'Hiriyaankoo na fuulduratti du'e'-Barataa xiyyaaraa mana barnootaatti kuferraa hafe

Farhaan Hasan jedhama. Wayita jeettiin leenjii humna qilleensaa Baangilaadeesh mooraa mana barumsaa isaa keessatti kufe yoo xiqqaate lubbuu namoonni 27 dabarsu reefuu qormaata xumuree daree bahuun hiriyyoota isaa waliin haasa'aa jalqaba ture.
''Xiyyaarri gubachaa ture otoon ilaaluu gamoo mana barnootatti bu'e,'' jechuun barataan Mana Barumsaa fi Kolleejjii Maayilistoon jedhamuu BBCtti hime.
Viidiyoon mana barumsichaa naannoo kaabaa magaalaa guddoo Baangilaadesh, Daakaatti argamutti waraabame, xiyyaarri gamoo abbaa darbii lamaa tokkotti bu'uu hordofee ibidda guddaa fi aara yabbuu ol aaru agarsiisa.
Balaa kanaan namoonni 170 ol madaa'aniiru.
Humnoonni waraanaa biyyattii akka ibsetti, jeettiin F-7 kun shaakala leenjiif erga lafaa ol ka'ee booda rakkoon isa mudate.
Balaliisaan Letenaal Md. Tawukir Islaam namoota namoota balaa kanaan du'an keessatti argama.
Farhaan, eessuma fi abbaa isaa waliin turetti BBC Afaan Baangalitti
dubbate.
"Michuu koo, galma qormaataa keessa waliin ture, ija koo duratti du'e" jedhe.
"Ija koo duratti... xiyyaarichi mataa isaa irratti kufe.
Maaatiin barattootaa hedduun immoo guyyaa ijoolleen xixiqqoo xumuran waan ta'ee ijoolleesaanii simachuuf mana barnootaa keessa dhaabatanii ijjoolleesaanii eegaa turan.
Warri ijoollee kunis balaa kanaan miidhaman " jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barsiisaan kolleejjichaa Rezuul Islaam BBC'tti akka himetti, xiyyaarrichi''kallattiin'' gamootti bu'e.
Barsiisaan biraa Masuud Taarik sagalee dhohinsa dhaga'uu Rooyitarsitti himan.
"Yeroon of duuba ilaalu ibiddaa fi aara qofan arge... Bakka sana namoota barattoota eeganii fi ijoollee baay'eetu ture" jedhe.
Balaan kun erga mudatee sa'aatii muraasa booda, naannoo mana jireenyaa uummata baay'ee qabu waan tureef, namoonni baay'een walitti qabamanii turan.
Namoonni kallattii hundaan yeroo bakka balaan qaqqabetti fiigan tola-ooltonni namoota miidhamanii fi reeffa Kolleejjii Maayilistoon keessaa baasuuf tattafataa turan.
Yoo xiqqaate ambulaansonni 30 namoota bakka sanaa wayita fuudhanii deemaniiru.
Dubartiin bakka balaan kun itti dhaqqabe odeeffannoo barbaada turte tokko BBC'tti akka himtetti, ilmi ishee battala balaan sun qaqqabe booda bilbilee ture, garuu ergasii eessa akka bu'e hin dhageenye.
Daa'immanii fi ga'eessota dabalatee namoonni 50 ol miidhamanii gara hospitaalaatti geeffamuu isaanii hakiimni Inistiitiyuutii hakiimni baqaqsanii yaaluu tokko himaniru.

Madda suuraa, Nur Photo via Getty Images
Maatiin fi firoottan namoota miidhaman hedduun hospitaala keessa turan – Tanvir Ahimad balaa kanaan du'e dabalatee Shaah Alaam, eessumni mucaa waggaa 8 balaa kanan kanneen miidhaman keessatti argamu.
Obbo Alam obboleessa isaanii quxisuu - abbaa Tanvir – kan dubbachuu hin dandeenye harkaan qabataa akkas jedhan" Ilmi obboleessa kootii ammaa mana reeffaa keessa jira."
Namoonni hospitaala bakka namoonni gubatan itti yaalaman keessa jiran irra caalaan isaanii daa'imman umuriin isaanii waggaa 9 hanga 14 gidduutti argamu.
Hwaasni biyyattii dhiiga arjoomuuf gara hospitaalichaa dhaqan.
Qondaaloonni siyaasaa dhaabbilee siyaasaa biyyattii beekamoo lamaan- Paartii (BNP) fi Jamaat-e-Islaam namoota miidhaman kana hospitaala dhaqanii gaafatan.
Ministeerri Fayyaa Baanglaadeesh akka jedhetti, namoonni miidhaman hospitaalota torba Daakaa keessatti argaman geeffaman.
Mootummaan ce'umsaa Baangilaadeesh guyyaa gaddaa biyyattiitti labsan.












