Humni Gamtaa Afriikaa osoo bahee waraanni Somaaliyaa al-Shabaabiin to’ataa laata?

Biyyi Somaaliyaa kan waggootaaf garee Al shabaabiin jeeqamaa jirtu, nageenya ishee mirkaneessuuf deeggarsa waraana biyyoota ollaatti gargaaramaa turte.

Waggoota darbaniif humna nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaa (AMISOM) jedhamutu biyyattii keessatti bobba’uun eegumsaa fi duulawwan loltummaa gaggeessaa ture.

Gaheen humna kanaas amma xumuramuuf adeemaa jira.

Mudde 2024 yeroo humni nagaa kabachiisaa gamtichaa yeroo itti gutummaan Somaaliyaa keessaa itti bahu akka ta’u murtaa’eera.

Isaan dura garuu humnootiin biyya alaa dhimmoota nageenya biyyattii waraana Somaaliyaa fi humnoota nageenyaatti dabarsu qabaatu.

Adeemsa kanaan dhiheenyatti AMISOM maqaasaa gara ‘Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti’ jedhuutti geeddarata.

Humni kunis bara 2024tti gutummaan biyyattii keessaa akka bahuuf Gamtaan Afriikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Mootummaan Somaaliyaa waliigalteerra ni gahu.

Baatiiwwan darban muraasa keessatti mootummaan Somaaliyaa fi miseensoonni milishaa gosaa garee al-shabaab kan gareewwan shororkeessaa idil-addunyaa waliin hidhata akka qabu himamee irratti xiyyeeffachuun duula waraanaa gaggeessaa turan.

Gareen Al-shabaab kan waraanni cimaan irratti banes hoggantootaa fi loltootasaa hedduu akkasumas bulchiinsawwan to’annaasaa jala turan heddu dhabuutu himama.

Dureewwan biyyoota ollaa dhiheenya kana Moqaadishootti walgahii taa’anii turanis duula al-shabaab irratti bane akka deeggaran mirkanneesaniiru.

Pirezidantiin Keeniyaa kan loltoota ishee humna nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaa keessatti hirmaachisaa jirtuu, Pirezidanti Wiiliyaam Ruuttoo fi gitinisaaa pirezidantiin Jabuutii Ismaa’eel Omaar Guleeh akkasumas MM Itoophiyaa Abiy Ahimad duula mootummaan Somaaliyaa taasisaa jiru deeggaruu akka itti fufan ibsaniiru.

Humni nagaa kabachiisaa Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti bobba’ee argamus, dhimma nagaatiin Somaaliyaa deeggaruun alatti al-shabaab waraanuu keessatti kallattii hirmaannaa taasisaa jira.

Humni nagaa kabachiisaa kunis Somaaliyaa keessatti kan bobba’e bara 2007 wayita nageenyi mootummaa jidduugala Somaaliyaa balaarratti kufee tureetti.

Humni kunis waggootaaf haala nageenya biyyatti olaantummaan dursaa ture.

Haata’u malee haalichi humnoota nageenya Somaaliyaatti gaaffii hanga yoomiitti nageenyi biyyattii humnoota biyya alaatiin kabajama kan jedhu kaasee ture.

Ajajaa olaanaa waraanaa Somaaliyaa kan turaniifi amma lubbuun kan hin jirre Jeneraal Abulqaadiir Alii Diisiiye yeroo tokko, waraanni biyyattii ittigaafatamummaa nageenyaa kan hin fudhannee waan rakkoon nageenyaa jiru badaa adeemeef jechuun BBC Somaaleetti dubbatanii ture.

Jenaraalichis mootummaan biyya bulchaa jiru itti gaafatamummaa jalqabaa fudhachuu irra jiraatulleen, dureewwan biyyoota ollaas itti gaafatamummaa ni qabaatu jedhanii ture.

‘‘Humnootiin bulchiinsa Somaaliyaa jala ta’uu qabaatan, to’annoo mootummoota biyya alaa fedhii biraa qaban jalatti argamu,’’ jechuun BBC Somaaleetti dubbatan.

Humni nagaa kabachiisu biyyattii erga seenee waggaa 10n booda manni maree nagaa Mootummoota gamtoomanii bulchiinsi nageenya Somaaliyaa gara waraana biyyaaleessa Somaaliyaatti haa dabarfamu jedhe ture.

Mootummaan Somaaliyaa loltota isaa biyya keessaafi biyya biraatti leenjisulleen waraanichi garuu haala karoora mana marii nagaatiin ittigaafatamummaa fudhachu hin dandeenye.

Haaluma qaama humnoota biyya alaa Somaaliyaa keessaa baasuttis baatii tokkoon dura, baay’inni loltoota biyyattii keessatti bobbaafamee gara kuma lamaatti gadi akka bu’u taasifameera.

Filannoodhaan yeroo lammataatiif Somaaliyaa hogganuuf kan jira Sheeh Hasan duulawwan taasisaniin yeroo gabaabaa keessatti garee al-Shabaab dadhabsiisuu danda’aniiru.

Kana malees, humni qilleensaa Ameerikaafi humnootiin adda hidhattoota al-shabaab fi dureewwan isaa irratti tarkaanfii fudhataniin hedduun ajjeefamaniiru.

Biyyoonni ollaas duula mootummaa hidhattoota kanneen irratti gaggeessu akka deegaran ibsaa jiru.