Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yakka, safuufi cubbuu waan hin taane cufa nan dalaga' - Shamarree kophee qulleessuun of barsiiftu
Itoophiyaa keessatti dargaggoonni hedduun sababa dhabiinsa hojiitin rakkoolee garaagaraa keessatti kufanii argamu.
Shamarreen godina Booranaa magaalaa Yaa'abal'oo jiraattu tun garuu ''hojii harka keenya keessa jiru tuffannee qormaata keessa seenuu hin qabnu,'' jetti.
Barattuu kutaa 12ffaa kan taate shamarreen Dansaa Taadhii Diidaa, Boorana Aanaa Yaa’abal’ootti dhalatte. Isheenis yakkaa fi cubbuu irraa kan hafe hojii kamuu dalaguuf kutannoo qabdi.
Maatii horsiisee bulaa Booranaa yeroo hedduu hongeedhaan miidhamu keessatti dhalachuun ammoo, hojii argatte hunda akka hojjettuuf ishee dirqamsiisuu himte.
Dansaan amma kophee qulqulleessaa jirti, hojii shamarran booranaa mitii dhiira birattiyyuu guddoo hin baratamne.
''Hagan guddadhee of bare hojii hojjadhee of jijjiiruun fedha. Guyyaa takkallee namarratti hirkadhee jiraachuu hin feene,'' jechuun kaayyooshee ganamaa himte.
Of jijjiiree jireenya maatii kiyyaallee foyyessuuttin gammada jette. Kanaafu, xiqqummaarraa eegaltee hojii xixiqqoo maallaqa argamsiisuuf hojjetaa akka turte himte.
'Mudannoon kutaa 9 hojiif ka'umsa naaf ta'e'
Durumaanuu yaadi ofiin hojjettee of jijjiiruu keessashee akka ture kan himte shamarree Dansaa Taadhii, dubbiin barsiisaanshee kutaa 9ffaatti dubbatte kaayyoosheetti akka cichitu ishee gargaaruu himte.
''Barsiisaan kiyya 'gufuun guddina Itoophiyaa maali?' jedhee na gaafate. Anis namni Itoophiyaa hojii tuffata jedheen deebiseef. Innis fakkeenyaaf hojii tuffachuun waan akkamiiti? jedhe. Kophee qulquleessuu, gaarii oofuu, waan xixiqqoo guguruun hojii eegaluu' jedheen deebiseef,'' jette.
Barsiisaan ishee bifa qosaatiin 'ati silaa kophee ni qulqulleessitaa?' jedhee na gaafate jette Dansaan.
''Nin qulqulleessa gaafan jedhu ijoolleen akka malee natti kolfan. An garuu qoosaa isaaniin kaayyoo koorraa duubatti hin jenne. Guyyaa sanarraa eegalee meeshaa qopheeffachaan ture,'' jette.
Dansaa Taadhii waan yaadde gabbifachuuf jecha nama mariisisuurraa duubatti hin jettu. Garuu namni hamilee isee buusus, waan itti amanterraa duubatti hin jettu.
''Namoonni gariin ati nama bakka guddaaf eegamtuudha. Akkamitti gaddeebitee fulaa akkasiitti hojjetta? jedhanii duubatti na deebisuuf yaalan. An garuu yaada namaa irratti hirkadhee of duuba hin jenne,'' jette.
''Ani akka malee ejjennoo qaba. Waantin hojjedhu waan safuu hawaasaa cabsu yoo hin ta’in raawwachuurraa duubatti hin jedhu.''
Namni haalota hunda keessattuu waan jedhu hin dhabu kan jettu barattuu Dansaa Taadhii, yaada nama ‚'‘isa si ijaaru fudhattee, isa hamilee si buusu hubattee dhiistee bira kutuu qabda,'' jetti.
Barattuu Dansaa Tadhii muuxannoo kophee qulqulleessuu hin qabdu, garuu waan argite battaluma qalbeeffatti.
Kophee qulqulleessuu wayita eegaltus maamiloota hedduu akka argatteefi daran akka itti gammadde dubbatti.
Dansaan Dubluqitti kutaa 1-6, Yaa’abal’ootti ammoo 7-12tti baratte. Amma qormaata kutaa 12ffaa qoramuuf eegaa jirti.
