Sagalee gabbiinaa xiyyaara Indiyaa caccabee argame falmii kaase

Balaa xiyyaara Hindii 'Air India Boeing 787 lubbuu namoota 260 galaafate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Balaa xiyyaara Indiyaa 'Air India Boeing 787 lubbuu namoota 260 galaafate

Gabaasni qorannoo jalqabaa balaa xiyyaara Indiyaa lakkoofsa balalii 171, ji'a Waxabajji keessa lubbuu namoota 260 galaafatee yeroo bahe namoonni baay'een sababa isaa ni hubatu jedhamee yaadamee ture.

Faallaa isaa gabaasni fuula 15 qabu kun dubbii duraan ture irratti abiddatti gaazii dabaluu tahe.

Xiyyaarichi ka'ee sekondii muraasa keessatti injiiniin xiyyaarichaa boba'aa darbarsu ''cufame.'' kana irraa kan ka'e xiyyaarichi boba'aa ykn humna ittiin balal'iu dhabe.

Kun kan tahu erga xiyyaarri lafa qubatee booda ture. Xiyyaarri Boeing 787 jedhamu kun erga bitamee waggaa 12 qofa tajaajile.

Waraabbiin sagalee sanduuqa xiyyaaricha keessaa argame eenyu maal akka jedhe waan himu hin qabu. Yeroo xiyyaarichi ka'u gargaaraa paayileetiitu balaliisisaa ture.

Paayileetii xiyyaarichaa ammoo hordofaa ture.

Injiiniin xiyyaarichaa bakka yeroo balaliif barbaachisuutti deebi'anii ture. Injiinii lammaffaan humna kennuu jalqabuuf jedha ture. Injiinii inni kaan ammoo ifuu jalqabeera. Garuu balalii xiyyaarichaaf humna gargaaru guutuu kennuu irra hin geenye. Xiyyaarri daqiiqaa tokko gadiif qilleensa irra ture akkuma ka'een Lixa magaala Ahmedabda jedhamutti mana namaa irratti kufuun caccabe.

Bu'aa qorannoo jalqabaa erga baheen as shakkiiwan heduun bahaa jiru. Bu'aan qorannoo guutuu tahe waggaa tokkoo keessatti kan bahu taha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rooyitarsii fi 'The Wall Street Journal' gabaasa baasaniin ;;gabaasonni amma bahan balleessaa balaa xiyyaara 'Air India' dhaqabeef hunduu quba gara paayileetii xiyyaarichaa gameessaatti qaba'' jedhe.

Gaazexaan biyya Xaaliyaanii 'Corriere della Sera' jedhamu gargaaraan paayileetii xiyyaaricha balaliisisaa ture paayileetii isa gameessa cina isaa tureen ''maaliif injiinii cufte'' jedhee irra deddeebiin gaafataa turuu maddeen keenya nutti himaniiru jedhe.

Paayileeetiin xiyyaarichaa Sumeet Sabawaal jedhamu nama ganna 56 tahe kaappiteenii xiyyaarichaati.

Kileev Kunder kan ganna 32 tahe ammoo gargaaraa paayileetichaati.

Lameen isaanii waliin sa'aa 19,000 tahuuf muuxannoo xiyyaara balaliisisuu qabu.

Walakkaan isaa xiyyaara Boeing 787 irrattidha.

Lameen isaanii qorannoo fayyaa balaliin duraa darbaniiru.

Amma qabiyyeen gabaasichaa dhoksaan bahuun qorattootaa fi paayileetota Hindii akka malee aarseera.

Torban darbe Biiroon Qorannoo Balaa Xiyyaaraa Hindii kan amma adda durummaan qorannicha gaggeessaa jiru, miidiyaaleen idil-addunyaa tokko tokko ''ragaalee hin mirkanoofneefi filataman'' irra dhaabbachuun sababa balaa kanaa irratti guduunfaa kennaa jiru jedhe. ''Gochaan kun itti gaafatamummaa dhabuudha,'' qorannichi ammayyuu hin xumuramne jedhe.

Jenifer Homendii, dursituu Boordii Nageenya Geejibaa US kan taate, gabaasonni miiidyaalee bahan yeroo isaanii kan hin eeggannee fi shakkiidha jechuun X irratti barreessite.

''Balaa guddaa akkasii qoratanii xumuruun yeroo dheeraa gaafata'' jette.

