Injinarri Finfinneetti kophee qulqulleessaa turte hojii hawwiishee ture hojjechuu eegalte

Injinarri magaala Finfinnee keessatti hojii kophee haxaa’uun of jiraachisaa turte Mintaamir Ballaxa, hawwiishee yeroo dheeraa kan ture hojii uffata hodhuu hojjechuu eegalte.

Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mummee barnootaa Injinariingii Huccuun /Textile Engineering/ kan ebbifamte shamarreen tun, ogummaa isheetiin hojii waan dhabdeef hojii kophee qulqulleessuu hojjechaa turte.

Haata’u malee gaaffi fi deebii ji’oota muraasa dura BBC waliin taasifte hordofee biyya keessaafi alaa deeggarsa argachuushee BBC'tti himteerti.

“Jireenya akkan mo’adhuuf, akkan ol jedhu kan na taasifte meeshaa liistiroo kooti” shamarree Mintaamir Ballaxa.

Yeroo ammaattis magaala Finfinnee naannoo Massaalamiyaa jedhamuun beekkamutti mana hodhaa uffataa banachuun hojii hawwiishee ture hojjechuu eegalteerti.

Shamarree Mintaamir hojii haaraa jalqabde kanaan nama biraa tokkoo of jalatti qacaruun carraa hojii uumterti.

Gaaffiifi deebii BBC booda

Miidiyaan BBC ji’oota muraasa dura magaala Finfinnee iddoo kophee itti qulqulleessitutti deemuun shamarree Mintaamir Ballaxa haasofsiisee ture.

Oduun BBCn waa’ee shamarree tanaa hojjetes namoota hedduun kan jaalatame fi baay’inaan kan qoodame ture.

“Miidiyaa keessan (BBC) irratti ergan dhiyaadhee booda miidiyaaleen adda addaa walharkaa fuudhanii gabaasaa turan. Sana ilaalanii namootni baay’een naaf bilbilaa turan. ‘Shamarree tana gargaaruu barbaadna, teessoon ishee eessa’ jedhanii kan gaafatan, iddoon itti hojjedhu kan dhufanis ni jiru” jetti shamarree Mintaamir.

Taateen kun hawwiinshee yeroo dheeraa haala isheen hin eegnen yeroo gabaabaa keessatti akka milkaa’uuf carraa akka uumefis himteerti.

“Osoon humna qabaadhee ogummaa uffata hodhuufi dizaayinii faashinii hojjechuun barbaada jedhee abjuukoo isinitti himeen ture. Amma gargaarsa namoota heddun gara hojii kanaa seenera” jetteerti.

Yeroo ammaa maashiniiwwan hodhaa uffataa sadi akka qabdu kan himtu shamarree Mintaamir, ammatti uffata dubartootaa hodhuun gabaaf dhiyeessaa akka jirtu himteerti.

“Ammatti nama tokko qacareen jira. Itti aansuun hojiikoo waanin babal’isuuf namoota biroollee nan qacara. Namoota biroof carraa hojii uumuu nan barbaada” jechuunis karoorashee gara fulduraa himti.

“Meeshaan listirookoo kabajaadhaan teessi”

Hojiin kophee qulqulleessuu sadarkaa amma irra geesseef bu’uura kan ta’eef Mintaamir, meeshaa qophee ittiin qulqulleessaa turteef (liistiroo) kabajaafi jaalala guddaa akka qabdu himti.

“Meeshaan liistiroo kabajaadhaan olkaawwamtee jirti. Sababa isheetin iddoon turerraa ol jedhe. Hojiin kophee qulqulleessuu namootaan kan tuffatamu ta’ullee hojiin kabajamaadha jedheen hojjechaa ture. Osoon isa hojjechuu baadhee iddoon amma jiru kana hin gahu ture” jetti.

Hojii hodhaa uffataa dunkaana xiqqoo keessatti eegalte kana gara dhaabbata guddatti guddisuuf akka hojjettu himuunis imala jireenyashee kana keessatti liistirooshees waliin akka turtu dubbatti.

“Meeshaa liistirookoo baay’een jaaladha, baay’een kabaja. Hangan lubbuun jirutti kabajaadhaan manakoo keessa teessi. Isheen anaaf yeroo hunda misirroodha” jetti shamarree Mintaamir.

“Jireenya akkan mo’adhuuf, akkan ol jedhu kan na taasifte meeshaa liistiroo kooti,” jetteerti.