'Boorana biratti ibsee bara dukkanaa' kan jedhaman Fitaawiraarii Halakee Guyyoo Xuuyyee eenyu?

Madda suuraa, Aab Jaatanii Diidaa
Seenaa Oromoo Boorana keessatti namoonni waan jajjabduu garaagaraatiin yaadataman hedduutu jiru.
Isaan keessaas Fitaawuraarii Halakee Guyyoo Xuuyyee isaan angafa ta'uu akka hin oolle kanneen seenaa qoratan ni himu.
Waa'ee Halakee Booranni yoo dubbatu: "Halakee Guyyoo Xuuyyee faayaa, mul'ataan akka gaaraa, guddaan akka Waaqaa," jechuun ulfina qabuuf ibsa.
Hayyuun kun nama jireenya hawaasa isaa foyyeessuuf, akkasumas daangaan Oromiyaa akka hin dhiibamne tolchuuf, waggoota dheeraaf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa akka ture himan hawaasni kun.
Fitaawuraarii Halakeen bara mootii Haayilasillaaseetti, daangaa lafa horsiise-bulaa Booranaa eegsisuuf fageenya km 778.1, Moyaaleerraa hanga Finfinneetti miilaan ala lama, konkoolaataan ala sagal akka deddeebi'an himama.
Hayyuun kun daangaa lafa Oromiyaatiif qofaa osoo hintaane daangaa Itoophiyaatiif Ingiliizii Keeniyaa kolooniin qabattee turte waliin falmuun daangaa eegsisaniif mootii Itoophiyaa yeroosii Haayilasillaaseerraa badhaasa meedaaliyaa warqii giraama 500 fi maqaa kabajaa Fitaawuraarii jedhu argatan.
Bulchaan Booranaa duraanii Shaalaqaa Jaatanii Alii gama isaanitiin, "Ani Booranaaf homaa hin hojjanne, waan Aabba Halakee faan duraan hojjetan badii dhorkine malee," jedhan waa'ee isaanii yoo ibsan.
Ittigaafatamummaafi maatii
Hayyuu Halakeen akkuma ummataaf of kennan, maatiisaatiif kabaja olaanaa qabaachutu himama. Haata'u malee, yeroo hedduu hojii ummataarratti waan dabarsaniifu ijoolleensaanii waliin yeroo dheeraa akka hindabarsiine himu ilmisaan.
"Dhimmi hedduun Aab Halakeen ummatasaatiif hojjateef jecha hanga ammaatti ittiin jaalatamee, leellifamee, kabajajaan yaadatamu,'' jedhu barreessan seenaasaa Aab Jaatanii Diidaa.
Ilmisaanii lammaffaan Aab Boonayyaa Halakee, maanguddoon ganna 72, akka himanitti, Halakeen nama waan lafa irra jiru hunda jaalatu, gara laafessa, durreessa irra hiyyeessa kan jaalatuu, nama dhara/soba jibbu akka ta'an himan.
Gara laafummaa abbaa isaanii kanas mudannoo magaalaa Finfinneetti waliin isaan mudate kaasuun himu. Nama suuraa namaa qabatee boo'u tokko arguun firri kan jalaa du'u ta'uu erga dhagahaniin booda waliin bo'an jedhu.
Aab Halakeen fira ta'uu baatulleen ilmee namaa ta'uu qofaan akka nama jaalatan dhugaa bahu.

Dhaloota Fit. Halakee Guyyoo
Aab Halakeen abbaa isaanii Obbo Guyyoo Xuuyyee Jaldeessaafi haadha isaanii Aadde Halakuu Guyyoo irraa bara 1891tti Keeniyaa naannoo Waajjeera kan amma (Wajir County) jedhamutti maatii horsiise-bulaa irraa dhalatan.
Maatiin isaanii bara Mootiin Minilik Itoophiyaa bulchu daangaa qaxxaamuruun Keeniyaa, bakka Buna jedhamtu qubatan.
Waggoota muraasaan booda gama Itophiyaatti deebi'an jedhu hayyuun seenaa beekan.
Abbaan isaanii Aab Guyyoo Xuuyyee akkuma maatiisaanii duraanii dureessa turan, gara loon 100 bobaasu jedha Aab Boonayyaan.
Hayyuu Halakeen dhalootaan gosa Kaaba Keeniyaatti argamtuu Reendila jedhamtuurraa dhufan.
"Hiddi warra keennaa Reendila. Obboleeyyan sadii sirna Reendila dadhabdee, koottaa Booranatti gallaa jette horii fudhate yaate. Obboolaan lama baddaa huriitti hafte.