Saam Toomaas, Waldaa Balaliistota Hindii kan tahe BBCtti akka himetti, shakkiiwan jiran gabaasuun iftoomina irratti rakkoo uuma. Ragaa sagalee waraabamee irratti suphaa xiyyaarichaa kana duraa fi ragaalee kaan ilaaluun barbaachisa'' jedhe.

Sagaleen waraabamee bahe guutummaan isaa bifa barreeffamaan xumura qorannoo waliigalaa irratti ni maxxanfama. Yeroo sana sababa isaa ifatti hubachuun danda'ama jedhan.

Qorataan Kanaadaa keessa maandhefatee fi maqaa isaa akka eeramu hin feene tokko ammoo sababa balichaaf waan hedduu ka'umsa tahuu mala jedhe.

Fakkeenyaaf, ''osoo paayileetii 'B' injiinii xiyyaarichaa to'ataa tureera tahe, osoo hin beekiin cufe tahee,- Kun beekamaadha, boodarra ani hin goone jedhu,'' jedhe.

''Garuu paayileetii 'A' injiinii daddabarsa boba'aa to'ata taanaan tahe jedhee osoo waan hundaa beekuu, sagalee gabbiinaatti waraabame sana irratti gaaffii ka'uu waan beekuuf, xiyyeeffannoo ofirraa kaasuu fi eenyu akka balicha dhaqabsiise akka isarraa ka'uuf dubbachuu danda'a'' jedhe.

''Qaamni Hindiitii Qorannoo kana gaggeessaa jiru [AAIB] eenyu maal jedhe kan jedhu murteessus, ammayyuu dhugumatti eenyutu daddabarsa injiinii boba'aa cufe kan jedhu hin deebisu.''

''Gaaffii sanaaf inumaayyuu deebii argachuu hin dandeenyu.''

Qorattoonni BBCtti akka himanitti to'annoon daddabarsa boba'aa harkaan kana banamuu fi cufamu tahuu himuun, ammas bu'aa qorannichaaf ''yaada banaa qabaachuu barbaachisa.''

To'annoo Injiinii Dijitaalaa Guutuu Xiyyaarichaa- kan fayyaa fi sochii xiyyaarichaa to'atu mallattoo sobaa [signal] yoo argate injiinii cufuu mala.

Haa tahu malee, paayileetiin xiyyaaricha balaliisaa ture, 'maaliif daddabarsa boba'aa cufte?' kan jedhu yoo tahe, akka qorannoo jalqabaa irraa argametti, yaad-rimee xiyyaarichi ofiin dadabarsicha cufuu danda'a jedhu faallaeessa jedhan.

Sagaleen waraabame gadhiifame gaaffii adda addaa kaaseera. Dhuguma qorattoonni sagalichi kan paayileetii isa kamii akka tahe sirriitti beekuu? Moo odeeffannoo murteessaa waan taheef guutuu isaa hin ibsine? Moo ammayyuu sagalee eenyuu akka tahe waan hin beekneef maxxansuu isaaniin dura qorachuuf yeroo dheeraa isaan gaafate?

Piiter Goolzi, daariktera duraanii NTSB kan tahe, AAIB qaamni Hindii qorannoo kana gaggeessu barreeffamaan sagalee paayileetii dubbatuu maxxansuu qaba jedhan.

''Yeroo xiyyaarichi ka'u rakkoo wayii jalqabee yoo tahe, Waraabbii Ragaalee Balalii keessatti galmaa'u. Kun ammoo silaa sirna to'annoo balaliif ergaa kennu qaba ture. Inni ammoo garee balaliistotaaf ergaa waan dabarsuuf irratti mari'achuu danda'u.''

Qorattoonni miiidyaalee fi qaama kaan waa'ee balaa kanaa yaada guduunfaa kennuu irraa akka of qusachuu qaban gaafatan.

''Of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Daddabarsa boba'aa cufuun gochaa itti yaaduun godhamudha.Dogogora paayileetiiti, ajjeechaadha ykn waan biraati jedhanii tilmaamuun salphaadha.

Odeeffannoo muraasa qabatanii akkasiin ibsuun baay'ee ulfaadhaadha,'' jechuun BBCtti himan, ogeessa aviyeeshinii Ohaayoo Yuunvarsiitii fi qorataa duraanii balaa xiyyaaraa kan turan Shoon Piruuchiniki.