Barnoota daree galgalatti deebistee, guyyaa ammoo barnoota wangeelaa barachaa hojiishee hojjetti.
'Hojii barbaachaaf miti, hojii kiyya cimsachuufin baradha'
Shamarreen kun kaayyoonshee ijoon waajjira wayiitti qacaramtee hojjechuu osoo hin taane, hojii mataashee qabaattee namoota biroofillee carraa uumuu akka ta’e himte.
''Barnoonni waan maraafuu dansaadha. Garuu ani guyyaa tokko hojii mootummaa seenee hojjedha jedhee yaadee hin beeku. Rakkadhee hafuu hin fedhu. Mul’ata guddaan qaba.''
Dansaa Taadhii wayita kutaa 1-6 Dubluqitti barattu shonkooraa, asheeta, bunaa fi shaayii gurgurtee of gargaaraa turte.
Kunis hojii uumtee hojjechuu akka dandeessu muuxannoo fi ofitti amanummaa guddoo uumeef.
Maatiin Dansaa horsiisee bultoota rakkoo hongeen miidhamaniidha, ta’us ishee gargaaruurraa duubatti jedhanii hin beekan.
''Garuu anis waanan danda’u hojjedhee of gargaaree isaanis gargaaruun qaba,'' jette Dansaan.
Dansaan daree keessatti barattuu giddu galeessaati, hojii sagantaadhaan waan hojjettuuf barnootasheerratti dhiibbaa akka hin uumne himte.
Barattuun kun akka jettutti, Boorana keessatti dhiira ta’eeyyuu namni kophee qulqulleessu hin jiru.
''Waan kun hojii ta’uusaa namuu ni beeka. Garuu namni kutatee itti galu hin jiru. Ni tuffatan. Anaan waan addaa hojjette jedhanii na ajaa’ibsiifatan. Na deeggaran,'' jechuun akkaataa namoonni itti ishee simatan ibsite.
Namni ishee jajjabeessu baayyatus, garuu firoonni ishee hojiishee kanatti hin gammadne akka jiranis himti.
''Maal taatee hojii akkanaatti seente. Yoo rakkatte bilbiltee nu hin gaafattuu? naan jedhan. Namni hedduun ammoo na jajjabeesse,'' jette.
Dhaamsa dargaggootaa fi shamarraniif...
Namoonni hedduun hojiin hin jiru jedhanii rakkoo adda addaa keessa kan galan, kan godaansaaf of saaxilan dogoggoraniiru jetti Dansaan.
''Namatu hin hojjenne malee hojiin ni jira. Namni hojii tuffachuu hin qabu. Fakeenyaaf ijoolleen Booranaa mataa hin ciran, gaarii hin oofan, leestiroo hin hojjetan. Hojii tuffatu. Rakkoon kana malee hojiin dhabamee miti,'' jette.
Hojiin guddaafi diqqaa hin qabu kan jettu shamarreen kun, ''takkaadhaan guddatu osoo hin taane xiqqaarraa ka’anii gara guddaatti deemu,'' jechuun gorsiti.
Rakkoo biraan ammoo amala hirkattummaati jetti.
''Fakkeenyaaf yoo abbaan kan lafa qotu ta’e, ijoolleen hunduu taa’anii isuma eegu. Obboleessi/obboleetiin hojii mootummaa yoo qabate/qabatte taa’anii mindaa nama sanaa eeggatu. Kanaafuu namni cuftinuu of danda’ee hojjechuu male,'' jette.
Barattuun kun erga hojii kophee qulqulleessuu kana eegaltee qondaaltota mootummaa fi maamilootashee dabalatee qaamoleen garaagaraa ishee tumsaa akka jiran himte.
''Kantiibaan magaalaallee na bira dhufee ture. Waan si barbaachisu hunda siif guutna naan jedhe. Birrii kuma 10 fi sheedii waadaa naaf galee deeme. Namoonni hedduunis si waliin jirra jedhanii akka dansaa na jajjabeessan.''
Barattuu Dansaa Taadhii barnootasheenis cimtee akka fuftu, yuuniversitii seentee barnoota hooggansaa (leadership) barachuu akka feetu himte.