Gaaffii caaseffama haaraa Godina Boorana Bahaan walqabatee yaaddoo nageenyaa mudate

Caffee Oromiyaatti bakka bu'aa mootummaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Madda suuraa, OBN

Caaseffama haaraa fi hundeeffamuu Godina Boorana Bahaan walqabatee naannawa magaalaa Nageelleefi Aanaa Gooroo Doolaa irratti mufiin dhalate, ammallee itti fufee yaaddoo nageenyaa ta'aa jiraachuu qondaaltonni mootummaa himan.

Wiixata darbe halkan keessa Aanaa Gooroo Doolaa iddoo addaa Kiliwwee jedhamutti konkolaataan fe’umsaa gubachuu hordofee sodaan naannawa kanatti uumamuu ibsan qondaalli godinichaa.

Konkolaataan gubate kan jiraataa magaalaa Nageellee ta’uu kan Hoogganaan Kominikeeshinii Godina Boorana Bahaa Obbo Masaay Xilaahun, eenyu akka gubee fi sababa maaliin akka gubate ‘qoratamaa jira’ jedhan.

''Naannoo sana sochii hidhattootaan walqabatee rakkoon nageenyaa jira. Rakkoon jiru kan caaseffamaan walqabatu qofa miti,'' jedhan.

''Gidduu magaalaa Nageellee fi Aanaa Gooroo Doolaa dhiphinatu jira. Sababiin isaa haala kanaan konkolaataan kan gubatu yoo ta’e xiinsammuu namaa miidha.

''Namni sodaarraa kan ka’e naannawa kana keessa imaluurraa of qusata. Kan badu qabeenya, qabeenya qofa osoo hin taane lubbuun namaatis badaa deema taanaan rakkoodha.''

Naannawa kanatti konkolaattota gubuu fi geejjiba ugguruun kallattiidhaan dhimma caaseffama godinaan walqabachuu ammatti ifa gochuu baatanis, rakkoon dhimma kanarraa ka’e ammallee furmaata hin argatin akka jiru ammoo eeran.

''Sababa kanaan jennee ibsuun nu rakkisa. Garuu madda rakkoo qorataa jirra. Garuu caaseffama haaraa kanaan walqabatee Aanaa Gooroo Doolaa keessa rakkoon jira.

''Duraan maaliif asitti (Godina Boorana Bahaatti) makamuu dhabne jedhanii komataa turan. Amma erga as makamanii ammoo dubbii kaasuu eegalan.''

Dhimma Aanaa Gooroo Doolaa rakkoo hammeesse...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Caaseffama Godina haaraa (Godina Boorana Bahaa)'tiin walqabatee rakkoon kan jiru akka odeeffamu guutummaa godinaalee lamaanii osoo hin taane Aanaa Gooroo Doolaan kan walqabatu qofa jedhan Obbo Masaay.

Caaseffama haaraa mootummaan dhiheenya kana taasiseen Aanaan Gooroo Doolaa Godina Boorana Bahaa jala hin turre.

''Ergasii mootummaan haala fageenyaa fi teessumma lafaa hunda ilaalee sirreeffama taasiseen Aanaan Gooroo Doolaa gara Godina Boorana Bahaatti akka hammatamu murtaa’e.

''Gaafa hammatamu ammoo waan kana fudhachuu dhiisuun garee muraasa, keessattuu caasaa mootummaa biratti mul’ata. Isaantu akkas godhaa ture,'' jechuun himan.

Dhimma kanarratti ummata mariisisuu kan himan Obbo Masaay, ''ajandaa uumanii ummata kan jeeqan caasaalee mootummaati malee ummanni rakkoo uume hin qabu,'' jedhan.

''Osoo rakkoon ummata gidduutti ta’ee silaa karaa duudhaa sirna Gadaatiin walitti fidanii mariisisanii araara buusu.

''Garuu ummata gidduutti rakkoon hin jiru. Kana gadi buunee qorannee adda baasne.''

Akkasaan jedhanitti ‘gareen muraasni’ murtee kanarratti diddaa agarsiisan seeraan to'atamanis, itti aansee ammoo ''isaan hiikammuu qabu'' gaaffii jedhuun ummata jeequu eegalan.

''Ummanni dhimma tokkummaasaarratti gaaffii hin qabu. Rakkoon kan jiru caasaa keenya bira (koree qindeessituu aanaa jechuudha.)''

Mootummaan naannollee koree qindeessituu godinaalee lamaanuu (Godina Gujii fi Godina Boorana Bahaa (haaraa kan hundaa’e) bakka tokkotti walitti fidee dhimma kanarratti mariisiseera jedhan.

''Inuma gorfamu, inuma mari’atu. Ijaarsi adda addaa ni kennamaaf. Garuu isa hojiirra oolchuurratti ni rincicu.''

Kanaan walqabatee koreen qindeessituu sadan to’annoo jala ooluus ibsan.

Yaa'ii Caffee Oromiyaa Wiixata (Adoolessa 10, 2023) gaggeeffamerratti naannawa Gujiirraa bakka bu'uu kan himan miseensi caffee Obbo Daadhii Dhaddachaa, gaaffii ummataa mana marichaaf dhiheessuun akka xiyyeeffannaa argatu gaafatan.

