Waa'ee namoota afur Borana Diillootti boolla voolkaanootti du'anii maal beekna?

Madda suuraa, Waakkala Gabaaboo
Muddee 30 bara 2021 Godina Booranaa aanaa Diillootti haadha fi ilmoo dabalatee namoonni afur Boolla Volkaanoo kan abidda qabutti seenanii lubbuun isaanii darbuu BBC maddeen irraa mirkaneeffate.
Taateen kun akkamitti uumaame?
Barsiisaa Yunvarsiitii kan ta'ee fi maaatii bira kan ture Waakkala Gabaaboo ,namoota guyyaa kaleessaa Muddee 30, 2021 bakka taateen kun itti raawwatame turanii fi ijaaan arga keessaa tokko.
Akka namni ijaan arge kun BBC'tti himetti, guyyaa kaleessaa naannoo saatii afurii keessa bakka dhiheenya Magaala Diilloo taate tokkotti ijoolleen lama loon tiksaa turan.
Ijoolleen kunneenis osoo taphachaa jiranii mucaan umuriinsaa waggaa 11 ta'u, kopheen isaa boolla gadi fageenya meetira lama qabu tokko keessa jalaa bu'e.
Mucaan kunis kophee isaa kana baafachuuf boollichatti seenus deebi'ee bahu hin dandeenye jedhan.
Boollichi gadi fageenyi isaa meetira lama ta'ulleen hoo'a hamaa fi qilleensa hafuura nama kutu waan qabuuf mucaan achumatti gubatee lubbuun darbuu hima.
Haatii mucichaan kan ilmishee boolla kanatti seenuu dhageesse fiigdee mucaashee baasuuf boolicha seentus isheenis deebitee hin baane.
Ergasii namoonni birmatanii dhufan lamas haala waalfakkaatuun boolla kanaatti seenanii achumaan hafan jedha barsiisaan ijaan arge kun.
Namni shanaffaan boollicha seene hataattama gargaarsa namaa argaateen miidhaan gubachuu fi sirna haara galfii irratti ukkaamfamuu isa mudateen gara mana yaalaa geeffamee lubbuun hafe.
Boolla kana eenyutu qote?
Akka jiraattonni naannoo sanaa jedhanitti, kanaan duras waggoota muraasaan dura namni maqaan isaa Mokonnin Toleeraa jedhamufi jiraadhuma naannichaa ta'e, naannoo sanaa albuudi jiraachuu ijoo wayii waan argeef jechuun qotaa ture.
Namni kunis boolla kana guyyaa hoo'ina isaa waan dadhabeef halkan halkan qotuun hanga meetira jahaa gadi fageessee akka ture himu.
Ta'ulleen haalli boollicha keessa jiru hoo'a abiddaa fi qilleensa afuura nama kutu waan qabuuf dhumarratti rakkoo fayyaa hedduu itti fidee jennaan itti dhiise jedha Jiraataan naannichaa barsiisaa Waakkala Gabaaboo.
Namni Boolla kana qotaa ture boolli kun waan hamaa lubbuu namaa galaafatu akka qabdu waan bareef jecha boolla meetira jaha ture kana hanga meetirri lama haftutti biyyoo itti deebisee akka cufellleen himu.
Boolli bal'ina hanga meetira afurii ta'u qabu kun gabaabaaa fi namni keessa dhaabbatee harka yoo olqabe kan qaqabamu akka ta'elleen dubbata.
Ta'ulleen Boollichi dhohiinsa volkaanootiin kan uumame ta'uu waan hin hafneef qilleensa akka kaarboon monoksaayidii kan nama ukkaamsuufi abidda kan qabudha jedhan.
Namoonni boollichatti lubbuun isaanii darbe akkamitti baafaman?
''Boolla kana itti dhihaatanii namoota kana baasuuf hamaa waan ta'eef reeffa namoota afranii muka kolbaa uffata isaaniitti diruudhaan harkifnee baafne'' jedha Waakkalli.
Reeffi namoota kunneenii yeroo boolla keessaa baafamu mucaa inni jalqabaa seene guutumatti kan gubate yoo ta'u, sadan hafanis gartokkeedhaan akka gubataan arguu hima.
Reeffi naamoota boolla kanaatti lubbuun isaanii darbees sirni awwaalcha isaanii raawwatameera.
Boolli hamaan lubbuu naamootaa galaafate kun sababii qorannoon irratti gaaggeeffamuu qaba jedhameef jecha ammalleen banaa akka turu ta'uus himu barsiisaa Waakkalli.














