Kitaaabni 'Khuleessa Nageellee Booranaa' maalif falmii kaase?

Madda suuraa, Halakee Dabbasoo
Kitaabni mata dureen isaa 'Khuleessa Nageellee Booranaa' jedhu Kan Halakee Dabbaasootiin barraa'e Sanbata Mudde 25, 2021 Istaadiyeemii Yaaabellootti eebbifamee ture.
Haata'uutii kitaabicha namoota hedduu biratti ammoo mormiin mudateera.
Akkka barreessaan kitaabichaa Aab Halakeen jedhutti 'Khuleessa' jechuun Iyyannaa yookan arreeddii akka jechuuti.
Qabiyyeen kitaabichaas seenaaa magaalattii fi lafa Kibba Oromiyaa irratti kan fuulleffateedhas jedha.
"Kitaabni kuni seenaa lafaati. Kan lafa Liiban. Booranni kutaa lama qabaa. Boorana Liibanii fi Boorana Dirreeti. Qabiyyeen kitaaba kiyyaa guutumaan Guutuutti waa'ee lafa Liiban kanaati. Haala itti Booranni lafasaa ittiin eegachaa ture. Daangaalee lafa Liiban, lafa ardaa jilaa faa qabate" jedha.
Lafa Kibba Oromiyaatiin jiru kana daangaa isaa tiksuuf aarsaa Booranni Liiban kaffalaa ture, daangaa qabiyyee lafaa, dinagdee, siyaasaa kan ofkeessatti hammatedha jedha.
Kitaaba kana barreessuufis Aartii Booranni ittiin seenaa waliif dhaamu akka madda odeeffanootti akka fayyadamelleen hima."Booranni aartii qaba. Aartiin kuni madda ragaati. Ragaaleen kan ittiin daddarbu karaa faaruutiin daangaa lafaa nikaasa. Sirba loonii keessatti, sirba re'ee keessatti Booranni waa'ee daangaa lafaa ni kaasaa. Kanaaf madda cimaa kanin godhadhe aartiidha" jedha.
Kitaaba kana barreessuuf waan isa kakaase yoo himus, "seenaan lafa teenyaa tuni yoo barreeffamee taa'e ragaa guddaa ta'uu dandaha jedheen barreessuu jalqabe. Ajaji dhibii fudhe hin jiru, kaka'umsuma kiyyaanin barreesse. Seenaan Kibba Oromiyaa kuni bal'inaan barreeffamee waan hin jirreef jecha akkan barreessuuf nakakaaseera" jedha Halakeen.Jaaarroleen seenaa Boorana Liiban kana mataa keessaa qaban osoo seenaa kan fudhatanii hin darbine isaanirraa fuunee barreeffamaan dhaloota itti aanuuf dabarsuuf jecha seenaa kana bifa kitaabaatiin barreesse jechuunis hima.

Madda suuraa, Halakee Dabbasoo
Sagantaa eebba kitaabichaa irratti Bulchaan Godinaa Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu, Abbaan Gadaa Booranaa fi keessummoota hedduuti irratti argamanii ture.
Eebba kanaan boodas dhimmi kitaaba kanaa namoota hedduu keessumaa kanneen gama Gujiitiin jiran biratti mormii kan uumee fi ijoo dubbii walfamisiisaa ta'eera.
Namoota kitaaba kana morman keessaa kan dubbifne Jiraataan Godina Gujii Obbo Ildaa Dambii BBC'tti akka dubbatetti kitaaabichi moggaasa maqaa isaa irraa kaasee rakkoo kan qabudha jedha.
"Kitaabni kuni sababa maqaa magaalaatiin walitti bu'iinsaa ture sana deebisanii kaaasuufi jennee fudhanna nuti. Kitaabni kuni kitaaba garaagartee uumuu fi ergaa siyaasaa qabudha jennee ilaalla. Walqoodinsaa fi jibba kan uumudha" jedha.
Kitaabichi yeroo rakkoon bonaa hawaasa Gujii fi Booranaa miidhaa jirtuu fi walgargaaruun jala darbuuf waltumsaa jiran kaanatti uummatatti ajaandaa dabalataa uumuuf yeroo kanatti gadi bahee ilaalcha jedhun qabaa jedhu Obbo Ildaan.
Jiraataaan magaala Negellee biraa Obbo Yohaannis Holkoo gamasaatiin kitaabicha moggaasa maqaa inni fayyadamerraa kaaseen balaalefadha jedhu.
"Oromoon Gujii fi Booranaa bara 2006 sababa maqaa magaalaa kanaatiin wal ajjeesanii miidhaan meeqa gahe. Maqaa 'Negeellee' fi Negeellee Booranaa' jedhu kanaani lubbuun meeqa kan darbe. Kitaabni kunimmoo seenaa sana deebisuuf shira yaadamedha" jedhu.
Qabiyyeen kitaabichaas kaartaa dogogoraa fi qabiyyee lafaa sirrii hin taane bifa kitaabaatiin seenaa dogogoraa dabarsuu kan kaayyefatedhaa jedhan.
"Amma rakkoo hedduutu harkaa nuqaba. Hongeen numiidhaa jira. Hidhattoonni ABO Shanee haawaasa dararaa jiru. Waaggaa sadi guutuu rakkoo akkanaa keessa jirra. Uummata kanaaf dararaan kuni yoom hanqatee ajandaa dhibii itti uumu. Kuni sirrii miti" jedhan.
Jiraattonni kunneen akka jedhanitti seenaan dogoggoraa bifa kitaabaatiin bahe, kanaaf kitaabichi uummatatti rabsamuu akka hin qabnee fi barreessaa, koreen kitaaba kana eebbisees gaafatamuu qabu yaada jedhu qabu.
Barreessaan kitaaba kanaa Halakee Dabbasoo gamasaatiin eebba kitaabichaa booda mormii ka'e kana quba akka qabuu fi namni kitaabichi dogoggora qaba jedhu ragaa qabatamaadhaan dhiheessuu mala jedha.
"Amma bakka kitaabni kuni hin gahinitti maquma kitaabichaa argee balaaleffata. Sababa maqaa kanaatiin wanti gosa walitti buusu jira jedhee hin yaadu ani akka mataa kiyyaatti. Garuu qaamni qaamaan nagaafate hin jiru. Ani seenaa lafa teenyaan barreesse" jedha Halakeen.
Kitaabichi waldhibdee amma dura ture deebisee kaasuu mala kan namoonni jedhaniifis, qaama dubbii kana hoo'isaa jiru yoo ta'e malee kitaabni baarraa'e rakkoo akkanaa hin uumu jedha.
Bara 2006 sababa moggaasa maqaa magaalattiitif jecha dhibdee gosoota Oromoo lamaan gidduutti uumameen miidhaa guddaan gahee ture.
Magaala Guddoo Godina Gujii kan taate magaalli kun amma maqaa 'Negellee' jedhuun waamamaa jirti.















