Reeffi abbaa-qabeenyaa Jarman Taayilaanditti achi-buuteen dhabame firiijii keessaa argame

Madda suuraa, Getty Images
Aanga'oonni Taayilaand qaama abbaa-qabeenyaa Jarman mummuramee pilaastika qorrisiisuun ykn qodaa firiijiin maramee argan.
Abbaan-qabeenyaa dhalataa Jarman ta'e Hans-Peter Maak umuriin isaa waggaa 62. Namni kun achi-buuteen isaa dhabamee barbaadamaa turus, dhuma irratti Wiixata galgala barbaachi isaa waan gaddisiisaan goolabame.
Poolisiin reeffa isaa mummurameeru pilaastikaan marame qodaa firiijii keessatti arge. Kunis kan argame mana kiraa magaalaa Kibba Taayilaand keessatti argamtu Noong Piruu jedhamtu tokko keessatti.
Kanaan walqabatee Jarmanoonni lama shakkamanii to'atamaniiru.
Maak dallaalaa qabeenyaa yoo ta'u haadha-warraa isaa lammii Taayilaand taate waliin magaalaa gama bahaan jirtu Pattaayaa jedhamtu keessa jiraata. Namni kun Adoolessa 4 irraa kaasee achu-buuteen isaa dhabame.
Poolisiin akka jedhetti, shakkamtoonni lama shira xaxuun isa ajjeesanii, isaan booda reeffa isaa bakka biraa geessuun dhoksan.
Akka odeeffannoo maatiin isaa kennan agarsiisutti Maak yeroo dhumaatiif kan mul'ate Pattayyaatti konkolaataa isaa Marchadiisii keessattidha.
Maatiin isaa nama achi-buutee isaa himeef dolaara 86,000 kennina jechuun gaafachaa turan.
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, konkolaataan isaa Dilbata Kondomiiniyeemii Noong Piruu keessa bakka konkolaataa dhababatan (paarkingii) keessatti argame.
Qorattoonni reeffa isaa waliin magaazii elektirkaan hojjetu, maqasii guddaafi pilaastika marame arguu isaaniis TV Taayilaand irratti mul'ateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees, poolisiin teessuma, daashboordii, mariifi konkolaataa isaa keessa bakka adda addaatti dhangala'aa qulqulleessuuf ta'uu mala jedhan arganiiru.
Qondaala poolisii kan ta'e Meejar Janaraal Teeraachaay Chamnaanmoor The Bangkok Post'tti akka himetti argannoowwan qorannoo "ta'e jedhamee ragaa balleessuun" hojjetameera.
Ajajaan Poolisii Noong Piruu Tawee Kudthalaeng akka jedhatti ammoo akkaawontii baankii Maak keessaa maallaqni guddaan akka dhabame aanga'oonni bira gahaniiru.
Ajajaan poolisiin kun itti dabaluun akka jedhetti, reeffi Maak booda kan argame viidiyoo kaameraa CCTV bakka sana jiru irraa argame gargaaramuunidha. Haata'u malee, kun akkamiin akka ta'e ballinaan hin ibsine.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, haati-warraa Maak beellama laaqanaa gaafa Adoolessa 4 waliin qabatan irratti hin dhufiin hafnaan bibliteef ture.
Yeroo bilbiltetti ammoo ergaa gabaabaa 'deebiseen siif bilbila' jedhuti ishee gahe.
Halkanuma sana 10pm irratti, ergaa biraa ammallee maamila waliin akka jiru ibsuti ishee qaqqabe.
Haata'u malee, haati-warraa Maak turtii waggaa shan waliin jiraatan keessatti ergaa isheef barreessee akka hin beekne miidiyaa Taayilaanditti himteetti.