''Ummanni ifatti waan lama gaafata. Tokko teessoon godinaa waggaa 21'f ture seeraa ala waan ta'eef iddootti haa deebi'u kan jedhuudha.

''Lammaffaa manni maree Godina Gujii jalatti bulla kan jedhu aanaan Gooroo Doolaa mana mareetiin mirkaneessee mootummaadha waan ta'eef qaama naannoo kana beeksisee jira. Dhimmi kun osoo ilaalamee kan jedhun qaba.''

Aanaan Gooroo Doolaa Gudina Gujii jalatti akka bulu kan murtaa'edha waan ta'eef, naannawa sanatti rakkoon jiru osoo ilaalamee gaariidha.

Godinas ta'e caaseffamni magaalaa kamiyyuu waan tokkummaa saba kanaa itichee eegu ta'uu qaba kan jedhan miseensi caffee kun, ''hooggansi naannoo san lamaanii ba'e, namoonni naannoo kana bakka bu'anii caffee fi paarlaamaa jiran, jaarsi biyyaa fi Abbaan Gadaa iddoo jirutti taa'amee qoratamee yeroo xumuraaf falli kaa'amuu qaba,'' jedhan.

Haalli naanna kanatti mudatu akkaan isaan yaaddessuu fi qaanessaa ta'uu kan himan qondaalli kun, ''dhalooti barates barmaatilee abbootii duraanii irraa dhaale fooyyessee ceesisuu hin dandeenye,'' jedhan.

Dhimma Godina Boorana Bahaarratti yaada kan kennan Caffee Oromiyaati bakka bu'aan mootummaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, godina kana dhimmoota afuriif akka hundeessan himan.

''Inni jalqabaa tokkummaa Oromoo toora sanatti fiduudhaafi. Boorana, Gujii, Arsii, Gabra toora sana jiru cimsuuf jenneeti. Ilaalchi boodatti hafaan dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufe warri barates dhaallee rakkisaa jirra malee uummata bira rakkoo bal'aan hin jiru,'' jedhan.

Akka Oromootti naannawa kanatti ambaa sirna gadaa kunuunsanii kan jiran Booranaa fi Gujiitti ni boonna kan jedhan Obbo Fiqaaduun, uummanni naannawa kanaa duudhaa kanaan fayyadamee rakkoo isaa mitii kaaniyyuu ni hiika jedhan.

''Godinichi gosa tokkoof miti kan hundaa'e. Godinichi kan Oromoo hundaati. Tokkorraa fuudhanii tokkoof kennuuf miti. Tokko gammachiisanii isa kaan boochisuuf waan yaadame miti,'' jedhan Obbo Fiqaaduun.

Osoo nuti gosaan walmorkinuu kan biraa lafa fudhata kan jedhan Obbo Fiqaaduun, lafa sana eeguun kaayyoo godinni sun hundaa'eef keessaa tokko jedhan.

Rakkoo nageenyaa fi bulchiinsa gaarii hiikuunis dhimma ijoo godina kana hundeessuun barbaachiseef keessaati jedhan.

Dhimma kanarratti hawaasa, hojjetaa mootummaa godinarra jiru, abbootii Gadaa fi caasaa achi jiru hunda qaamaan deemnee dubbisneerra jedhan.

''Rakkoon jiru irra caalaansaa hawaasa bira miti. Nuyi ofumaa dhaadhessinee uummata walitti naquun waan nurra jiru natti hin fakkaatu. Miseensonni cafees, kaanis dhimma kana ilaaluun barbaachisaadha.''

Hundeeffama Godina Boorana Bahaa fi gaaffii uummataa

Mootummaan naannoo Oromiyaa Guraandhala 27, 2023 magaalotaa fi godinaalee naannochaa akka haaraatti caasessuu wayita labsu Godinni haaraan Boorana Bahaa jedhamu hundaa'uu ibse.

Godinni Boorana Bahaa aanaalee muraasa godinaalee Oromiyaa kanneen akka Baalee, Gujii fi Godina Booranaa duraanuu ture irraa kan hundaa'e yoo ta'u, sababa kanaan namoonni hedduun mufiisaanii dhageessisaa turan.

Keessattuu Godina Gujii irraa gaaffiin ka'u hanga yoonaa rakkoo yaaddessaa ta'ee itti fufeera.

Mootummaan osoo uummata hin mariisisn tarkaanfii kana fudhate jechuun uummanni sagalee dhageessisaa tureera. Akkasuma tarkaanfii mootummaa kanatti kan gammadanis jiru.

Godinni haarayaa gurmaa’e kun Godina Booranaa irraa aanaalee Moyyaalee, Guchii, Waacillee fi magaalaa Mooyyaalee; Godina Gujii irraa ammoo aanaalee Liiban, Gumii Eldalloo fi Magaalaa Nageellee Booranaa, akkasumas godina Baalee irraa; aanaalee Madda Walaabuu, Oborsoo fi Harannaa Bulluq walitti fiduun kan gurmaa’edha.

Magaalaan Nageellee lafa gaaffiin abbummaa irratti ka'u yoo taatu, caaseffama haaraa kanaan teessoo Godina Boorana Bahaa taateetti.

Amma Teessoon Godina Gujii magaalaa Nageellee ta'uun hafee, Adoolaa Reeddee ta'eera.