Kan Filqayyoo jedhamu ammoo gara daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa bakka Foroollee jedhamtuutti duula Booranaa kan Reendila haadhuuf yaa'un fuula keessa wal-dhufan,'' jechuun seenaa dhaloota warrasaanii himu Aab Boonayyaan.
Aab Halakee Guyyoo akka ijoollee horsiisee bulaa birootti, horii tiksee hin beekuu, mana barnootaa hin deemne garuu kora jaarrollee hunda deemuun waa'ee hedduu barachuun umurii ganna 25tti hoggansa eegale.
Kibbi Oromiyaa sababii lafa bishaan, marra [marga], soogdaafi biyyee dansaa qabuuf, akkasumas horiif kan tolu waan ta'eef waggoota dheeraaf falmiin lafaa akka ture himu jaarrolleen.
Namoonni akka Halakee Xuuyyee ijoolluummaa kaasanii lafti kun akka hin banne, horsiisee bulaan bakka horiinsaa dheeddu akka hin dhabne gochuuf itti rakkatuu himu ilmisaanii Aab Bonayyaa.
''Gaafa waraanni Somaalii Mooyyalee dhufe horii kumaatamaan lakkaa'amu fudhate. Halakeefi namni biraa sadii hordofuun, loon 70 fi harree 24 galchan," jechuun gootummaa abbaasaanii yaadatu.
Waa'ee maatii isaanii
Aab Halakeen si'a sadii bultoo dhaabbatan. Kanaanis ijoollee dhiiraa 11 fi dubara saddeeti argatan.
Ilmasaanii Aab Bonayyaa Halakee, "Aabboon daa'imummaa keenyaan guddoo nu hin argine. Halkanii guyyaa dubbii deema. Waggaa tokko ykn lama booda fa'i taa'ee deebi'a. Yeroo ilmeesaatiin kun kan eenyuuti jedhee gaafatee jira,'' jedhan.
"Ta'ullee, waggaa tokko ykn lama turee yoo deebi'utti takkaa harka qullaa nutti hin galle, yoo xiqqaate karameellaa qabatee dhufa ture," jechuun jaalala maatiif qaban yaadatu.
Yeroo tokkoos osoo dhimma lafaatiif Finfinnee jiranuu ilmisaanii angafti dhukkubsachuu itti ergamee, ''lakki ani kaayyoon manaa ittiin bahe bakkaan gahu malee hin galu.
''Inni ummatasaa keessa jiraatii, yoo du'e awwaalaa,'' jechuusaa yaadachuun kutannoo abbaansaanii dhimma ummataatiif qaban himu Aab Boonayyaan.

Gochaa kanaanis Aab Halakee Guyyoo hanga har'aatti Oromoo Booranaafi Gabraa biratti faarfamu jedhu.
Bara shiftaan loonsaa jalaa fudhate, Booranni bakka jiru akka bakka buuseef himu Aab Boonayyaan.
"Guyyaa tokko warri Areeroo koottu loon fudhadhu jennaan waliin yaane. Loon 50 kennameef keessaa kan ollaa keenyatti gale 24 qofa, kaan namaa qoode."
"Aabboo maaliif qoodda jedhee gaafannaan, 'ani Booranni qabaannaan argadheera. Iyyeessa kanaaf eennuti kennaaf?' jedhe na gaafate," jechuun gara laafummaa abbaasaa himu.
Aab Boonayyaa waan abbaansaanii hojjate seenaan akka hin dagatamneef dhalootaatti dabarsuuf yaalaniiru.
"Waan guddoo inni hojjate kana badii dhorkuuf jecha ganna tokkoof ji'a sadii deemuun, kitaaba barreessise. Akkasumas, hospitaalli Mooyyalee yaadannoosaaf maqaasaatti jijjiran," jedhu.
Falmii lafa Booranaa deebisuu
Lafa duraan horsiise-bula Booranaarraa fudhatame gaafachuuf jecha bara bulchiinsa mootii Haayilasillaasee miilaan Finfinnee deemaa akka turan himu barreessan seenaa Halakee Aab Jaatanii Diidaa.
Bara sana keessa namoonni baay'een wayita eenyu biyya akka bulchuu hin beeknetti odeeffatanii falmiif Finfinnee deeman jedhu.
Mooyyaalee hanga Finfinnee lafa fageenya kiilomeetira 778 deemun ulfaataa ture. Yeroos namni horii irraa bituu waan dhabameef, maallaqa malee gaangee isaanii qabatanii booqee sooddatii soogda fudhatanii nyaataan bitachaa hanga Finfinnee imala jedhu Aab Jaataniin.
