Nageelleen godina Boorana Bahaatti deebi'uu hordofee mormii ka'een lubbuun darbe

Magaalaan Nageellee kana duras madda waldhibdee hawaasa Booranaafi Gujiiti
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan Nageellee kana duras madda waldhibdee hawaasa Booranaafi Gujiiti

Godina haaraa Naannoo Oromiyaa keessa hundaa'e walqabatee mormii Godina Gujii Aanaa Booreetti ka'en lubbuun namoota nagaa lama darbuufi lama immoo madaa'uu jiraattonni BBC'tti himan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa godina haaraa 'Boorana Bahaa' jedhu aanaalee Boorana, Baaleefi Gujiirraa walitti fiduun hundeessuu torban kana beeksise.

Akkaataa murtee kanaan magaallaan Nageellee gara godina haaraa hundaa'etti deebite. Kanaan kanneen gammachuu ibsan akkuma jiran, kan mormanis jiru.

Ajjeechaa raawwate kanaaf humnoota nageenyaa mootummaatu himatame. Dhimma kanarratti aangawooni ammatti deebii hin kennine.

Godina Gujiitti jiraataa aanaa Adoola Waayyuu kan ta'an Obbo Falmataa Butaa aanaa isaanii keessatti mormii isaanii dhageessifachuuf namoota hiriira nagaa bahan keessaa namoonni lama ajjeefamuu dubbatu.

"Ijoollee akka tasaa waa'edhuma kanaaf bahanii poolisii idileetin aanaa Booretti ijoollee miidhamaniin ala kuun hanga har'aatti karaa nagaatin bahanii, karaa nagaatin deemaa jira," jechuun ibsan.

Godina Gujii aanaa Booree irraa jiraatan biraa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin himamne gaafachuun BBCtti dubbates lubbuun namoota lamaa darbuu himan.

"Dhimma mootummaan Godina Boorana Bahaa baasen wal qabatee, marii uummataafi hooggansaa malee...murtee uummataa dabarsan."

"Isuma kanaan wal qabatee mormiin ka'ee jira," jedhan. Itti dabaluunis namoonni lama rasaasan du'uufi hojjataan mootummaa tokko wal-dhabdee namoota gidduutti uumameen lubbuun darbuu himan.

"Tokko magaaluma keessa hojjataa mootummaati inni. Ijoollen lama ammoo barattoota," jechuun dhukaasa banameen lubbuun namootaa darbuu dubbate.

Jiraataan aanaa Booree kun yeroo dhukaasni banamu achi turuufi namoonni namoota du'aniin alatti lama ammoo rukutamanii Hospitaala Booree akka jiran hime.

Jalqaba torbee kanaa gaafa Guraandhala 27, 2023 mootummaan naannoo Oromiyaa magaalotafi godinaalee bifa haaran gurmeessuu beeksisee ture.

Kanaanis Godiinni Boorana Bahaa Oromiyaatti godiina 21ffaa ta'uun bifa haaraan hundaa'eera.

Akka murtee kanaatti magaalaa bulchiinsa Godina Gujii kan turte magaalli Nageelle [bal'inaan Nageellee Booranaa jedhamuunis beekamti] magaalaa godina haaraa hundaa'e taate.

Magaalli bulchiinsa Godina Gujii ammoo Adoola Reeddee akka ta'u murtaa'ee jira.

Mormiin maaliif ka'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godinni Boorana bahaa godinoota sadii irraa aanaaleefi magaalota walitti fiduun hundaa'e: Godina Booranaa irraa aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waacillee yoo ta'an, Godina Gujii irraa ammo aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, Magaala Nageelleetu hammatame.

Akkasumas Godina Baalee irraa aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq fudhachuun aanaalee 10 qabatee godiina 21ffaa ta'ee hundaa'e.

Madda mormii lubbuu namaa galaafatee kan ta'e ammoo addumatti magaalli Nageellee godina Boorana Bahaa jalatti hammatamuudha.

Magaalaan Nageellee duraan magaalaa guddoo godina Gujii ta'uun tajaajilaa turte amma Boorana Bahaa jalatti deebi'uun guddoo akka isaan mufachiise dubbatu jiraattonni.

Jiraatan godiina Gujii aanaa Booree BBCn dubbise mootummaan fedhiin ummataa maalidha jedhee osoo hin mariisin murteessuun daba akka ta'e dubbata.

"Osoo ummanni kun [Gujii fi Booranni] irratti wal dhabaa jiruu Nageellee Booranaa jedhanii moggaasanii, deebi'anii ammoo Booran Bahaa jedhani.

"Silaa magaalli gudditiin Gujiin qabu magaaluma kana. Uummanni Gujii kaappitaala garaa garaa kan irratti investii godhee itti dhangalaasee hojjataa tures magaalaa kanarratti," jechuun komii qaban kaasu.

Dhimmi magaalaa Nageellee Booranaa moggaasa maqichaa irraa kaasee yeroo garaa garaatti hawaasa Gujiifi Booranaa biratti anaaf malaa irratti falmiitu ture.

Faallaan immoon murtee kana hordofee jiraattonni Booranarraa BBC'n dubbise murtee kanaan gammachuu ibsan.