Kooriyaan Kaabaa erga Ameerikaa akeekkachiifte booda misaayela US gahuu danda'u dhukaaste

Namoota TV ilaalan

Madda suuraa, Reuters

Kooriyaan Kaabaa misaayela baalistikii fageenya dheeraa furguggifamu dhukaaste jechuun qondaaloti Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan himan.

Misaayeliin kunis isa intercontinental ballistic missile (ICBM) jedhamu kan fageenya dheeraa qaari'u tahuu akka hin oolle himan.

Misaayeliin kunis sa'atii tokkoof erga qilleensa keessa imalee booda gaafa Roobii qaama bishaanii Jaappaan qaqqabuuf xiqqoon yeroo hafu lafa qubate.

Kooriyaan Kaabaa xiyyaarri basaastuu Ameerikaa daangaa koorra irra naanna'aa turte jechuun erga yakkitee booda Ameerikaaf deebii akka kennitu himuun kana raawwatte.

Jalqaba torbee kanaarratti xiyyaarri akkasii dhufnaan dhooftee akka kuffistu himtee turte.

Ameerikaan garuu himannaa irratti ka'uu ni haalti, sakatta'insi waraanaa taasifame seera idila addunyaa hin cabsine jette.

Kooriyaan Kaabaa bara kana sochii misaayelaa naannoo galoo-galaanaatti taasiftuun wal-qabatee muddamni jabaateera.

Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa shaakallii waraanaa waloo taasisuun gochaa Kooriyaa Kibbaaf deebii kennaa jiru.

Meeshaalee waraanaa waliin oomishuufis waadaa seenaniiru.

Kooriyaan Kaabaa bara kana misaayeloota baay'ee furguggisteen dabalata saatalaayitii basaastuu dhukaasuu yaaltus otoo hin milkaa'in hafeera.

Ebla darbes misaayela akkaan 'cimaa' jedhame yaaluu himtee turte.

Kooriyaan Kaabaa Roobii har'aa misaayela dhukaasuu ishee Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan battalumattidha kan gabaasan.

Misaayeliin kuni otoo balali'aa jiruuti misaayila fageenya dheeraa adeemu akka tahe kan hubatan.

Magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongiyaang irraa gara bahaa sa'aatii tokkoof erga balali'ee booda naannoo galaanarra qubachuu Eegduun Karra Galaanaa Jaappaan beeksiseera.

Kooriyaan Kaabaa yeroo dhumaaf misaayela baalistikii kan dhukaaste Waxabajjii darbe yoo tahu, innis leenjii waraanaa waloo Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaaf deebii kenname ture.

Misaayila fageenya dheeraa adeemu kanas Bitootessa keessa yaaltee turte.

Misayilli ICBM jedhamu kan yaaddessu fageenya dheeraa lafa Ameerikaa otoo hin hafiin qaqqabuu waan danda'uufi.

Kooriyaa Kibbaa Sadaasa 2022 gaafa misaayela kana yaaltu kallattii gara olii waan gooteef malee gadi siqee otoo dhukaafameera tahee Ameerikaa qaqqaba ture jedhee ture mootummaan Jaappaan yeroos.