Boorana - Gujii: Murteen mootummaa akkamiin hawaasa gidduutti muddama hammeesse?

Alaabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Naannoo Oromiyaa baatii Guraandhalaa keessa ture magaalotaa fi godinaalee akka haaraatti gurmeessuu kan beeksise.

Haatahu malee, haga ammaatti mormii fi komiin qaamolee hawaasaa garagaraarraa kahu itti fufee jira - keessattuu dhimma magaalaa Nageelleefi hundeeffama Godina Boorana Bahaa irratti.

Sababuma kanaan mormii Godina Gujii Aanaa Booreetti ka'een lubbuun namoota nagaa lama darbuufi lama immoo madaa'uu BBC'n yeroos gabaasee ture.

Manni Maree Naannichaa Godina Booranaa Bahaa godina 21ffaa akka haaraatti kan hundeesse ennaa tahu, teessoon isaas magaalaa Nageellee Booranaa ta’a jechuun hime.

Kanneen mufii qaban akkuma jiran murtee mootummaa kanaan kan daanditti bahanii gammachuu ibsaniis ni jiru.

Godinni haarayaa gurmaa’e kun Godina Booranaa irraa aanaalee Moyyaalee, Guchii, Waacillee fi magaalaa Mooyyaalee; Godina Gujii irraa ammoo aanaalee Liiban, Gumii Eldalloo fi Magaalaa Nageellee Booranaa, akkasumas godina Baalee irraa; aanaalee Madda Walaabuu, Oborsoo fi Harannaa Bulluq walitti fiduun kan gurmaa’edha.

Teessoon Godina Gujii magaalaa Nageellee Booranaa (kan amma dura Nageellee jedhamtu) ture amma magaalaa Adoolaa Reeddee ta’a jedhameera.

Magaalaa kana hawaasi gar tokko Nageellee yoo jedhu kaan immoo Nageellee Booranaa jedhee waama. Madda wal dhibdee yoo taatus yeroo jalqabaaf miti.

Maddi mufii fi mormii hanga lubbuu namaa galaafate kan uumame addatti dhimma magaalaa Nageellee Booranaatiin - dhalattoonni Gujii dhimma kana akka ‘manaa hari’amuutti’ fudhatu.

Kana malees hammatamuun aanaalee Godina Baaleetiinis kanneen dallanan akka jiran rogeeyyii fi dhimma kanarratti kanneen yaada dhiyeessan ni himu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma komii ka'aa jiru kana irratti haga ammaatti ifatti ibsa hin laanne.

Haatahu malee, murtee kana hordofee jaarsoliin biyyaa hawaasa Gujii bakka bu’uun aanga’oota olaanoo Naannoo Oromiyaa waliin mari’achuun ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin, godinni hundeeffame kun duubatti akka hin deebineefi akka hin diigamne itti himamuu ibsan.

Tahus garuu hawaasni sadeen kun waliin mari’achuun moggaasa godinichaa jijjiiruu akka danda’an itti himamuus bakka buutonni kun himan.

'Murtee ariifataa'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhalattoonni Gujii gama marsaalee hawaasaa gubbaa kataban, akkasumas kanneen BBC'tti dubbatan; murtee mootummaa kana hawaasa tokkoo caalchisuun kaan ammoo akka tuffatetti akka ilaalan himu.

Dhalataa Gujii kan tahaniifi amma UK keessatti barsiisaa kan tahan Dr Ilfinah Uddeessaa Bariisoo, murteen kun hawaasa Gujii fi Arsii dallansuu keessa galcheera jedhu.

“Karaa Arsii fi Gujiin yoo laalan, Godinni kun akki isin baateen, gosa tana lamaan miitee gosa Booranaa caalaatti akka [fayyadetti] fudhatame. Akka nu dhagginutti kolbaan [uummanni] gadditee, rifatte.”

Kana malees mormii dhimma kanaan dhalate hordofee haalli qaamoleen nageenyaa mootummaa deebii itti kennaniinis, uummati caalaatti dallaneera jedhu Dr Ilfinah.

Akka hayyuun kun jedhanitti adeemsi godina haaraa kana gurmeessuun itti deemame kan sirrii hin taane, kan uummata hin mari’achiifnee fi akkaan kan ariifatedha jechuun, uummanni obbolaa tahe kun lamaanis akka waldhabaniif karra saaqeera jedhu.

“‘Lafa keenya keessaa warqee fi albuuda kaan keenya odoo baasanuu, [otoo bu’uuraalee misoomaa] nuuf hin hojjetin, ammammoo nu tuffachuun waan kana nutti fidan,’ jechuun muffii hamtuu keessa galeera.”

'Lafa aadaa Booranaati'

Rogeeyyii fi dura buutonni hawaasa Booranaafi Gujii keessa jiran gama seenaatiin magaalaan ifatti barkurnee lamaaf Nageellee jedhamaa turtee fi yeroo ammaa Nageellee Booranaa jedhamtu kun isaaniif akka maltu himu.

Suuraalee baroota lakkoofsisan, xalayaa qaamoleen mootummaa walitti babarreessan, akkasumas jaarrolee wabeeffachuun, abbummaa magaalaa kana irratti gaaffii naaf malaa kaasu.

Aabba Jaatanii Diidaa qorataa aadaa fi seenaa Booranaa yoo tahan, kitaabota garagaraas maxxansaniiru.

“Daangaan Itoophiyaa, daangaan Oromiyaas ni jira - lafa waliin qabna. Ammoo akka [sabaa fi gosaattis] nami daangaa ofii qaba,” jechuun Nageellee Booranaa gara caalu gosi Booranaa qubatee akka jiruufi gama seenaafi aadaatin lafa Booranaa tahuushee himu.

