Beenishaangul Gumuz keessatti bulchaa aanaa dabalatee namoonni 19 ajjeefaman

Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Kaamaashii Aanaa Mizhgaa keessatti humni addaa naannichaafi hidhattoonni naannocha keessa socho'an walitti bu'uun lubbuun namoota 19 darbuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannochaa Obbo Haaruun Umar BBCtti himan.
Roobii darbe gaafa 01,06, 2022 hidhattoota Sosochii Dimokiraatawaa Uummata Gumuz irraa dhukaasi baname.
Isa booda poolisiin humna addaa tarkaanfii wayita fudhatu dhukaasa raawwateen Bulchaan Aanaa Mizhgaa ajjeefamuu komishinarri kun himaniiru.
Wayita dhukaasi banamu bulchaan aanaa kun waan bakka sana turaniif rasaasa dhuka'een lubbuunsaanii darbe jedhan.
Bulchaa aanaan alatti namoonni biroon ajjjeefaman hidhattoota dhukaasa banan keessaa ta'uu himan Obbo Haaruun.
Haleellaan miseensota humna addaa naannochaarratti banamee akka ture kan himan komishinar Haaruun, walitti dhukaasuu tureen hidhattoota keessaa hedduun ajjeefamaniiru jedhan.
Haleellaa kanaan humna addaa keessaa namni du'e akka hin jirreefi abbaan qabeenyaa meeshaan hidhattootni itti fayyadaman manasaatii argame jedhames ajjeefameera jedhan.
Meeshaaleen waraanaa akka Rasaasa Diishqaa, Kilaashii 5 fi kaan heddumminaan hidhattoonni itti fayyadamaa turan mana abbaa qabeenyaa kanaa keessatti argamuu BBCtti himan Komishinar Haaruun.
Naannoo Beenishaangul Gumuz keessa hidhatee kan socho'u Gareen Sochii Dimokiraatawaa Saba Gumuz mootummaa naannochaa waliin araaraa uumuuf waliigalteerra ga'ee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, araarri karaa jaarsolii biyyaafi abbootii amantii gaggeeffamaa ture sababoota garaagaraan osoo hin milkaa'in yoona ga'eera.
Hidhattoonni fi mootummaan naannochaa kanaan dura wayita sanada waliigaltee mallatteessan, hooggansa paartii badhaadhinaa naannochaa, ''waliigalteen kun lubbuu lammiilee badaa jiru baraaruuf kan kaayyeffateedha,'' jechuun BBCtti himanii turan.
Miseensonni karaa nagaan harka kennachuun galanis akka meeshaa hiikkatan wayita gaafataman, rakkoo bulchiinsa gaarii isaan mudataa ture cimsanii gaafachaa turan.
''Hacuuccaan nurratti raawwateera,'' kan jedhan hidhattoonni kunneen, hirmaannaa siyaasaa qofa osoo hin taane, hawaas diinagdee biyyattii keessattis qooda akka qabaachuu qaban gaafataa turan.
Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti waggoota sadan darban haleellaa hidhattootaan raawwatameen hedduun lubbuu dhabaniiru, kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Haleellaa hidhattootaa kana dhaabsisuuf bulchiinsi komaandi postii miseensota nageenyaa naannolee fi federaalaa irraa ijaarame hundaa'ee kan ture ta'us garuu ammallee haleellaan hidhattootaa hin dhaabbanne.












