaddoodhaan naannicha gadhiisanii bahaa jiru jedhan.
‘‘Hidhattoonni kunneen waamicha nagaa fudhachuun bosonaa bahan jedhamulleen, hidhannoo hin hiikkannee’’ jedhu jiraataan kun.
Haleellaa kana ilaalchisuun BBC hoggantoota bulchiinsa naannichaafi poolisii irraa deebii argachuuf irra deddebiin yaalii taasisuulleen hin milkaa’iin hafeera.
Gareen hidhattootaa kunis kanaan dura naannoo Matakkalitti haleellaawwaniifi buttaa raawwachuun himatama.
Gareen kunis ‘‘Ummata Gumuuz bilisa baafna’’ jechuun hidhatee naannicha keessa socho’aa jiraachutu himama.
Kanaan duras Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakalitti miseensoonni garee hidhattootaa karaa nagaatiin waliigaluudhaan hidhannoo Isaanii hiikkachuun irra deddebiin ibsamunsamee ture.
Paartiin Dimokiraatawa Booroo gamasaatiin, haaluma waliigaltee mootummaan naannichaa taasiseetiin humnootiin hidhattootaa hidhannoosaanii hiikkachuun leenjii haaromsaa erga fudahtanii booda gara hawaasaatti haa makaman jedhamulleen, kan mul’ataa jiru garuu kana hin agarsiisu jedheera.
Hidhattoonni osoo hidhannoosaanii hin hiikkatiin sochiin isaan hawaasa keessatti taasisan keessattuu sochiin isaan gahee humnoota nagaa bakka bu’uun taasisan atattamaan dhaabsiifamee hidhannoo akka hiikkataniif kana dura akeekkachiisuu isaa paartiichi kaaseera.
Naannichaatti keessattuu erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufaniin booda waggoota jalqabaarra irra dedeebiin namoota nagaarratti ajjeechaa sukkanneessaan raawwatamee jiraattoonni kumaatamaan lakkaa’aman ammoo naannicha gadhiisanii buqqa’uuf dirqamaniiru.
Haleellicha dhaabsiisuuf yeroo garaa garaatti mootummaan naannichaa waliigalteen hidhattoota waliin taasiseera jedhe hordofuunis miseensoonni hidhattootaa muraasni qabsoo nagaa gochuuf meeshaasaanii mootummaatti kennuusaanii ibsamun ni yaadatama.
Kanaanis haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamu gab jedhee tureera. Humnootiin naannichatti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiran gara jireenya nagaatti deebii’uuf waliigalun saanii erga ibsameen booda, haleellaafi ajjeechaan dhuma torban darbeerratti raawwatame olaanaadha.