Achi erga qaqqabaniin boodas mooticha arguun salphaa akka hin turre ibsan ilmi isaanii Aab Boonayyaan.
Hayyuun kun walumaagalatti yeroo 14f mooticha dubbisuuf Finfinnee akka deeman himu Aab Boonayyaan.
"Hojii kanas qofaa hin hojjanne, jaarroleen Booranaa kan isaan waliin deeman hedduuti ture. Mooyaaleerraa Roobaa Kuraa, Meeggaarraa Taarii Liiban fi Gollisaa Boruu, Areeroorraa Tafarraa Nuuraa, Taltalleerraa Tunnee Duubaa, Liiban Jaarsoo Boruu fi Duubaa Diimaa fa'i waliin imalaa ture.''
Imalasaaniin duralleen hawaasa waliin marii jabduu akka taasisan himu.
Jaarroleen kunneen rakkoo daangaa lafa Booranaatiin walqabatee furuuf waa hedduu carraaqanilleen, hanga ammaatti hin furamiin jira.
Halakee Guyyoo daangaa Oromiyaa qofa osoo hin taane Itoophiyaaf falmuun beekamu. Ingliziin bara Keeniyaan koloniin bulchaa turtetti dangaa Keeniyaa gama Itoophiyaan jiru bakka Qaddaduma jedhanitti qabde.
''Haala kana kan hubatan Aab Halakeenis dhimmicha barreeffachuun Hayilasillaaseetti geesse itti hime," jedhan.
Mootichis erga dubbicha mirkaneeffateen booda, Mootummoota Gamtoomaniitti iyyachuun daangaan bakka amma jirtutti deebisan. Halakeef ammoo angoofi badhaasa addaa kenneef.
Bara 1963 keessa erga Keeniyaan koloonii Inglizi jalaa baateen booda, konyaalleen Kibbaa, Gaarrisaa, Wajeeriifi Mandeeraan Keeniyaa irra addaan ba'uu Soomaliyaa wajjin ta'uun duula eegalan. Konyallee Marsabeetii, Mooyaaleefi Isooloo illee of gula baasuu barbaade.
Hata'u malee, jaarrolleefi namoonni ogummaa qaban yaadaa kana falmuun paartii siyaasaa hundeessanii ummati Booranaa, Saakuyee, Gabraa, Burjiifi kaan akka yaada kana hindeeggarre hubachiisuu eegalan.
Kana hordofee Komishinarri Afriikaa duraanii Dabbasoo Wabeeraafi hogganaan duraanii Hajji Galmaa Diidoo, shiftoota Somalii lamaan ajjjeefamuun lubbusaanii dhaban.
Bara kana keessaa Fitaawuraarii Halakee Guyyoo mootii Itoophiyaatti iyyachuun namoota lafti Keeniyaa Somaliyaaf akka hincinne qabsoo geggessaa turan maallaqaan deeggare.
"Lafa Itoophiyaa qofa osoo hintaane kan Keeniyaafiillee qabsaa'aa ture," jedha Aab Bonaayyaan.

Dhaamsa Fit. Halakee Guyyoo
Barreessaan kitaaba seenaasaa Aab Jaatanii Diidaa, Gooticha keessatti dhaamsasaa yoo ibsu;
"Dhaamsi dhumaa kana Oromoon tokko jedhe
Warra tokkummaa hin qabne bobbaan furda
Furdaafi furrisaa didaa ganamaan ka'aa
Daayimtuu kallattii hundaa dhalootaaf fuudhaa
Namii hardhaa daandii dhalootaa boriiti
Daandiin hardhaa karaa dhaloota egeriiti
Waan hattuun hin hanne dhalootaaf kaa'aa dabraa' jechuun dhaammate.
Ammallee gibira dabaa mootummaan Itoophiyaa ummata irraa guuru nama didaa turedha.
Sababa kanaaf, horsiifattee bultoonni Booranaafi Gabraa akkana jechuun isa faarsu.
Warrii jaalaa waliin birrii nyaataa
Diimaan ka Korbeessaa nyaapha
Korbeessa Gabraa dabatti nyaata
Daabii miigoo garaa nyaata
Halakee Guyyoo faayaa dhugaatti garaa aarsaa
Nyaapha horii fudhate adamsee irraa baasa."
Hayyuun kunis, erguma ADWUI'n mootummaa Dargii kuffisuun aangoo qabateen booda bara 1994 umurii waggaa 103'tti aanaa Mooyyalee, Ganda Tuqqaatti boqochuun awwaalaman.