Akka hayyuun aadaa kun jedhanitti lafti magaalaan kuni keessatti argamtu kun walumaagalatti lafa Liiban jedhamuun kan beekamuufi ardaa jilaa Booranaa akka tahe himu - lafa kabajaan maluuf akka tahes kaasu.

Afoola keessattis: “Boruun Waaqaa angafa, lafti duuba hin bariine.

Liiban lafaa angafa, jilti duuba hin obbaane,”

kan jedhanii kadhatan kun, ardaa jilaa tahuusaa agarsiisa jedhu.

“Akka aadaafi seenaa duriitti, jilti gara Areerootti jilatan kun irra caalaa jila Raabaati. Ta gam Liiban ammoo jila Gadaati,” jechuun akka fakkeenyaatti Abbaan Gadaa Booranaa kallacha kan hidhatu Liibanitti akka tahe himu.

Aabba Jaataniin akka jedhanitti gama bulchiinsa siyaasaatiinis tahe, magaalaan kun kan Booranaa akka taate dhokataa miti jedhu.

'Qarsaa Bilbiloo'

Murtee mootummaa dhiyeenyaa kanaan moggaasni maqaa godina 21ffaa kun Boorana Bahaa jedhamuun isaa, addatti ammoo magaalaan waggootaaf Nageellee jedhamuun beekamaa turte, Nageellee Booranaa jedhamuu isheen kanneen mufatan jiru.

Hawaasi Booranaa BBC'n yeroo murteen ifa ta'u dubbise immoo gammachuu ibsan.

Hawaasni Gujii ammoo magaalaan kun maqaan ishee dhiyeenyaa Nageellee tahuu himuun, inumaawuu maqaa biraa qabdi turte jedhu.

Barsiisaa Ilfinah (PhD) yeroo dheeraan dura magaalaan tun, moggaasa xixiqqaa akka akkaan waamamaa akka turteefi gosoonni garagaraas keessa qubatanii akka turan himu.

“Lafti tuni gosoonni Gujii, Arsii, Booranaa akkasumas gosoonni Somaalees keessa turan. Maqaan ishees Qarsaa Bilbiloo jedhamti turte.”

Booda keessas gosoota garagaraa achi keessa jiraachaa jiran gidduutti rakkoon nageenyaa uumamee hawaasa guddoo miidhe jedhu.

“Sababa kanaan gosoonni sadeen kun walitti dacha’anii mari’atanii, rakkoon kun akka itti hin deebine jechuun horii qalanii, eebbifatanii, araara buusanii… lafa tanas maqaa Nageellee baasna jedhanii akkasiin moggaasan.”

Dr Ilfinah dabaluun, ergasiis bara bulchiinsa Mootii Hayilasillaasee irraa eegalee ragaaleen jiran akka mul’isanitti maqaa Nageellee jedhuun turte jedhu.

Haatahu malee caaseffama duraaniin lafti gosa Booranaa fi Gujii irra jiraatan akkasumas aanaaleen dhiyeenya jiran kaanis ‘Awuraajjaa Booranaa’ jedhamuun bulaa akka turan seenaan ni hima.

Akka yaada Dr Ilfinaatti kunis mootummoonni dabran hawaasa kana qoqqooduun bulchuuf yaalii taasisanidha.

Furmaata

Caffeen Naannoo Oromiyaa murtee gurmaa’insa godina 21ffaa haarayaa kanaa ennaa labsutti, godinni haarayaa kun gaaffii misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ka’aa ture kan deebisudha jechuun hime.

Dabaluunis “seeraan alummaa naannoo daangaa jiru maqsuuf” akkasumas rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf godinni kan hundeessuun barbaachisaa tahuu hime.

Dr Milkeessaa Miidhagaa, dhimmoota federaalizimii irratti nama qorannoo bal'aa gaggeessanidha.

Aanga'aan duraanii mootummaa kun amma Ameerikaa Kaabaa kan jiraatan ennaa tahu, mootummaa biyya bulchaa jiru qeequunis beekamu.

Murteen Mootummaa Oromiyaa dhiyeenya kanaa fedhii uummataa giddu galeessa kan godhate miti jechuun qeequ.

Inumaawuu uummata keessa waldhabdee hammeessa jechuun, “Lafti kan sabaa yookaan uummataati, yoo itti siqxe ammoo lafti kan gosaati. Lafa kana fedhii hawaasa irra qubatee jiru malee akka feete gochuun abbaa irrummaadha,” jedhu.

Dabaluunis: “Falli jiru fedhii hawaasaatiin bulchuudha. Uummanni amma maal barbaada jechuun gaafachuudha,” jechuun waan faladha jedhan himu.

Aabba Jaatanii Diidaa gamasaaniin bakka sabaafi sablammoonni akka akkaa Itoophiyaa keessatti waldanda’ee bakka jiraatutti, gosni obbolaan kun lamaan waljibbuun “abaarsa, cubbuudha,” jedhu.

Ilfinah Uddeessaa (PhD) ammoo murtee isaan ariifannaafi marii uummataa malee taasifame jedhan kana, mootummaan keessa deebi’ee ilaaluu qaba jedhu.

Kana malees hawaasni lamaan isaan “obboleeyyan garaati” jedhaniin kun walitti dhufuun garaagarummaa qaban akka furanis dhaaman.

“Malaa mariin, seera Gadaa ka itti cichee irratti miidhamee asiin gahe kanaan gula deemee… nami kuni aadaa fi aafaan wol beeka,” jechuun murtee mootummaan “hubatiinsa malee jarjaruun” fudhate mari’achuun furuu qaba jedhan.